Koronaavaayiras: Ramadaana baranaa keessatti wantoota jijjiiramuu malan shan

Ustaaz Ahmaddiin Jabal

Madda suuraa, Feesbuukii Ustaaz Ahmaddiin

Utubaawwan amantii Islaamaa keessaa tokko kan ta’e soomni Ramadaanaa kan muslimoonni qaamaa qalbiin of qulqulleessanii irruma caalaa waaqasaanii itti kadhataniidha.

Ji’a Ramadaanaa keessa muslimoonni kadhanaasaanii kan duraarra daran cimsu.

Masjiidatti heddumaachuu fi hariiroo hawaasummaa cimsuun kan qabu isa rakkate gargaaruun ji’a kana keessa akkaan raawwatama.

Soomni Ramadaanaa bara kanaa kan waggaa 1439ffaa garuu haala kanaan dura baratameen waan raawwatamu hin fakkaatu. Sababa weerara koronaavaayirasiif jecha.

Weerarri koronaavaayirasiin walqabatee Ramadaana baranaa keessatti maalfaatu jijjiiramuu mala?

Salaata taraawiih

Amantii Islaamaa keessatti salaata jama’aan salaatamu keessatti salaati taraawiih isa tokko.

Barsiisaa fi Quuqamaan gameessi Amantii Islaamaa Ustaaz Ahmaddiin Jabal wayita waa’ee salaata taraawiih ibsan ‘’ Nabiyyuu Mohammad(SAW) bara lubbuun jiran hawaasa muslimaa walitti qabamanii salaata taraawiih salaataa turan.

Jalqabarratti rabbi waajiba godhe si’anii sodaahuurraa kan ka’e salaataa kan turan yoo ta’u boodarra garuu manasaaniitti kophaa salaatuu eegalan. Haala amma salaatamaa jiruun bara Umar keessa eegale.’’ Jedhan.

Dhibeen lubbuu namaaf sodaachisu wayita addunyaa weeraru akkaataa adeemsa amantii islaamaa keessaa wantoota hafuu qaban durumaanuu turaniiru kan jedhan Ustaaz Ahmaddiin ,’’Salaati taraawiih silumaa waajiba osoo hin taane sunna waan ta’eef manatti maatii ofii waliin salaatuun ni iyyamama’’ jedhan.

Tarkaanfiin kun bara Nabiyyuu Mohammad(SAW) keessallee fudhatameera kan jedhan Ustaaz Ahmaddiin Jabal ,’’Salaati jama’aa kan waajiba ta’eyyuu dhowwameera waan ta’eef taraawiih isa sunna ta’emmoo dhiisuun rakkisaa miti,’’ jedhan.

Manatti wal faxarsiisuu

Akka dhugeeffannaa Amantii Islaamaatti Ji’a Ramadaanaa keessa wantoota ajirii yookiin gatii kadhannaa namaaf dabalan keessaa walfaxarsiisuun isa ijoodha.

Kanaaf jecha inni qabu isa hin qabne barbaadee itti sadaqata ykn waan qabu kenneefii soora.

Akka barmaata Amantii Muslimaatti inni qabu miskiina ykn warra waa harkaa hin qabne manatti affeeree nyaachisa. Miskiina hedduu nyaachisuun akka jazaa guddooti.

Bara weerarri koronaavaayiras addunyaarifaasisee namni walbaqate kanatti garuu haalli kun balaa biraa uumuu mala.

Ustaaz Ahmaddiin akka jedhanitti inni miskiina faxarsiisu dirqama manasaatti waamuu qaba kan jedhu duudhaa amantii islaamaa keessa waan jiru miti.

‘’Nama faxarsiisuun ajirii guddaa qabaatus akkaataa lubbuu namaa balaaf saaxiluun ta’uu hin qabu. Namni miskiina faxarsiisuu barbaade bakka namni sun jirutti maallaqas ta’e waan biraan deggeruu danda’a.’’ jedhan.

