Suuraalee badhaasa bara 2020 xumuraaf gahan: 'Qurxummii kolfituufi bineensa nagaa gaafatu'

Dorgommiin suuraalee bineensotaa kolfisiisoo tahanii ittin dorgoman 'Comedy Wildlife Photography Awards' jedhamu, marsaa xumuraarra gaheera. Suuraaleen dhiyaatan hundi amaloota namaa bineensotni agarsiisan nutti muldhisu.

Qurxummii suuraa kahuuf kolfitu, bineensa 'bear' fageenyarraa nagaa dhaamatuufi qocaa bishaan keessaa aaree mul'atu - suuraaleen dorgommiif baran dhiyaatan, koomeedii waan mul'isan fakkaatu.

Dorgommiin Comedy Wildlife Photography Awards kan eegalame ogeeyyii suuraafi kunuunsa lubbu-qabeeyyiirratti hirmaatan Paul Joynson-Hicks fi Tom Sullam jedhamaniin.

Dorgommiin haala hin eegamneen namoota bohaarsu caalatti, ergaa kunuunsa bineensotaa karaa adda taheen itti dabarsanidha. Dorgommii kanas kan deeggaru dhaabbata 'The Born Free Foundation' jedhamudha.

Mo'attoonni dorgommii kanaa sagantaa badhaasaa gama intarneetaan godhamurratti - Onkololeessa 22 kan baraman taha.

Hangasitti suuraalee marroo xumuraaf gahan kanneeniin itti koflaa, bohaaraa.

.