'Naannoo Oromiyaatti namoota 2,000 ol Irratti Himanni banameera'

Madda suuraa, ullstein bild
Hookkara ajjjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa hordofee umameen walqabatee namoota naannoo Oromiyaatti qabaman keessaa kanneen 2,000 ol ta'an irratti himatni banamuu Abbaan Alangaa Waliigalaa hime.
Waajjira Ministira Mummeetti kaleesa miidiyaalef ibsa kan kennan Abbaan Alangaa Waliigalaa Dr Geediyon Ximotiyos, "kunneen magaala Finfinnee fi naannoo Oromiyaa keessatti hookkara kaasaniifi qindeessan to'atamanii qorannoon xummurameera" jedhan.
Hojiin seera kabachiisuu poolisii magaala Finfinnee, poolisii naannoo Oromiyaa, abbaa alangaa Oromiyaafi abbaa alangaa waliigalaan qindoominaan hojjetamaa turuu kan himan Dr Geediyon, ajjechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa akkasumas hookkara naannoo Oromiyaafi magaala Finfinneetti mudate irratti qorannoon taasifamaa turuu himan.
Hojii qorannoo hojjetameenis "ajjeechaa Haacaaluun walqabatee shakkamtoonni yakka hammaataa raawwatan adda bahanii seerratti dhiyaataniiru. Hookkara naannoo Oromiyaatti qaqqabeenis namoota 2,000 ol irratti himanni banameera" jedhan.
Haaluma kanaanis kaleessa guyyaa Jimaataa fi jalqaba torbee itti aanuttis himatawwan banaman akka jiranis himan.
Hookkara ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa hordofee uummameen namootni 160 ol du'uu, namootni 360 miidhamuufi qabeenyi birrii biiliyoona 4.6 barbadaa'uu kan dubbatan Abbaan Alangaa Waliigalaa Dr Geediyoon Ximotiyos, yakki dalagame heddu ta'uunsaa humna namaafi meeshaalee qabanin walin yeroo madaalamu qormaata itti ta'uusaa himan
Kana malees dhaabbatichi riffoormiirra ta'uunsaas qormaata isa biraa ta'uu abbaan alangaa waliigalaa Dr Geediyoon Ximotiyoos himan.
Haa ta'u malee hojiin gama shakkamtoota seeratti dhiyeessutin hojjetame haala kanaan dura turerraa saffiisa qabaachuu isaa dubbatan.
Labsii Farra Shororkeessummaafi qabiinsa hidhamtootaa…
Qabiinsa hidhamtootaa ilaalchisee komii dhiittaa mirga namoomaa kallattii garaagaraan dhiyaatu kan gaafataman Dr Geediyoon Ximotiyoos, "gama mirga namoomaan hanqinootni fi qormaatawwan ni turan. Garuu rakkoon mudate guddaa miti" jedhan.
Rakkoolen kunis dhaabbillee akka Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaatin dhiyaatanii furmaatni itti laatamuusaa himan.
Kana malees dhimma sababa siyaasaan hidhamuu Obbo Jawaar Mahaammad kan gaafataman Dr Geediyoon, "kunneen himataman keessaa muraasni namoota siyaasaati. Haa ta'u malee sababa kan himataman sochii siyaasaa isaaniitin osoo hin hintaane, gochaa isaanii du'a lammiilee dhibbaan lakka'amanif sababa ta'aniif" jedhan.
Shororkeessummaan himatamuu Obbo Jawaar Mahaammad irratti ragaalee qaban kan gaafataman Dr Geediyon, dhimmicharratti deebii hin laanne.
Haa ta'u malee "namootni labsii farra shororkeessummaan himataman gochaa shororkaaf qophii taasisuun himataman" jedhan.
Gama biraatin ajjeechaa hoogganaa humna waraanaa Itoophiyaa Jeneraal Sa'aare Mokonniin kan gaafatam Abbaan Alangaa Waliigalaa kun, himatamaan yakkamaa ta'uunsaa akka mirkanaa'e fi kan hafes murtee kennuu qofa akka ta'e himaniiru.















