Siyaasa Itoophiyaa: 'Weerarri lafaa Finfinnee' dhaabni IZEMA qoradhe jedhu maali?

Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Sean Gallup

Paartiin Haqa Hawwaasummaa Lammilee Itoophiyaaf (IZEMA) 'weerara lafaa fi kenninsi carraa manneen jireenyaa waliinii (kondomiiniyeemii) loogii qabu' jedherratti qorannoo gaggeesse jedhe ifa godheera.

Dhaabichi qorannoo gaggeesse jedheen caasaan mootummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee rakkoo kana keessa harka qaba jechuun himateera.

Kantiibaan duraanii magaalichaa Injinar Taakkalaa Uumaa gabaasa dhaabichaa eeruu baatanis deebii himannaa bulchiinsa isaan yeroo aangorra turerratti ka'en deebii kennaniiru.

Injinar Taakkalaan yeroo aangoorra turan weerara lafaarratti 'tarkaanfii cimaa' fudhachuu fi lafti qonnaan bulaaf kennamellee ifatti kan kaabineen murtaa'e malee dhoksaan kan raawwate miti jechuun balaaleeffataniiru.

Dhaabni kun torban darbe qorannoo raawwadhe jedherratti miidiyaaleef ibsa kennuuf yaadee poolisiin jalaa erga ugguramee as torban kanas yeroo lammataaf dhorkamuu ibseera.

Jimaata darbe poolisiin Finfinnee 'hayyama hin qabani' jechuun akka dhorke qondaalli Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee BBC'tti himee ture.

Dubbii himaan dhaabichaa Obbo Naatnaa'el Fallaqaa guyyaa kaleessaa Ministeerri Nagaa hayyama kennuu isaa nu hin beeksisne sababa jedhuun bakka itti kennuuf turan Raas Hoteelitti ibsa kennuu akka hin dandeenye dubbatan.

Gochi kun dhugaa akka hin baane yaalii ukkaamsuuf godhamudha jedhee dhaabni isaanii akka yaadus Obbo Naatnaa'eel BBCtti himaniiru.

''Ibsa gaazexessitootaaf kennamu keessatti ni ibsama jedhanii waan sodatan waliin hariiroo qaba jennee ilaalle."

''Haata'u malee hunda keenyaaf ni fayyada jennee kan yaadnu dogogorronni akkasii hojjetamanii yoo jiraatan mariin irratti godhamee tarkaanfiin irratti fudhatamee kan irra darbamu yoo ta'e malee,'' jechuun rakkoon akka hin furamne ibsan.

''Sirni dimokrataawaan akka dhufu yaadnuu fi tasgabbiin barbaannu haala kanaan ni dhufa jennee hin yaadnus,'' jedhan.

Qabiyyeen qorannoo maali?

Dhaabichi qorannoo taasise jedheen yeroo dhihoo as kan babal'ate jechuun ''haala argamee hin beekneen, bal'inaan weerarri lafaafi qoodinsi manneen waliinii seeraan ala ta'e'' raawwateera jedheera.

Bakkeewwan weerarri lafaa babal'ate qarqara magaalattii jiranidha kan jedhe dhaabichi, kunneenis kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo, Yakkaa, Boolee, Kolfee Qaraaniyoofi Aqaaqii Qaallittii ta'u eere.

Qondaaltonni caasaa mootummaa keessa jiran lafa seeraan ala fudhatame akkasumas manneen kennaman bu'uura seeraa akka qabaatan sanadoonni qophaa'uu irra gahe jedhee ibseera.

Qaamoleen bulchiinsa magaalichaas kana beeku jedha. Dabalataanis, seerawwan bahan aangoo addaa qondaaltotaaf kennani jechuun himateera.

'Karaa seeraan alaa seeraafi dambiiwwan fooyyessuun' aangoo addaa kaabineefi kantiibaaf kennameen ''kantiibaanis ta'e kaabineen isaanii manneen akka fedhan akka qoodan ta'eera'' jedheera.

''Kan dura lafa maatii warra keenyaa ture, beenyaa gahaa hin arganne kan jedhanii fi hooggansi mootummaa aanaafi gandaa dabalatee dallaalotaan haala deeggarameen, bal'inaafi bifa qindaayeen weerarri lafaa magaalittii keessa akka jiru kutaalee magaalaa shan keessatti daawwii gooneen mirkaneeffanneerra."

''Walumaagalatti lafti kaaree meetira kuma 220 [hektaara 22 ol] ol ta'u karaa seeraan alaan weerarameera,'' jedhan Obbo Naatinaa'el.

