Ji'a Ramadaanaa: Iidii baranaa jama’aan salaatuun akka hin danda’amne majlisi ibse

Ibsa Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa

Ayyaana sooma hiikaa yookiin Iida Ramadaanaa (Iid al-fixir) kan bara 1441 ilaalchisuun ibsa kan kenne Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa, Iidii bara kanaa jama’adhaan salatuun akka hin danda’amne ibseera.

Kunis sababii weerara koronaavaayirasiitiin namni walitti heddummaachuu waan hin qabneef jedheera ibsi kun.

Ibsichi hawaasni muslimaa akkuma kanaan dura masjiidatti jama’aa salaatuu dhiisee manasaatti saalaataa ture, keesattuu salaata taraawii kan nama hedduu walitti fidu dhiisee manatti salaatuun of eegaa ture, ammas iida baay’inaan deemuurraa of qusatee fayyummaasaa eeggachuu akka qabu dhaamsa dabarseera.

Akkaataa salaataa

Biyyoonni dhibee kana salphisanii ilaaluun baay’inaan walga’aa turan daran miidhamuu kan eere ibsi kun hawwaasi muslimaa madda tatamsa’ina vaayirasichaa ta’uurra iida manatti maatiisaanii waliin salaatuun of eeguu akka qaban ibsi kun yaadachiiseera.

Namni tokko qofaa manatti iidii salaatuu danda’a kan jedhu ibsi kun gamtaadhaanis dhuunfaadhaan namoonni manatti salaatan akkuma kanaan duraa raka’aa lama salaatuu qabu jedheera.

Kanaan dura iidiin wayita salaatamu imaama yookiin dura bu’aadhaan qajeelfamu, amma wayita manatti salaatanis qajeeltoowwan sirrii ta’an eegamuu akka qaban ibsi kun eereera.

Fakkeenyaaf wayita salaati eegalamu dirqama kan ta’e takbiiraan (Guddinaa fi olaantummaa Rabbii ibsuuf kan jedhamu), raka’aa jalqabaarratti torba, kan lammataarrattimmoo shan jechuun salaatama.

Namni tokko manatti maatii waliin erga salaatee booda ‘kuxbaa’ gochuun ammoo dirqama miti, salaati qofti ga’aadha jedha ibsi kun.

Yeroon salaata iidii yeroo salaati adduhaa itti salaatamuudha, kana jechuun aduun baatee daqiiqaawwan 20 irraa eegalee hanga salaata Zuhuriif yeroon muraasi hafutti salaatuun ni danda’ama jechuudha.

Salaati Zuhurii erga salaatamee booda iidii salaatuun hin danda’amu jedha ibsi kun.

Zakaatal Fixirii

Miskiina yookiin harka qalleeyyiif kan kennamuufi amantii Islaamaa keessatti dirqama kan ta’e Zakaatal Fixir, osoo Iidiin hin salaatamin kennamuu qaba.

Zakaatal Fixir eenyuuf akka kennamu, eenyu akka kennu, hagam akka kennamuu fi yoom akka kennamu ilaalchisee karaa masjiidotaa dursee dhaamsi akka darbu manni maree dhimmoota islmaamummaa itoophiyaa dhaamsa dabarseera.

Takbiiraa guyyaa iidii

Guyyaa iidii kan raawwatamuuf dirqama ta’e keessaa inni ijoon takbiiraa yookiin sirna olaantummaa Rabbii ittiin faarsaniifi kadhataniidha.

Takbiiraan bara kanaa karaa masjiidotaan sagalee guddistuudhaan hawaasa naannoof darbu manni maree dhimmoota islaamummaa murteesseera.

Akkasumas kuxbaa, ergaa fi walumaagalatti sirni salaata iidii bakka tokkorraa tamsaasa kallattiitiin muslimoota hundaaf akka darbus murtaa’eera.

Manni maree kun iidiin baranaa kan nagaa, kan itti walgargaaranii fi kan gammachuu akka ta’us hawaasa muslimaaf hawweera.

IId mubaarak.