Gaazexeessaa waggoota dheeraaf icciitiin waraana Siiriyaa suuraan gabaase

Gaazexeessaa Abuud Hamaam osoo enyummaa isaa hin beeksisiin miidiyaalee addunyaarratti argamaniif waa'ee waraana Siiriyaarratti ragaa kennaa tureera.

Jalqabarratti suuraa akka kaasuuf kan mindeessan pireezidantii biyyattii Bashar al-Asaadii fi haadha warraa saanii Ismaa al-Asaad turan.

Gaazexeessaan kun amma eenyummaa isaa ifa taasiseera. Mee eenyummaa kee ibsi yoo jedhamee gaafatamu, ''eenyummaa kiyya kan soroorse waraana waggaa sagaliif tureedha'' jechuun deebiisa.

''Yoo ofilaalee ykn daawitii keessatti of argu rifeensi kiyya harrii baaseera. Kunis dhippinaa fi waraanicharraa kan ka'eedha" jedha.

Abud umuriin isaa waggaa 45. Jireenyi isaa sodaan kan gutameedha. Waa'ee waraana Siiriyaa addunyaan akka hubatuuf waggootaaf yaaleera.

“Suuraan ajjeesuu ykn lubbuu olchuus ni danda'a''

Tarii Abuud gaazexeessaa suuraa humnootii Siiriyaa hunda waliin hojjate ta'unsaa hin ollee.

Baroota bulchiinsa abbaa irree Asaad, Waraana mormitootaa Bilisummaa Siiriyaa, Gareewwan mormiitoota Isalaamaa kan akka Jabihaat Al- Nusiraa fi IS akkasumas naannoolee Kurdootaa to'atuu jalattis hojjateera.

''Suuraan ajjeesisuuf ykn lubbuu olchuu ni danda'a'' jedha gaazexessaan kun.

Erga dhoksaan suraa haleellaa riphee loltoonni Damaasqoorratti gaggeessan kaaseen booda balaaf akka hin saaxilamne sodaate ture.

Waari Mukaahaabiraat jedhaman osoo iccitiin poolisoota suuraa kaasuu isaa baranii ni ajjeessuun turan.

Kun kan ta'ee wayita reefu hookkorri eegalutti ture. Tibba sanatti mootummaan waa'een dandeetti mormitootaa akka baramu hin barbaadu ture.

IS erga magaalaa dhaloota Abuud Raqaa to'ateen booda, wayita injifannoo addabaabaayiitti kabajatanitti suuraa akka kaasuuf kan gaafatame Abuud ture.

Suuraa kaasuus osoo Raqaa jiruu kan eegale.

Oggeessii suuraa maatii qonnaan bultootaa irraa ta'e kunis ''Dhugaa dubbachuuf maatiin kiyyaafii hawaasni keessatti guddadhe gaazexeessummaa fi suuraa kaasuuf ulfina hin kennan" jedha.

"Suuraa kaasuu akka hojii hintaaneeti ilaalu. Kan isaan barbaadaa turan akkan barsiisaa ykn abbaa seeraa ta'uuf ture,'' jedha.

Erga obboleessi isaa angafaa kaameeraa Raashiyaa kenneefiin booda jaalala suuraa kaasuutiin qabame.

Mana barnootaa suuraa Damaasqoos irraa eebbifameera. Osoo hokkarri hin eegaliin dura bara 2011tti dhaabbata oduu biyyaaleessaa biyyattii Saanaa keessatti oggeessa suuraa duree ta'un mindeeffamee ture.

Pireezidant Al-Asaadii fi haadha warraa sanii Ismaan suuraa kaasuun qaama hojiisaa ture. Wayita suuraa kaasaa turetti guyyaa tokkolleen waliin haasa'anii akka hin turre yaadata.

''Daawwannaan ifaa wayita jiruutti oggeessoonni suuraa qondaaltoota tikaa olaanoon dabaalamna ture. Baayyee nama jibbisiisa ture. Isaan kabajuutu sirraa eeggama. Ani ammoo nama akkasii miti.''

“Yeroo hundaa yoon qabame akkan ajjeefamuun yaadaa ture”

Waggaa sagaliin dura ture Siiriyaatti hokkorri kan eegalee. Kanaanis Abuud jireenya bifa lamaa jiraachuuf dirqamu hima.

Guyyaa keessa hojiiwwan maqaa mootummaa ijaaran hojjata. Halkan ammoo kan mormiitootaa waraaba ture.

Waraanni Bilisummaa Siiriyaa mormii magaalaa guddoo biyyatti Damaasqoorratti haleellaa raawwataa ture.

Suuraawwan kaasaa tures midiyaalee idil-addunaaf kan ergu maqaa ogbarru Nuur Faaraat jedhamuutti fayyadamuun ture.

Faaraat maqaa laga Efiraaxas Raqaa keessa darbuuti. Abuud sammuusaa boqachiisu yoo barbaade gara laga kanaa deema ture.

Dhaabbilee miidiyaa suuraa erguuf hanga har'aatti maqaasaa akka hin beenne dubbata.

Booda keessa miidiyaalee kanneeniif suuraa erguun sodaachisaa ta'aa dhufe.

“Qabduu (memory) suuraawwanan iccitiin kaasee itti qabadhe kisiittan baadha. Yoon qabamees akkan ajjeefamu yeroo hundan yaada ture.''

Raqaa keessatti gaazexeessaa suuraa ta'uun yaaddeessaadha, sababii mormitoonni mindeeffamaa mootummaati jedhanii yaadaniifu jedha.

