Obbo Dhaabaa Dabalee: Mootummaan dhaabbii biqiltuutiin siyaasa addaa hojjetu hin qabu

biqiltuuwwan

Madda suuraa, PMO/Facebook

Godinaalee Oromiyaa 21 keessatti guyyaa tokkotti biqiltuun miiliyoona 327 dhaabbamuu Hogganaan Biiroo qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee BBC'tti himan..

Mootummaan naannoo Oromiyaa Adoolessa 29, 2020 guyyaa tokkotti Biqiltuu miiliyoona 304 dhaabuuf karoora qabate hojiitti hiikuuf guutuu Oromiyaatti duulli dhaabbii Biqiltuu taasifamaa oole.

"Bara darbe guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 211 dhaabne. Kan baranaa ammoo guutuu Oromiyaatti barii sa'aatii 12 irraa hanga galgala sa'aatii 12tti miiliyoona 304 dhaabuuf karoorfamee karooraa ol biqiltuu miiliyoona 327 dhaabbateera," jedhan Obbo Dhaabaan.

Duula guyyaa tokkoon biqiltuu hedduu dhaabuu kana irratti Godinaalee Oromiyaa 21 keessaa uummanni miiliyoona 10 ta'u irratti hirmaateeras jedhan.

Dhukkuba Koronaavaayirasii kan ilaaleenis "rakkoon kuni akka jiru waan beekamuuf dursinee hubannoo kennine. Uummanni yeroo biqiltuu dhaabu maaskii akka godhatu, fageenya walirraa akka eeggatu, sirbii fi walitti dhihaachuun akka hin jiraanne himameera. Uummannis gorsa kana fudhatee bifa of-eegannoo qabuun dhaabaa oolan," jedhan.

Mootummaan dhaabbii biqiltuu kana ajandaa siyaasaatiif osoo hin taane dirqama itti gaafatamummaa isaa bahachuuf akka raawwachaa jirus eeran.

Namoota biqiltuu dhaabaran

Madda suuraa, Oromia Communication Bureau

"Mootummaan Biqiltuu dhaabuu irratti siyaasa addaa hojjetu hin qabu. Kuni misooma. Nama siyaasa keessa jirus kan hin jireefis waan barbaachisuuf dirqama isaa bahaa jira."

"Namootni ilaalcha akkanaa qabanis kanneen hubannaa hin qabnee fi ofiif dhimma itti bahu dadhabani," jedhan.

Bara darbe Naannoon Oromiyaa biqiltuu biiliyoona 1.9 dhaabe keessaa dhibbeentaa 84 qabachuus himan.

Bara kanas naannichi Biqiltuu qopheesse biiliyoona 3.4 hojiin dhaabuu itti fufee jiraachuu angaa'an kuni BBC'tti himaniiru.