Hidha Abbayyaa: Bishaan hidha keessatti walitti qabame bara dhufu ‘annisaa maddisiisa’

Madda suuraa, ASHRAF SHAZLY
Erga Hidha Haaroomsa Guddicha marsaa jalqabaa bishaaniin guutuun xumuramuun ibsameen booda, Ministirri Bishaan, Jallisiifi Inarjii bara dhufuutti hanga tokkoo anniisaa elektirikii maddisiisuun kan eegalamu ta'u himan.
Ministirrichi Dr Injinar Shilashi Baqqalaa kaleessa galgala akka dubbataniitti, ''Hidhi guddichi bishaan qabachuun isa barbaachisu kubiik meetiriin biiliyoona 4.9 qabachuun hidharra yaa'uu eegaleera.
''Kunis kan milkaa'ee osoo bishaan biyyoota dakaatti argamaniif darbu adda hincitiini'' jedhanii jiru.
Ministirichi fuula tiwitara isaaniirratti akka barreessaniitti, ''Bu'aan kunis boqannaa isa guddaadha. Bishaan amma hidha keessatti kuufamee kanaanis bara dhufuutti tarbaayinoota lamaan annisaa omishuu ni dandeessisa. Ijaarsi keenyas itti fufa'' jedhan.
Ergaa barreeffamaa kanaa alattis, ministirichi suuraa hidhichaa wayita bishaan guutuu eegaluufi erga guuteen booda mullisuu qoodaniiru.
Itti dabaluunis baga gammannee jechuun ummataaf ergaa gammachuu dhaaman.
Suuraan Injinar Shilashiin hidhichi osoo bishaan qabachuu hineegaliin dura ture mullisu kan asiin gadii kana fakkata.

Madda suuraa, @seleshi_b_a
Hidhichi erga bishaan qabachuu eegaleen booda ammoo kana fakkaata jechuu ture Ministirichi kan fuula tiwitara isaanii irratti qoodan.

Madda suuraa, @seleshi_b_a
Mariin dureewwan biyyootaa kaleessa galgala eegalame kan 'haala tasgabaa'eefi gaariin' gaggeefamee ture jedhaniiru Injinar Silashiin.
''Dhimmoota teknikaafi seeraa waliigalteen irra hingahamiin irratti marii taasisuun dhimmoota itti aanana irratti waliigalteerra gahameera'' jechuun ibsaniiru.
Haaluma kanaanis ''Haala bishaan guutuu sadarkaalee hundaa irratti yeroo gabaabbaa keessatti waliigaltee irra akka gahamuuf, waliigalteen hunda hammatuufi waliitti fufiinsa qabuu, haala itti fayyadama bishaanichaa gara fuula duraa dabalatee, akka marii gara fuula duraatiin xumuramaniif dureewwan biyyootaa walii galaniiru,'' jedhan.
Yaadota kennaman
Hidhi Abayyaa bishaan guutamuu isaatti lammiileen Itoophiyaa akkasumas qondaaltonni MM Abiy Ahimad dabalatee gammachuu isaanii ibsaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Obbo Gadduu Andaargaachaw 'Abbayyaan laga ture, hidhamee haroos lagas ta'e'' jechuun ibsan.
Gama kaaniin, Ministirri Muummee duraani Obbo Haayilamaariyaam Dassaalanyis gammachuu isaanii ibsan.
Ogeessa haayidirolojistii kan ta'an Obbo Haayilamaariyaam ijaarsi amma hidhi itti jiru tarbaayinii jalqabaa lama sochoosun elektirikii maddisiisa jechuun himan.
Kanaafis, MM Abiy dabalatee, Obbo Gaddu Andaargaachaw, Injinar Silashii Baqqalaafi lammiilee Itoophiyaa hundaa galateeffataniiru.
Itoophiyaan guyyaa kaleessaa ture hidha abbayyaa guute jettee ifatti kan himte













