‘Ashaaraa Magariisaa’ : MM Abiy Ahimad duula biqiltuu biiliyoona 5 dhaabuu eegalsiisan

MM Abiy Ahimad magaalaa Hawaasaatti biqiltu dhaabsisuu eegalaniiru

Madda suuraa, PMO

Ibsa waa'ee suuraa, Duulli biqiltuu dhaabuu guddina jijjiirama qilleensaa dandamatu mirkaneessuuf yaalii taasifamudha jedhaniiru MM Abiy Ahimad

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) duula biqiltuu biiliyoona shan Ganna baranaa dhaabuu eegalsiisan.

Ganama har'aa magaalaa Hawaasaatti kan argaman MM Abiy tulluu Taabor gubbaa biqiltuu dhaabuun duula kana eegalsiisaniiru.

Guyyaa Eegumsa Naannoo Addunyaa guyyaa har'aa yaadatame ooluun duulli eegalame koronaavaayirasiirraa of eegaa raawwata jedhaniiru MM Abiy.

Waggaa darbe guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 200 dhaabuuf yaadame miiliyoona 350 ol dhaabuun riikardii sadarkaa addunyaan jiru cabsuu isaanii qondaaltonni Itoophiyaa dubbatanii turan.

Itoophiyaan sababa jijjiirama qilleensaafi ciriama bosonaan hongeefi googinsi irra deddeebiin ummata biyyatti hubaa jiru hambisuuf hojii eegalame akka ta'e kana dura himamee ture.

Duula baranaa

Duula Barruu Magariisaa bara kanaatiin biqiltuuwwan biiliyoona shan dhaabuf karoorfatamuusaa MM Abiy himaniiru.

Kunis qaama karoora biyyattiin waggoota afur keessatti biqiltuuwwan biiliyoona 20 dhaabuf karoorfatteeti.

Bara darbe biqiltuuwwan biiliyoona afurii ol dhaabamuu isaanii kan himan MM Abiy kana keessaa dhibbantaan 84 marguusaa himan.

Dhaabbii biqiltuu waqtii roobaa kanaaf caasaaleen federaalaa fi naannoo ji'oota darbanitti qophii taasisaa akka turan himameera.

Ergaa ummataaf dabarsaniin qabeenyi uumamaa fayyaa namaaf dhimma ijoo akka ta'e kan himan MM Abiy, Itoophiyaan akkuma kutaalee addunyaa biroo jijiirama qilleensaan fi miidhama qabeenya uumamaatin qoramaa jiraachuu himan.

Kanaaf jijjiirama qilleensaa ittisuun misooma magariisaaf haala mijeessuun kaayyoo misoomaa mootummaa Itoophiyaa ta'ee turuusaa dubbatan.

Duulli dhaabbii biqiltuu kun qormaatawwan qabaatus karoora qabame milkeessuuf kutannoon ka'uu MM Abiy dubbataniiru.

Duulaa bara Covid-19

Labsiin yeroo muddamaa Itoophiyaan tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf baaste namoota 4 caalaa bakka tokkotti akka hin qabamne dhorka.

Yeroo ammaa immoo tatamsa'aiinni dhukkubichaa sadarkaa sadaffaa jechuunis hawaasa tokkorraa kaanitti darbaa akka jiru Ministeerri Fayyaa ibseera.

MM Abiy ergaa har'a dabarsaniin Duulli Barruu Magariisaa bara kanaas bifa namoota Covid-19f hin saaxillen akka adeemsifamus himaniiru.

Kantiibaa Itti - aanaa magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Takele Uma

Bara darbe namoonni duulaan bahanii kan dhaaban yoo ta'u kana baranaa garuu kanarraa adda ta'u mala jedhamee yaadamera.

Haa ta'u malee, akkaataa kamiin waan jedhu irratti qondaaltonni hanga yoonaa waan ifa godhan hin qaban.

Barana magaalaa Finfinnee keessa biqiltuun miiliyoona 7 dhaabuuf akka yaadame Kantiibaan Itti- aanaa magaalattii Injinar Taakkala Uumaan duula har'a abbootii amantii waliin dallaa mana qopheessaa magaalattii keessa yeroo eegalsiisaniin himun isaanii gabaafameera.

Magaalli kuniifi naannawan ishee immoo bakkeewwan koronaavaayirasiin akka biyyaatti caalmaatti hubaman ta'un ni beekama.