Koronaavaayirasii fi Qoricha: Ogeeyyiin Itoophiyaa itti fayyadama 'Deksaametaazoon' irratti yaada dhiyeessan

Madda suuraa, Matthew Horwood
Qoricha du'a sababa Covid-19'n mudatu ni xiqqeessa jedhame, Deeksaameetaazoon, akkamiin fayidaarra akka ooluu qorachuuf gareen hundaa'e waan irra gahe Ministeera Fayyaa Itoophiyaaf dhiyeesse.
Ministeera Fayyaa jalatti weerara Koronaa irratti gareen Ogeeyyii gorsa kennuuf hundaa'e ajaja Dr. Liyaa Taaddeseerraa fudhataniin qorachaa turanii bu'aa qorannoo isaanii qaama ilaallatuuf dhiyeessuu Ministeera Fayyaatti hoogganaan tajaajila wal'aansaa Obbo Yaaqoob Semmaan BBC'tti himaniiru.
Akka miidiyaaleerratti haasa'ame osoo hin taane fayidaan qoricha kanaa carraa du'aa namoota dhibeen kun akkaan itti cime xiqqeessuudha, sanuu harka xiqqoonii jedhan Obbo Yaaqoob.
Kanaaf ammas hawaasni oduu kanaan osoo hin dagatiin of eeggannoowwan ogeeyyii fayyaan gorfaman akka hordofu dhaamaniiru.
Itti fayyadama qoricha kanaa ilaalchisee yaadni gareen ogeeyyii kun Ministeera Fayyaaf dhiyeessan maal akka ta'e hin baramne.
Gareen saayintiistota UK qorichichi namoota akkaan dhibeen kun itti cime sadii keessaa tokko lubbuu oolchuu akka danda'u ibsaniiru.
Kanneen Veentileetaraan gargaaramaa harganan shan keessaa namni tokko baraaramuu akka danda'us bu'aan qorannoo Ogeeyyii UK ni ibsa.
Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa qoricha kana kanneen dhibeen kun itti cimeef kennuu ni eegalaafi hin eegaluun ammaaf ifatti hin himamne.
Biyyootni Afrikaa biroon maal jedhan?
Qorichoota duruu jiran keessaa dhibee Covid-19 wald'aanuuf warra ooluu danda'anirratti qorannoo gaggeeefamaa turan keessaa Deeksaameetaazoon du'a sababa dhibee kanaan mudatu akka xiqqeessu erga ifa ta'e guyyaa lama keessatti biyyootni Afrikaa itti fayyadamuu eeegalan jiru.
Afrikaan Kibbaa namoota Covid-19 itti cimee jiruuf qoricha ogeeyyiin Yunivarsiitii Okisfoord ni fayyada jedhan kana kennuuf akka ta'e beeksifteetti.

Madda suuraa, NurPhoto
Koreen dhimma Covid-19 hordouuf sadarkaa Ministeeraatti hundaa'e qoricha Deeksaameetaazoon jedhamu kana namoota Koronaavaayirasiin qabamanii amma veeltileetaraan deeggaramaa hargananiif guyyoota walitti aanan 10'f kennuun lubbuu isaanii baraaruu mala jedheera.
Biyyoota Baha Afrikaa keessaa ammoo Keeniyaan qoricha kana dhukkubsattootaaf kennuu eegaluu daayireektarri Fayyaa Hawaasaa biyyattii Paatriik Amoot tiwiitara gubbaatti maxxansaniiru.
Dr. Amoot itti dabaluuniis qorichi Deeksaameetaazoon jedhamu kun bara 2019'tti kKeeniyaa keessatti tarree qorichoota barbaadamoo jalatti eeramuu yaadachiisaniiru.
Gama kaaniin Naayijeeriyaan hanga Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa faayidaarra haa oolu jedhutti hin yaalu jetteetti.
Gidduugala To'annoo Dhibee biyyattii tiwiitara gubbaatti ibsa baaseen, mootummaan Deeksaameetaazoon akka yaaliif oolu hin ajajne jedheera.
Gaanaatti ammoo namoonni Covid-19'n qabamanii dhibeen kun itti hin hammaanne qoricha kana ofiif akka hin kennine hakiimni akeekkachisaniiru.
Miidhaa akkamii qaba?
Qorichoota garee gilukookortiikooyidii jala jiran keessaa tokko kan ta'e Deeksaameetaazoon akkuma qorichoota biroo dame kanaa ajaja ykn hordofii hakiimaan akka fudhatamuu qaban ogeeyyiin ni gorsu.
Qorichichi kun "akka malee lafee nyaata" dabalataan ammoo furdinni qaama namaa akka dabalu taasisa jedha Yuunivarsiitii Walaayitaa Sooddootti barsiisaa Faarmasii kan ta'e Obbo Shawaaneh Ayyalaa. .
Kanaaf kanneen yoo furdinni qaama isaanii dabale rakkoof saaxilaman, namoonni dhibee akka dhiibbaa dhiigaa, dhibee sukkaaraafi kaan qaban ajaja hakiimaan ala Deeksaameetazoonii akka fudhatan hin gorfamu jedha.
Dabalataan madinummaa qaamaa waan xiqqeessuuf hiree namni dhukkubaan hubamuu dabaluu mala yaaddoon jedhus jira.
Qorichi kun Alarjiiwwan qaamolee hargansuu funyaanii hanga sombaa jiran dabalatee gogaa irrattilee uumaman waldhaanuuf kennamaa ture.
Dabalataan infilaameeshinii ykn wanta gogaa namaa diimessee ykn dhiita'ee qaama namaarratti bahu yaaluufis ni oola.
Qorichi kun rakasaa fi biyyoota Afrikaa hiyyee keessattis salphaatti kan argamu ta'uun namni hedduun hayyama hakiimaa malee fudhatamu danda'a yaaddoon jedhu jira.














