Itoophiyaa fi Sudaan magaalaa Finfinneetti marii siyaasaa ol-aanaa jedhame gaggeessaa jiru

Marii Itoophiyaa fi Sudaan gidduutti Finfinneetti taa'amaa jiru

Madda suuraa, Ministera Dhimma Alaa Itoophiyaa

Ibsa waa'ee suuraa, Marii Itoophiyaa fi Sudaan gidduutti Finfinneetti taa'amaa jiru

Itoophiyaa fi Sudaan magaalaa Finfinneetti marii siyaasaa ol-aanaa jedhame gaggeessaa jiru.

Tibbana Sudaan erga waliigaltee jalqabaa hidha haaromsa Itoophiyaa bishaaniin guutuu jalqabuu akka mallattesituuf gaafatamtee diddeen as kun marii biyyootni lamaan taasisan kan jalqabaa tahuu isaati.

Biyyoota lamaan gidduu wal dhabdeen jiru amma dhimma laga Abbayyaa qofa osoo hin taane dhimma daangaas kan dabalatudha.

Mariin siyaasaa isa guddaadha jedhame kun kaleessa dubbii Itti Aanaan MM Dammaqaa Mokonnoniifi ministerri Dhimma Kaabinee Sudaan Omar Bashir Maanis taasisaniin eegale.

Marii eegamale kana irratti hoggantootni lamaan naannoo daangaatti haala waktawaa jiru irratti odeeffannoo walii qoodaniiru.

Naannoo daangaatti tasgabbii waaraa buusuun biyyootni lamaan waliin tahanii nageenya kabachiisuu irratti waliin hojjechuu akka qaban irratti mari'ataniiru.

Wal dhabdee daangaa biyyoota lamaan giduu jiru waggoota dheeraaf odeeffamu iyyuu amma maaltu addatti uumame kan jedhu ifatti waanti himame hin jiru.

Biyyoota lameen irraa kanaan dura koreewwan dhimma daangaa fi wal ta'insi garaagaraa hundaa'ee ture akka cimee hojiitti hiikamu mari'ataniiru.

Har'as marii isaanii irratti kanuma cimsuun akkaataa kamiin hojiitti hiikuun danda'ama kan jedhu irratti erga wal tahanii waliigaltee walii mallatteessu jedhamee eegama.

Maricha irratti gama Itoophiyaan Ministira Dhimma Alaa Obbo Gadduu Andaargachew, Jeneraal Adam Mahaammad, Deetaa Ministera Alaa Ambaasadar Redwan Huseen, akkasumas tajaajila tikaa fi poolisii federaalaa irraa gaggeessitootni ol aanoon hirmaataniiru.

Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti gama Sudaaniin ministera Dhimma Alaa Asmaa Muhaammad Abdallaa fi hoggantootni humna ittisaa fi tika biyyattii irratti hirmaataniiru.

Itoophiyaan ji'aata lamaan dhufan keessa hidha Abbayyaa bishaaniin guutuu akka eegaltu ibsitee turte.

Sudaan ammoo waliigaltee jalqabaa hidhicha ilaallatu akka mallatteessituuf MM Abiy Ahmad gaafatanis hin fudhadhu jechuun ishee ni yaadatama.

MM Abiy Ahmad fuula tiwiiterii isaanii irratti jila Sudaan baga nagaan dhuftan jedhanii hariiroo biyyoota lameenii, dhimma dinagdee, hidha Abbayyaa, daangaa fi ittisa koroonaavaayirasii irratti akka waliin marii gaggeessan ibsaniiru.

Mariin biyyoota sadeenii Itoophiyaa, Sudaaniif Masirii gidduugalummaa Ameerikaan gaggeeffamaa tures waliigaltee malee xumuramuunsaa ni yaadatama.