“Malan itti walaba ta'ee jiraadhu wixineeffadheen ture”

Walaakkeessa 2014 keessa haalli itti cimaa dhufe. “Namoonni alaabaa guraacha qabatan doqdoqqeen magaalaa keessa socho'u eegalan,'' jedha.

Magaalatti kan seenan miseensoota IS turan. Kanas hordofee gaazexeessitoonni hedduun magaalattii baqatanii bahan.

Abuud duraan mootummaa Asaad jalatti hojjataa turees hunda caalaa balaaf kan saaxilame ta'ulleen, magaalattiidhuma keessatti hojjii itti fufe.

IS hiriira injifannoo akka waraabuuf gaaffannaanis tole jechuun alatti filannoo biraa hin qabu ture. Suuraawwan IS holoolaaf dhaabbilee idil-addunyaatti ergate kan kaasee isa ture.

Abuud guyyaa namoonni itti haala sukanneessaan ajjeefamaniitti manaa hin bahu ture.

''Walaba ta'ee haalan itti jiraadhurratti mala wixineeffadheen ture. IS deeggaruuf waadaa hin gallee.''

Raqaa keessatti aanga'oota waliin walitti dhufeenya gaarii waan qabuuf osoo hin hidhamiin hafuu amana.

Boodara 2012 irratti miseensoonni IS lama yoo hojicha dhaabe malee rakkoo keessa akka galu waan dorsiisaniif Raqaa gadhiisee gara kaaba biyyattiitii gabaasu eegale.

Hagan 2017tti gara Raqaatti hin deebiine. Wayita sanatti humnootiin Ameerikaa magaalatti bilisomsan illeen barbadoofte turte.

''Guyyaan jalqaba magaalattii argetti homaa dubbachu hin dandeenye. Guyyaa itti aanuu suuraa kaasaa bo'aan ture.

Dhaabbanni biyyoota gamtomaanii akka jedhuutti gariin magaalattii %80 ta'u barbadaa'eera. Jiraattoonni %90 ta'an baqataniiru.

Suuraawwan kaasee keessaa tokko gamoo diigame keessatti wandaboo fannnifamee hafe mul'isa. Kunis Abuudiif hiikaa olaanaa qaba.

''Uffannan sun kan dubartoonni yeroo baay'ee uffatan yoo ta'u, maatiin manicha keessa jiruu amma hin jiru. Wandaboo qofaatu hafe. Wayita qilleensi wandabicha sochoosuun callisee ilaalaa ture. Nama fanniifamee du'aaf wixirfatu natti fakkaate.''

“Raqaa jaaladhaatii deebii'aa koottaa''

Magaalattiin akkuma waljalaan lubbuu horattu suuraawwan Abuudiis akkasuma lubbuu horatan.

Suuqiiwwanis saaqamuun namoonni laga Efraaxas daakanis mul'achu eegalan. Innis eenyummaasaa ifa taasisuu murteesse.

Fuula feesbuukii irrattis Abuud haguuggii malee jechuun hojiiwwan isaa agariisuu eegale. Kaayyoonsaa namoonni gara Raqaatti akka deebii'an gochuu ture.

''Daandii injifannoo waan hamaa magaalaa kiyya mudateeti. Jiraattoonni fagoo jiran akka Magaalattii haala addaatiin ilalaniin barbaada. Magaalattiin akka dukkanoofte beeka garuu haalluunshee kelloodhaa."

"Attamiin haalluun kan bareeddee akka turte nan yaadadha. Maaloo deebisaa jaaladhaatii gara Raqaatti deebi'aa. Suuraa kiyya yoo ilaaltan fakkii gaddisiisaa keessattilleen lubbuu agartu.''

Suuraan baayyee jaaladhu kan daa'ima uffata bareedaa kaawwatte tokkootti. Isheenis intala nama gara Saawudi Arabiyaa deemee booda maatiin walitti makamuuf gara Raqaatti deebi'ee tokkooti.

Namtichi erga suuraawwan Abuud feesbuukii irratti argeen booda naannichatti manni barnootaa akka ijaaramuuf gummaacha taasieera.

Warri suuricha argan kan biraas gara Raqaatti deebi'uuf akka barbaadan dubbatan.

Abuud waan baay'ee keessa darbulleen ammas gareen warra Lixaa waliin ta'uun Raqaa bilisoomsan ni sodaachisuun.

Sooriyaa keessatti gaazexeessaa ta'uun hanga dhumaatti yaaddoon jiraachu jedhee kan yaaduufis kanumaaf.

''Jireenya kootti yeroon nagaa fi gammachuun itti dabarse hin yaadadhu. Yeroo tokko halleellaa qilleensaa waraabee yoon deebi'u kan ajjeefaman keessaa tokko ilma adaadaa kiyyaa ta'un natti himame. Viidiyoon waraabee deebisee yoon ilaaluun reenfasaa arge.''

“Sababii waraanaatiin hin fuune”

Abuud sababii waraanaatiin akka hin funeefi maatiis akka hin hundeeffatiin dubbata.

''Umuriin kiyya waggaa 45. Haadha warraa hin fuune. Osoon kaameeraa kana hin qabu ta'ee shugguxiin qabaadha ture. Ani garuu meeshaatti hin amanu."

Waan Siiriyaa keessatti ta'u hunda suuraa kaasuun itti fufuun barbaada.

''Waan gaariis ta'e badaa namoonni akka arganiin barbaada. Osoo akka filannoo kotii ta'ee naannoo nagaattin suuraa bineensota daggalaa kaasa ture. Siwiizarlaandi deemuun barbaada. Tasgabbii fi nagaan na barbaachisa,'' jedha Abuud.