Jawaar Mohaammad: Hogganaan bulchiinsa hidhamtootaa Finfinnee poolisiin qabamanii akka dhiyaatan ajajame

Jawaar Mohaammad

Madda suuraa, Getty Images

Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa dhaddachi ramaddii Araadaa galmee qorannoo duraa Obbo Jawaar Mahaammad fi namoota 13 biroo ilaalu dhaddacha har'a oolen, poolisiin federaalaa hoogganaa Bulchiinsa Hidhamtootaa Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee sa'aa 24f hidhee mana murtiitti akka dhiyeessu ajajeera.

Ajajni kun kan kenname galmee Obbo Jawaarfaa keessatti kan argaman gaazexeessaa OMN Mallasa Dirribsaa dabalatee namootni afur qorannoon dhibee Covid-19 akka godhamuf ajajni kennamee ture raawwatamuu dhabuun wal qabata.

Manni murtichaa dhaddacha Hagayya 20 bara 2012 oolen sababa ajajni hin raawwatamneef hooggansi Bulchiinsa Hidhamtootaa Komishinii Poolisii Magaala Finfinnee har'atti qaamaan dhiyaatanii akka hubachiisan ajajee ture.

Haa ta'u malee beellama har'aa irratti hooggansis ta'e bakka bu'ootni dhaabbatichaa hin argamne.

Manni murtichaas dhaddacha har'a oolen komishiniin Poolisii Federaalaa hoogganaa Bulchiinsa Hidhamtootaa Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee sa'aa 24f hidhee mana murtiitti akka dhiyeessu ajajeera.

Gama biraatin kanaan dura dhibee Covid-19n qabamanii kan turan Daawit Abdataa, Geetu Tarrafa, Kennee Duumechaa, Taamiraat Huseen, Bashir Huseen fi Sabbooqaa Olqabaa dhibee Covid-19 irraa bilisa ta'uu isaanii Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa irraa xalayaan ergamuusaa manni murtichaa himeera.

Dhimma ragaalee abbaa alangaa

Mana Murtii Federaalaa Sad. Jalqabaa dhaddachi ramaddii Araadaa galmee qorannoo duraa Obbo Jawaar Mahaammad fi namoota 13 irratti ragaalee abbaa alangaa dhaggeeffachuu fi iyyatawwan shakkamtootni beellama darbe irratti dhiyeessan irratti ajaja kennuuf ture har'atti beellama kan qabate.

Haa ta'u malee shakkamtootni lakkoofsa 4 hanga 9 jiran fi dhibee Covid-19 irraa bilisa jedhaman waan hin dhiyaanneef manni murtichaa ragaalee abbaa alangaa hin dhaggeeffanne.

Abbaan alangaa "poolisiin shakkamtoota akka dhiyeessu nuuf yaa ajajamu" jechuun mana murtichaa kan gaafte yemmuu ta'u abukatoowwan shakkamtootaa gama isaaniitin "bu'aan qorannoo Covid-19 shakkamtoota kunneenii dafee qaqqabuu qaba ture.

Abbaan alangaas shakkamtoota dhiyeessuu qaba ture. Kanaafuu ajajni cimaan nuf yaa kennamu," jechuun gaafatan.

Manni murtichaas Komishiniin Poolisii Federaalaa shakkamtoota galmee qorannoo duraa Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti argaman mara Hagayya 26 bara 2012 ganama sa'aa 3:30ti akka dhiyeessu ajajeera.

Ajajawwan biroo

Dhaddacha Hagayya 20 bara 2012 oolen shakkamtootni iyyatawwan garaagaraa dhiyeefatanii kan turan yemmuu ta'u Obbo Jawaar Mahaammad haadha warraa fi daa'ima isaanii walin guyyaa tokko qofa akka hasa'an fi isa booda dhorkamuu isaanii iyyatanii turan.

Manni murtichaa ajajni mirga shakkamtootaa kabachiisuuf kennamu yeroo tokkof qofa osoo hin taanee hanga shakkamaan hidhaarra jirutti hojiirra kan oolu ta'uu hime.

Obbo Jawaar Mahaammad torbeetti yoo xiqqaate yeroo lama haadha warraa fi daa'ima isaanii gama suur-sagaleen akka argatan ajajeera.

Kana malees Obbo Jawaar kitaabilee dabalatee meeshaaleen barreeffamaa kan akka waraqaa fi kobbee akka seenaniif poolisiin akka raawwachiisu manni murtichaa ajajeera.

Beellama darbe irratti abukaatoowwan "maamiltoota keenya waliin haalaan wal argaa hin jirru. Dafanii akka baanu nu taasisu" jechuun iyyatanii kan turan yemmuu ta'u manni murtichaa shakkamtootni torbeetti guyyaa sadi Wiixata, Roobii fi Jimaata sa'aa 4 hanga 5:30 akka wal argan ajajeera.

Gama biraatiin manni murtichaa iyyata Obbo Jawaar fi Obbo Baqqalaan hiriyoota fi waahillan keenya wajiin akka wal hin agarre dhorkamneerra jechuun dhiyeessan labsii yeroo muddamaa dhibee Covid-19n walqabatee labsame eerun iyyata isaanii kuffiseera.

Dhimma fayyaan walqabatee manni murtichaa shakkamtootni qorannoon dhibee Covid-19 hin taasifamneef qorannoon akka taasifamuf akkasumas Shamsaddin Xahaa poolisiin eegduu ramadeefii magaala Finfinnee keessatti dhaabbata fayyaa barbaadetti akka yaalamu manni murtichaa ajajeera.