Walaayittaa keessatti rakkoo nageenyaa mudateen yoo xiqqaate namootni 10 ajjeefaman

Zoonii Wolaayittaa

Madda suuraa, Wolaita zone chief adminstrator/facebook

Naannoo Uummatotaa Kibbaa Godina Walaayittaatti gaaffii naannoo ta'anii ijaaramuuf dhiyaaten walqabatee mormii Dilbata dhalate hordofee hanga har'aatti namootni 10 ta'an ajjeefaman.

Godinichi naannoo of danda'e ta'ee akka ijaaramu sekreeteriyaatiin hundaa'e Dilbata darbe walgahiirraa kan ture yoo ta'u hooggantootni godinichaa, ogeeyyiin seeraa, jaarsoliin biyyaafi kaaniis to'annoo qaamolee nageenyaa jala oolfamuu isaanii hordofeeti mormiin kan eegale.

Mormiin kun magaalaa guddoo godinichaa Sooddoo dabalatee magaalota kaanittis gaggeeffamaa jira.

Magaala Sooddoorraa fageenya km 18 irratti kan argamtu magaalaa Boddittiitti namootni torba ajjeefamuu maddeen hospitaalaarraa mirkaneeffachuu isaanii miseensa hojii raawwachiiftuu paartii mormituu Sosochii Biyyaalessaa Walaayittaa kan ta'an obbo Maatiwoos Baalchaa BBC'tti himaniiru.

Magaala Sooddoo keessattis namootni sadii ajjeefamuu mirkaneeffachuu himaniiru obbo Maatiwoos.

''Ragaaleen walitti qabadherraa harki hedduun dargaggoota umrii xiqqaa dha, motummaan humna barbaachisuu ol fayyadameeraa'' jechuunis komatan.

''Kan si gaddisiisu ijoollee kanaaf alangeen jabaan gahaa ture. Gaazii imammaanessus fayyadamuun ni danda'ama ture. Tokko tokko osoo baqachuutti fiiganii hordofamanii rasaasni itti dhuka'e'' jedhan obbo Maatiwoos.

Komishinii Itti aanaan Poolisii naannichaa lubbuun namoota ajjeefamanii kan darbe humnaan meeshaa waraanaa butuuf yoo yaalaniidha jedhanii ture sun odeeffannoo dhugaa miti jechuunis obbo Maatiwoos BBC'tti himaniiru.

Dilbata darbe namoota rasaasaan rukutamanii Hospitaala Sooddoo Kiristiyaan galan keessaa namni tokko lubbuun darbuu ogeessi fayyaa Hospitaalichaa maqaan isaa akka dhahamu hin feene ibseera.

Nama ganna 30 kanaan dabalataan namootni sadii miidhama jabaarra jiraachuus ogeessi kun himaniiru.

Dargaggoon ganna 22 tokko rasaasni mormarra dhawamee haala yaaddessaa keessa akka jiru akkasumas dargaggoon ganna 25 kan biroon ammoo miilla isaarra rasaasni isa rukute hiddi dhiigaa isaa hedduu miidheeras jedhan.

Namni inni sadaffaan ammoo rasaasaan osoo hin taane reebicha hamaa irra gaheen miidhamuus ogeessi kun mirkaneessaniiru.

Dargaggoota kutaa yaala dhibee jabaa keessa jiraniin alatti ammoo namootni biroon sadii rasaasaan rukutamanii kutaa yaala lafee ciisanii waldhaanamaa akka jiran dubbataniiru.

Kanneen miidhaan isaanii salphaa ta'ee waldhaanamanii qe'ee isaaniitti deebi'an shanis jiraachuu ibsaniiru.

Walumaagalatti namootni 11 miidhamanii Hospitaala sanatti waldhaanamaniiru.

Magaala Boddittii keessattis akkasuma namni shan ajjeefamuu ragaa qabaachuufi achuma Sooddoo keessattis kanneen rasaasaan ajjeefamanii Hospitaala hin geeffamne jiraachuullee quba qabaachuu ogeessi maqaa naa dhoksaa jedhan kun himaniiru.

Magaalaa Sooddoo keessa sochiin geejibaafi daldalaa kan hin jirree, haalli kan hin tasgabboofne ta'uufi Boddittiin muddama keessa jiraachuullee himan.

Jiraataan magaalaa Sooddoo kan biroon ammoo sochii konkolaattota qaamolee nageenyaan alatti magaalitti keessa callisni akka jiru himaniiru. Namni yaaddoo keessa akka jirullee dubbatan.

Akka jiraataan kunis nan dhagahe jedhanii BBC'tti himanitti Sooddootti namni sadii Boddittiitti ammoo torba du'uu dubbataniiru.

Kaleessaa eegalee haala nageenyaa godinichaafi miidhaa qaqqabe irratti yaada akka kennan irra deddeebiin biiroo nageenyaa naannoo Uummatoota Kibbaati bilbillee beellama nuu qabaniis argachuu hin dandeenye.

Hoogganaan Biiroo Nageenyaafi tasgabbii naannichaa obbo Alamaayyeew Bawuudii godina Walaayittaa keessa rakkoo nageenyaa mudateen walqabatee namootni to'annoo jala oolan 10 ta'uu Wiixata kaleessaa FBC'tti himanii turan.

''Namootni kun hooggantoota olaanoo godinichaa gaaffiin naannoo ta'uu kallattii mootummaan kaaheen aka hin adeemne kanneen hojjeechaa turaniidha'' jedhanii ture.

Namootni kun to'annoo jala ooluu isaanii hordofee daandiiwwan cufuufi jeequmsa uumuun mul'ateeras jedhan.

Sababa kanaatti lubbuun nama tokkoo darbuu kaan miidhamuullee obbo Alamaayyew kaleessaa FBC'tti himan.

Hooggantoota hidhaman keessaa bulchaan godinichaa obbo Daagaatoo Kumbee, Hoogganaa paartii Badhaadhinaa godinichaa obbo Xibabuu Yohaannis, hooggansi godinichaa kan biroon aadde Iteenesh Eeliyaasi, hooggansi Sosochii Biyyaalessaa Walaayittaa obbo Gobazee Abarraa, Pireezidantii Itti aanaan Adda Dimookraatawaa Walaayitaa Dr. Asraat Eeliyaasiifi kaniis ni argamu.

Obbo Maatiwoos akka himanitti jaarsolii fi quuqamtootni mirgaa dabalatee walumatti namootni qabaman 26 ta'uu himaniiru.

Pireezidantiin naannoo Uummattoota Kibbaa ibsa kennaniin rakkoon uumame sababa hogganoonni Godina Walaayittaa gaaffii naannoo ta'uu karaa hin malle deebisuuf yaalaniin kan uumamedha jechuu isaanii ETV'n gabaaseera.

Hogganoonni kunneen qaama biyya diiguuf socho'urraa ergama fudhatanii hojjechaa jirus jedhan.

Gaaffiin naannoo ta'uu uummata Walaayittaa bu'uura seeraa qofaan kan deebi'u qofa ta'as jedhaniiru.

Manni Maree godina Walaayittaa yaa'ii ariifachiisaa ji'a Waxabajjii keessa taa'een ture Naannoon Walaayittaa akka hundaa'u murtee kan dabarse.