KFO: 'Rakkoon nageenyaa bara darbe yuunvarsiitiileetti mudate akka irra hin deebiineef hojii gahaan hojjatamu qaba'

Dhaabbileen barnoota olaanoo sababa weerara Covid-19 fi rakkoo nageenyaan cufaman deebiisanii banuun dura motummaan sirriin itti yaade hojiiwwan hedduu hojjachuutu irraa eegama jedha Kongrasiin Federaalisitii Oromoo.
Mootummaan gama isaatinn rakkoon nageenyaa bara darbeen walfakkaatu deebii'ee akka hin mudanneef hojii gahaan hojjetamaa jira jedhe.
Kongirasiin Federaalistii Oromoo (KFO) barnoonni yunvarsiitiilee keessatti kennamu erga adda citeen booda deebi'ee banamuuf jiru gaarii ta'ulleen, 'haalli nageenya barattootaa kan nama yaaddessudha' jechuun ibsa baaseera.
Dhaabbileen barnoota Olaanoo Itoophiyaa baatiiwwan jahaa olif cufamanii turan barnoota eegaluuf qophiitti jiru.
Dura taa'aan paartichaa Piroofesar Mararaa Guddinaa BBC'tti akka himanitti, rakkoo bara darbe yunvarsiitilee keessatti mudachaa turerraa ka'uun haala qabatamaa barnoota jalqabamuuf jiru irratti yaaddoo akka qaban himan.
Ministeerri Saayinsiifi Barnoota Olaanoo gama isaatiin rakkoon bara darbe mudate akka irra - deebiin hin mudanneef hojjechaa akka jiru ibseera.
Dubbi Himaan ministeerichaa Obbo Dachaasaa Gurmuu rakkoon akka irra deebiin hin mudannef wantoota dalagaman akkanaan ibsu.
''Akammitti deebi'e akka hin dhufne taasisna kan jedhu irra - deddeebi'e waan madaalameef qaamni qooda fudhattoota ta'an hundi isaanii waan irraa eegamu yoo kan raawwatan taate inni suni nutti hin deebi'u jennee abdannee hojjetaa jirra,'' jedhan
Inni lammaffaan olaantummaa seeraa kabachiisuudha jechuun ibsan. Dabalataan, eegumsa yunivarsiitootaa cimsuuf wantoonni dalagaman akka jiranillee ibsan.
Barattoonni maal jedhu?
Barattuu Yunivarsiitii Arbaa Minci ta'uu kan himtu Qaalkidaan Abbaay sababa Covid-19'n barnoonni erga cufamee booda banamuu isaan gammaduu himti.
Rakkoo nageenyaan walqabatee sodaa yoo qabaatte kan gaafanne barattuun kuni yunivarsiiti Arbaamincitti yaaddoo akkanaa akka hin qabne himti.
''Akka yunivarsiitii keenyaatti yaaddoo hin qabu. Kana dura wanti hammaataa waan nu hin qunnamneef. Garuu, kan kaanii yoon yaadu sodaa nan qaba,'' jechuun BBC'f dubbatte.
Liqasaraawwituu Yimar immoo barataa Yunivarsiitii Ambooti.
''Banamuun (yunivarsiitiiwwan) isaanii gaarii ta'us rakkoo nageenyaa bara darbe osoo hin hiikin amma deebinee barachuuf jechuun akka barataa kamuu na yaaddessa,'' jechuun ibse.
Bara 2012 yunivarsiitota muraasa keessumaa naannoo Amaaraafi Oromiyaa keessa jiranitti waldhibdee gosa garaa garaa dhalateen barattoonni 10 ol lubbuu isaanii dhabaniiru.
Kana hordofee yunivarsiitiiwwan barattoota badii kanaan shakkan barnootarraa haquu dabalatee kanneen waggaa muraasaaf dhorkanillee qabu.
KFO'n maal jedhe?
Hogganaan paartii mormituu Pirofeesar Mararaan "bara darbe barattoota yunvarsiitii naannoo isaanitiin alatti baratan irratti rakkoon gahaa ture ni beekama,'' jechuun 'tarkaanfiin fudhatame hin jiru' jechuun ibsu.
Kanaanis, barattoonni yunivarsiitii kana dura ramadamanitti adeemuuf sodaa qabu jechuun himu.
Dabalataan, rakkinni bara darbee dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti mudachaa ture bara kanas akka hin uumamneef wanti amansiisu hin jiru jechuunis ibsu.
Akka fakkeenyaattis "Barattoonni Yunvarsiitii Dambii Dollootii butaman jedhame bu'aan isaa qulqullaa'ee hin dhihaanne,'' jedhan.
Rakkooleen bulan kunneen osoo hin furamin waamichi barattootaa taasifamu kuni barichi bara filannoo ta'uu wajjin dabaalamee rakkoo bal'aa sabatti ce'uu danda'u uumuu malas jedhan.
Rakkoon walfakkaataan akka hin uumamneef jechas haaldureen barbaachisoon taasifamuu akka qabus dhaaman.
"Bara darberraa kaanee yoo ilaallu eegdonni yunvarsiitiilee rakkoo fidaa turan. Rakkoo karaa bulchiinsa yunvarsiitiilee fi eegdotaan mudachuu malu hambisuun sadarkaa amansiisaatti qopheessuu (mootummaan) qaba" jechuun dhaaman.
Qophii mootummaa
Dubbii Himaan Ministeera Saayinsiifi Barnoota Olaanoo Obbo Dachaasaa Gurmuu Poolisiin Federaalaa miseensota eegdota Yuuniversitootaa ta'aniif leenjii kennuu BBC'f himan.
Leenjiin kun qindeessummaa ministeera saayinsii fi dhaabbilee barnootaa olaanoon kenname.
''Qaamni eegumsarratti bobba'anii yunivarsiitota eegaa jiran qophiin isaaniitis ijaaramni isaatillee waan qaawwa qabuf isa guunna jenneeti,'' jechuun leenjiin sababa barbaachisef ibsu.
''Yakki adda addaa barattootaanis barattootarratti hirkifate raawwatamu of eeggannoo guddaadhaan eegumsa waan barbaaduf isa cimsuuf jecha leenjiin kan kenname.''
Bara darbe yeroo rakkooleen mudatan mootummaan eegdota yunivarsiitii poolisii federaalaan bakka buusee ture. Kunis, dhaabbileen barnoota olaanoo dhaabbilee federaala jala bulan waan ta'aniifi jedhu Obbo Dachaasaan.
''Kana jechuun umrii guutuu poolisiin federaalaa yunivarsiitii akka eegu miti kan barbaadame,'' jechuun poolisiin federaalaafi poolisiin kaampasii qindoominaan kan hojjetan ta'u ibsan.
''Amma yunivarsiitii keessatti lakkoofsi poolisii baay'ee muraasa. Ammallee poolisii kaampaasiidhaani yunivarsiitiin kan eegamu. Kan jara san to'atu garuu poolisii federaalaati jechaadha.''
