Garuu walitti heddummaachuutu hafa malee wal faxarsiisuun yeroo kamuu caalaa haala amma keessa jirru keessatti akkaan barbaachisaadha jedhan Ustaaz Ahmaddiin.

Da’awaa yookiin barsiisa Amantii Islaamaa hawaasa walitti qabuun godhamu

Waqtii Ramadaanaa kana hawaasa muslimaa heddumminaan bakkeewwan garaa garaa kanneen akka masjiida, isteedoomii fi galmoota garaagaraa keessatti walitti qabuun waa’aa amantiisaanii barsiisuun ni heddummaata.

Kana qofa osoo hin taane muslimoonni hunduu gamtaadhaan du’aa’ii yookiin kadhannaa godhachuuf wal ga’u.

Bara kana garuu sababa weerara koronaavaayirasiin walqabatee namni akka walitti hin heddummaanne waan gorfamuuf haalli kun ddhibuu mala.

Salataa taraawiih masjiida makkaa guddicha(Masjid al-Haram.

Majiida al-Haraam

Madda suuraa, Getty Images

Muslimmoota miiliyoona lamatti siqan keessummeessuu kan danda’u Masjiidi Makkaa guddichi ‘’Masjida al-Haram sababa weeara koronaavaayirasiitiin ramadaana bara kanaa akkanaa kanaan duraatti salaata taraawiih akka hin keessummeessine ibseera.

Jiini Ramadaanaa kan ittiin yaadatamu keessaa tokko salaata taraawiih Masjiida al-Haram irraa darbuuni.

Hawaasa muslimaa addunyaa mararra jiru gara salaata taraawiih akkasumas gara ibaadaa ykn kadhannaatti qajeelchuu keessatti sirni kadhannaa masjiida Makkaatti taasifamu ga’ee olaanaa qabaachaa ture.

Bara kana garuu sababa weerara Koronaavaayirasiitiin iddoon Ka’abaa ammumarraa qullaatti hafeera.

Muslimoonni ji’a kana keessa ka’abaa daran daawwatu turan, amma garuu akka hin jiraanne Sa’uudiin beeksisteetti.

Masjiidonni cufamuun waan akka haaraatti bara keenya keessa qofa mul’ate miti kan jedhan Ustaaz Ahmaddiin Jabal ,’’Namoonni hubannoo dhabuurraa akka waan haaraatti ilaalanii dhiphatu.’’ Jedhan.

‘’Bara nabiyyoota garaagaraatti Masjiid al-Haram dabalatee masjiidonni biyoota Arabaa keessa jiran hedduun cufamniiru. Sababa waraanaa, dhibee koleeraa fi kanneen birootiin muslimoonni gara masjiidaa akka hin deemne dhorkamaniiru. Kun waan haaraa miti. Seenaa wal’aaluurraayi ummanni keenya dhiphata.’’ Jedhan.

Salaata iidii fi harka walfuuchuu.

Ji’a Ramadaanaatiin walqabatee sirni si’aa’inaa fi gammachuudhaan dabarsuuf eegamu inni guddaan salaataa iidiiti.

Wayita iidii hawaasi muslimaa ji’a guutuu soomaa ba’e gammachuudhaan bakka jiruu walitti yaa’ee iidii salaata, hawaasa kumaa kitalatu wal ga’a.

Bara kana garuu dhorkaa sababa koronaavaayirasiin kaa’ameen namuu akkaan ba’ee waan iidii salaatu miti.

Yeroo iidii kan baratame kan biraan ammoo harka walfuuchuu ykn wal zayyaruudha.

Muslimni manarra deemee waldubbisa, inni qabu harka qalleessa waamee nyaachisa, walga’anii gammachuudhaan dabarsu.

Miirri walitti gurmaa’uu, harka walfuuchuu fi heddummaatanii waliin nyaachuu garuu weerara dhibee kanaa jalatti waan yaadamu miti.