'Dhaaba keenyarraa namni argame hin jiru, wanni mallattaa’es nu hin ilaallatu'- KFO

Paartii Kongirasii Federaalistii Oromoo

Madda suuraa, KFO

Itti gaafatamaa waajjira KFO kan ta’an Obbo Xurunaa Gamtaa dhaabni isaanii marii fi waliigaltee paartilee Oromoofi Amaaraa tibbana xumurameefi akka paartiin isaanii qaama waliigaltichaa ta'aniitti gabaafame keessa hin jirruu jedhan.

Fuulbaana 23, bara 2020 dhaabbileen Siyaasaa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessa socho'an 10 dhimmoota waloorratti waliin hojjechuuf waliigalteerra gahuusaanii Paartii Badhaadhinaarraa mirkaneessineera.

Itti gaafatamaan damee idila addunyaa fi sabqunnamtii waajjira badhaadhinaa giddugaleessaa Biqilaa Hurrisaa (PhD) BBC'tti akka himanitti paartileen kunneen ''garaagartummaafi waldhabdeen haala qaroomeen mariin furama'' amantaa jedhu qabu jedhan.

Marii kana irratti gama Oromootiin paartiilee akka ABO, Paartiin Biyyaalessaa Oromoo, Koongireesii Federaalawaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo - Tokkoome fi Paartiin Badhaadhinaa qooda fudhachuus himaniiru.

Haata'u malee Obbo Xurunaa Gamtaa ''Dhaaba keenyarraa namni argame hin jiru. Sirna mallattoo san keessas hin jirru, wanni mallattaa’ees nu hin ilaallatu'' jedhan.

Namoonni cal jedhanii fedhiisaaniitiin maqaa paartii keenyaa dhahanii ta’uu danda’u, karaarraa nu dogoggorsiisuuf ta’uu danda’a malee nuti dhimmi san irratti hin hirmaannes jedhaniiru.

''Paartilee Amaaraa fi Oromoo Mudde bara 2012 irraa eegalee ji'oota 10'f marii gaggeessaa turan. Paartileen kun dhimmoota gurguddoo ummata lamaaniifi ummata Itoophiyaarratti erga mariyachaa turanii booda qabxiilee 10 irratti waliigaluu danda'aniru'' jechuun himan Dr. Biqilaan.

Dr. Biqilaan qabxiileen ijoon lamaan irratti mariyatamaniifi qabxiileen 10 irratti waliigalteen mallattaa'e maal akka ta'an ibsuu hin feene.

Dhaabni KFO qaama mariifi waliigaltee jedhamee akka hin taane gama Feesbuukiitiin'' ibsa baafne ibsineerra, odeeffannoosaa qabna ture garuu fedhii waan hin qabneef irratti hin hirmaanne'' jedhu obbo Xurunaan.

''Mariin sun saba keenyaaf bu’aa buusa jennee itti amannee turre, ta’us garuu battaluma mariin sun taasifamuu jalqabetti miseensota, deeggartoota fi saba keenyarratti miidhaan adda addaa gahaa waan tureef itti fufuu hin dandeenye'' jedhu obbo Xurunaan.

''Hidhaa, dararaa miseensota, deeggartootaa fi saba keenyarraa dhaabaa jennee hirmaachuuf yaallee ture'' kan jedhan qondaalli kun ''walgahii lamaan sadi takkarratti hirmaannee ture ta’us garuu bu’aan inni argamsiise hin jiru'' jedhan.

''Dhimma faayidaa saba keenyaa hin eegnerratti, kaayyoo paartiin keenyaa hin geggessinerratti hirmaachuun fedhii keenya waan hin taaneef irraa gorreerra.''

''Kanaaf mallattoon mallattaa’ees nu hin ilaallatuu, miseensi paartii keenyaas irratti hirmaate hin jiru'' jedhani.

Akka walii galatti marii taasisuun miseensota, biyya akkasumas sabaa fi sab-lammootaa biyyattiitiif faayidaa guddaa akka qabu itti amanna jedhaniiru.

Gara fuuldurattis marii biyya keenyaaf faayida qaburratti ni hirmaanna, biyya kana mariitu fayyisa jennee amanna jechuun itti gaafatamaa waajjira KFO kan ta’an Obbo Xurunaa Gamtaa BBC’tti himaniiru.