Manni Murtii dhimma dhorkaa qabeenyaa Obbo Jawaarfaa irratti ibsa gaafate

Baqqalaa Garbaa, Jawaar Mohaammad, Hamzaa Booranaa

Madda suuraa, Yadi Pictures, BBC, Hamza Borana/Facebook

Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Booranaa fi Obbo Shamsaddin Xahaa dhaddacha har’aa irratti hin argamne.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddachi ramaddii Lidataa falmii dhorkaa qabeenyaa himatamtoota galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota 24 irra jiru har’a ilaalee jira.

Kanaan dura himatamtootni qabeenyi dhuunfaa isaaniifi herreegni baankii isaaniifi maatii isaanii ugguramuun maatii isaanii rakkoof saaxiluusaa fi dhorkaan akka irraa ka’u iyyatanii kan turan yemmuu ta’u, Abbaan Alangaa Waliigalaammoo dhorkaan qabeenyaa ka’uu akka hin qabne falmaa tureera.

Dhimma kanaan walqabatee manni murtichaa dhaddacha har’a oolen himatamtootni fi abukaatoowwan dhimmoota akka waliigaltee mana jireenyaa, kaffaltii mana barnootaa daa’immanii fi kunneen biroo irratti ragaalee/ibsa akka dhiyeessan ajajuusaa abukaatoon himatamtootaa Obbo Kadir Bulloo BBCti himaniiru.

Gama biraatin qabeenyi dhorkaan irra kaa’ame yakkaan kan walqabatu yoo ta’e hanga dhimmichi murtii argatutti dhorkaan ka’uu akka hin qabne abbootin seeraa dubbachuu isaaniis Obbo Kadir himaniiru.

Haa ta’u malee manni murtichaa qabeenyi hanga murtiin kennamutti dhorkaan irraa hin kaane isaan kam akka ta’an wanti ifatti hime akka hin jirre dhubbatan.

Abukaatoon himatamtootaa Obbo Kadir Bulloo, maamiltoota isaanii walin mari’achuun dhimma manni murtichaa ibsa fi ragaalee irratti gaafate akka dhiyeessan himaniiru.

Dhimma kitaabilee Obbo Baqqalaa Garbaan walqabatee wayita Obbo Baqqalaan qabamanitti kitaabni isaan barreessan fi birrii 100,000 baasu walin qabamuusaa kan himan abukaatoon isaaniii Obbo Kadir Bulloo, qabeenya yakkaan hidhata qaba jedhamee shakkame malee kunneen biroo gadhiifamuu akka qaban mana murtichaa gaafachuu isaaniifi manni murtichaas abbaan alangaa dhimmicharratti barreeffamaan deebii akka laatu ajajuu isaa himan.

Manni murtichaas dhimma qabeenyaa kana ilaaluuf Sadaasa 28 bara 2013 beellama qabateera.

Dhaddacharratti argamuu dhabuu Obbo Jawaar fi kunneen biroo

Dhaddacha har’aa irratti Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaana fi Obbo Shamsaddin Xahaa akka hin argamne kan himan abukaatoon isaanii Obbo Kadir Bulloo, guyyaa dilbataa maamiltoota isaanii walin mari’achuu isaanii fi maamiltootni isaanii afran kunis dhaddacha irratti argamuu akka hin barbaanne itti himuu isaanii BBCti himaniiru.

“Dhaddacharratti hin argamnu. Tokkoffaa biyyattiin haala waraana keessa jirtutti uummani du’aa jirutti nuyi qabeenyaaf jennee dhaddacha deemun haamilee keenyaaf gaarii hin ta’u” jechuun itti himuu isaanii Obbo Kadir dubbatan.

Kana males haalli nageenyaa biyyattii keessa jiru rakkisaa ta’uu himuun “osoo balaan nurra gahee yookin yaalin nurratti godhamee biyya kana keessa rakkoon guddaan waan uummamuuf nagaa uummataaf jecha dhaddacha irratti argamuun barbaachisaa miti” jechuun hafuu isaanii himan.

Waa’ee galmee himataa Obbo Jawaarfaa namoota 24

Ji’a Waxabajjii bara 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kunneen biroon labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to’achuuf bahe, labsii yakka telekoomii, labsii bulchiinsa fi to’annoo meeshaa waraanaa fi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun himataman.

Obbo Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba fi Tsaggaayee Raggaasaa namoota biyya keessa hin jirre fi galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himatamanidha.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhimma Obbo Jawaar Mahaammadfaa ilaaluuf Sadaasa 18 bara 2013tti beellama qabachuunsaa ni yaadatama.