Weerara lafaarratti caasaan mootummaa yoo himatamu kan duraa miti. Haata'u malee, himannaa dhaabni IZEMA caasaan mootummaa harka keessaa qaba jedheerratti mootummaan waan dubbate hin qabu.

Magaalaa Finfinnee lakkoofsi ummataa yeroo yerootti dabalaa deeme keessatti hanqinni manneen jireenyaa rakkoo magaalattin qabdu keessaa isa ijoodha.

Rakkoo kana furuufis bulchiinsi magaalaa Finfinnee bara 1997 eegalee manneen jireenyaa waliinif namoota galmeesseera. Inni dhihoo galmee bara 2005 keessa taasifamedha.

Bara 2005'tti sagantaa 40/60, 20/80 akkasumas 10/90 jedhuun lammiileen kuma kudhaniin lakkaa'aman galmaa'aniiru.

Haata'u malee, hamma ummata galmaa'e waliin yeroo walbira qabamu hammi namoota mana barbaadaniifi galmaa'anii eeggataa jiran hedduudha.

Dhaabni kuni qorannoo isaatiin manneen jireenyaa waliinii (kondomiiniyamii) dabarsanii kennuu ilaalchisees rakkoon jiraachuu bira ga'uu dubbatan Obbo Naatnaa'eel.

''Hanga ammaatti qusachaa mana kan hin argatiin jiraattotni magaalaa Finfinnee 70,000 ol jiru. Osoo warri qusatan eeggatanii kan hin qusatiiniifi hin galmaahiin argataniiru.

''Kun kan ta'e qajeelfama manani itti kennamu fooyyesuun akka ta'e mirkaneeffanneerra. Kunimmoo kenna manaa haqa qabeessa hin taane uumeera,'' jedhan Obbo Naatinaa'el.

BBC'n himannaa dhaabichi bulchiinsa magaalaa Finfinneerratti dhiheesse bu'uura godhachuun qondaaltota magaalichaa argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Dhaabni IZEMA qorannoo gaggeesse jedherratti yaada bulchiinsa magaalichaa galchuuf yaaluus waajjira kantiibaa magaalicharraa deebii akka dhabe kana dura ibsa baaseen beeksisee ture.

Deebii Injinar Taakkalaa

Waggoota lamaan darbaniif magaalaa Finfinnee kan bulchaa turan Itti - aanaa Kantiibaan duraanii magaalichaa Injinar Taakkalaa Uumaa deebii qorannoo dhaabichaaf fakkaatun fuula fesbuukii isaaniirratti har'a barreessaniiru.

Injinar Taakkalaan 'odeeffannoo sobaan yoo biyya diiguun danda'ame malee biyya ijaaruun hin danda'amu' jechuun barreessan.

Dhimma weerara lafaa guyyaa jalqabaa kaase 'tarkaanfii cimaa' fudhataa turre kan jedhan Injinar Taakkalaan, yeroos kanneen tarkaanfii isaan jedhan qeeqan akka turan eeran.

''Nuti weerara seeraan alarratti tarkaanfii yoo fudhannu kanneen har'a qeeqan mirgi namoomaa tuqame, lammiileen buqqa'an jedhanii kanneen duula nutti banan keessa turani,'' jechuun himataniiru.

Qoodinsa kondominiyeemii qonnaan bultoota 20,000 kennames kaabinee magaalattiin kan murtaa'edha malee kan dhoksaan kenname miti jedhan.

''Qonnaan bultoota dirqiin qe'eerraa buqqa'anif kan hin dhimmine, har'a fudhatama itti argatuuf yeroo itti fayyadamu arguun nama gaddisiisa,'' jechuunis qeeqaniiru.

Haa ta'u malee, dhaabni IZEMA qoodinsa manneen waliiniirratti loogiin jira jechuun qorannoo gaggeesse jedherratti isa bulchiinsi magaalaa Finfinnee qonnaan bultootaaf qoode ifatti hin kaasne.

Garuu, ijoollee qonnaan bultootaaf maqaa jedhuun loogiin raawwate jedha.

''Kutaalee daldalaa manneen waliinii keessatti ijaaraman ilaalchisee ijoollee fi akaakayyuu qonnaan bultootaati jedhamee bal'inaan itti kennamuu, akkasumas waldaalee maqaa deeggartoota kubbaa miilaaf gurmaa'aniif kennamuu ragaa qabatamaa qabna,'' jedheera dhaabichi qorannoo taasise jedhe keessatti.

Akkamiin qoratan?

