Hogganaan Dhaabbata Daldalaa Addunyaa (WTO) turtiisaanii osoo hin xumurini aangoorraa bu’an

Robeertoo Azevaadoo - Hogganaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa

Madda suuraa, Getty Images

Hogganaan Dhaabbata Daldala Addunyaa yeroo diinagdee addunyaaf murteessaa ta'e kanatti turtiin aangoosaanii osoo waggaan tokko hafu aangoorraa ni bu’a jedhan.

Aangoorraa bu’uun Obbo Roobertoo Azeeveedoon yeroo diinagdeen addunyaa sababa weerara Covid-19 dhiibbaan irra gahaa jiruu fi pireezidant Doonaald Tiraamp irraa qeeqni isaan mudatetti.

Daldalli addunyaa yeroo kanatti sababa weerara koronaavaayirasiin haalan gadi bu’eera.

Doonaald Tiraamp dhaabbanni kun Ameerikaarratti ni looga jechuun himatu.

Obbo Azeeveedoon murtee aangoorraa bu’uu kun “murtee dhuunfaati” jedhaniiru.

“Dhaabbanni Daldala Addunyaa (WTO) gahuumsa hunda qabaachuu dhabuu danda’a ta’us garuu yeroo hundaa barbaachisaadha” jedhan.

Bulchiinsi Tiraamp irra deddeebiidhaan dhaabbanni gabaa to’achuu dhabuu fi kaayyoosaarraa maqeera akkasumas erga Chaayinaan bara 2001 miseensa dhaabbatichaa taatee lammiileen US miiliyoonaan laakka’aman hojii dhabdoota ta’aniiru jechuun komata.

Haalli jiru hin jijjiiramu taanaan Ameerikaan dhaabbaticha keessaa baati jedhanii kan turan Doonaald Tiraamp, waa’ee aangoorraa bu’uu Obbo Azeeveedoo gaafatamanii 'itti waliigaleera' jedhan.

“Irra deddeebiidhaan miidhamneerra… Chaayinaa akka biyya guddataa jirtutti gargaaran. Kanaafuu Chaayinaan faayidaa Ameerikaan hin arganne heddu argatti,” jedhan Tiraamp.

Waldhabdeen US fi WTO gareen abbootii seeraa dhaabbatichaa ‘Appellate Body’ jedhamu eega Muddee 2019 as akka wal dhibdee daldala addunyaa mudataa jiru hin ilaalle dhorkeera.

Kunis waldhabdee daldalaa biyyootaa jiddutti uumamu ilaaluuf lakkoofsi abbootii seeraa jiranii xiqqaa waan ta'eefi.

Ameerikaa waliin yaadaan walii galuun Jaappanii fi Gamtaan Awuroppaa WTO riifoormii jabaa akka taasisuuf dhiibbaa godhaaru.

Isaanis dhaabbanni kun dhugaarratti hundaa’ee diinagdee Chaayinaa akka diinagdee jabaatti ilaaluu akkasumas rakkoolee akka diinagdee biyyootaa fi daddabarsa teeknooloojiirratti hojjachuu qaba jedhu.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa