Lammiin Laayibeeriyaa nootii dolaara 20 bishaan jalaa buute baasuuf laga of buuse dhidhimuun du'e

Nootii Dolaaraa 20

Madda suuraa, Getty Images

Namtichi nootii dolaara 20 magaalaa Monoorooviyaatti bishaan laga keessa jalaa buute baasuuf riqicha irraa lagatti of darbate, dhidhimee lubbuun darbuu dubbii himaan poolisii Moosas Kaartar dubbate.

Daandii gubbaa meeshaalee gurguruun kan jiraatu Taambaa Laaminee, bishaan keessaa ol bahee qarshicha argachuu uummatatti agarsiisuus, deebi’ee garuu achii hin baane.

Laamineen yeroo qarshiin jalaa buutu hiriyyaa isaa waliin riqicha irra deemaa ture.

Dolaara shan hiriyyaa isaaf deebisuu waan qabuuf keessa galee baasuuf dirqame jedhe poolisiin.

Hiriyoonni lamaan kun waliin hojii daldalaa irratti qarshii kana argatan jedhe dubbii himaan poolisii Kaartar.

Doolaariin Ameerikaa, kan Laayibeeriyaa waliin Afrikaa Dhihaa keessatti hojiirra oola.

Gatiin doolaara Ameerikaa hanguma qarshiin biyyaa gad-bu’aa deemu dabalaa jira.Kanaaf namoonni doolaara Ameerikaa qabachuuf ni dhama’u.

Qaama Laaminee lubbuutti deebisuun hin danda’amne jedhe poolisiin.

Laga Mesuuraaduu jedhamtu keessatti kan liqimfame yoo tahu, lagichi Monorooviyaafi odola Buushraad jedhamtu gidduu yaa’a.

Jamaan riqicharratti walgahe erga qarshicha ol qabee itti agarsiiseen booda Laamineen nagaa itti fakkaatee ture,ergasii achi buuteensaa dhabamee deebisanii argachuun hin danda’amne.

Laga kana keessa bu’anii achumaan baduun waan hin baramne yoo tahu, duuti nama kanaa biyyattii keessatti gaddaafi aarii uumeera.