Dhaabni IZEMA kan kana dura nama siyaasaa gameessa bara 1997 bulchiinsa magaalaa Finfinnee bulchuuf filatamanii dhiisanii bahaniin, Pirofeesar Birhaanuu Naggaa hogganama.

Dhaabichi sababa qorannoo gaggeesseef yoo dubbatu eeruu ummataarraa dhufeefi dhimmichi miidiyaalee mootummaan dabalatee 'yaaddessaa' ta'e gabaafamuu isaati jedheera.

Bu'aa qorannoo fuula 15 gadhiiserratti qorannoo kana kan taasise koree miseensota koree hojii raawwachiiftuu dhaabichaa of keessaa qabun hundaa'e akka ta'e eereera.

Bakkeewwan seeraan ala qabaman jedhe dhaqanii akka daawwatan, namoota akka dubbisan, gabaasa miidiyaaleen mootummaafi dhuunfaa dhimma weerara lafaarratti dubbatanirraa, akkasumas waraqaa qorannoo taasifaman bu'uura godhachuun akka qorate ibseera.

Sababa kanaaf, bu'aan qorannoo 'amansiisaadha' jechuun ibsa.

Weerara lafaa Finfinneetti

Weerarri lafaa magaalaa Finfinneefi magaalota Itoophiyaa birootti babal'achuun waan dhokataa miti.

Mootummaan dhimma kana irra-deddebiin ibsuun kanneen seeraan ala jigsan jedhe jigsaas ture. Bakkeewwan tarkaanfiin akkanaa walitti bu'iinsa uumee lubbuun itti darbees tureera.

Ajandaawwan guddoo ummanni mormii itti gaggeesseefi bulchiinsa amma aangorra jiru aangootti fide keessaa inni tokko 'weerarri lafa Finfinnee qonnaan bulaa qe'eerraa buqqise' kan jedhudha.

Keessumaa naannawa magaalaa Finfinneetti saamicha lafaa jiru to'achuun akka hin danda'amne Hogganaan duraanii Biiroo Bulchinsaafi Itti-fayyadama Lafaa Oromiyaa Dr Milkeessaa Miidhagaa kana dura BBC'tti himanii turan.

"Lafti Oromoo hammi kuni yeroo saamamu caasaan mootummaa inuma jira. Taa'etuma ilaala. Caasaa keenyatu keessa galee waliin hojjechaa jira. Kanaaf dhaabuus, dhaabsisuus dadhabne," jechuun yeroos dubbatanii turan.

Ji'oota muraasa dura weerara koronaavaayirasii to'achuf uggura kaa'ametti fayyadamuun magaalaa Finfinnee Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa daangessutti weerarri lafaa babal'achuu BBC'n kana dura gabaasee ture.

Torban lama dura kantiibaa Itti -aanaa magaalaa Finfinnee ta'uun waggaa lamaaf kan tajaajilan Injinar Taakkalaa Uumaa sababa hin ibsamneen aangoorraa kaafamuun ministeera ta'un muudamaniiru.

Isaan hordofee Aadde Adaanach Abeebee kantiibaa itti - aantuu magaalichaa ta'uun kan muudaman yoo ta'u, kanneen irratti xiyyeeffatanii dalagan keessaa tokko rakkoo mana jireenyaa furuu akka ta'e ibsuun ni yaadatama.

Qorannoon biraa maal jedhe?

Kana dura Biiroon Bulchiinsaafi Itti-Fayyadama Lafa Oromiyaa qorannoo gaggeesseen naannawa Finfinneetti saamichii fi weerarrri lafaa sadarkaa ''yaaddessaarra'' gahuu ibsee ture.

Gochi kun galma siyaasaa qabaachuu fi eenyummaa Oromoo dhabamsiisanii kan saba biraatiin bakka buusuu kan kaayyeffatedha jechuun Biiroon kuni qorannoo taasiseen mirkaneefachuu Dr Milkeessaa Miidhagaan himanii turan.

"Godina Addaatti qaamni ijaarsa seeran alaa irratti bobba'e hiyyeessa miti. Dureessota ergama siyaasaa sana galmaan gahuuf hojjetanitu qarshii guddaa ramadee qubachiisaa, ijaarsisaa jira.

Faddaaltonni ciccimoon ergama seenaa kana raawwachuuf halkaniifi guyyaa hojjetanis jiru," jedhan.

Ijaarsi kuni erga raawwateen booda namoota rakkatoofi daa'imman qaban itti galchanii yeroo mootumman diigu miidiyaaleerrati iyyuuf akka dhimma itti bahanis himan.