Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Meeshaan ofiin beeyladoota sooru hojii dhaabnaan baayladoonni beela'an
Erga meeshaan bilbila ismaartii ta'een hojjetan tolfamee biyyoota guddatan keessatti namoonni tokko tokko hirbaata sareefi adurree ofiin eegee kennuuf dhiisaniiru.
Meeshaan kun appilikeeshinii fayydamuun ofumaan yeroofi hanga nyaataa eeguun horii manaa soora.
Meeshaan elektirooniksiin ofiin beekee akka nyaataafi dhugaatii sirriitti safaree saatii isaa eeguudhan beeylada manaatiif dhiyeessutti tolfame guyyoota torbaaf yaratee turuu isaatiin beeyladoonni beelaaf saaxilaman.
Abbootiin qabeenyaa meeshaa elektirooniksii kanaa akka jedhanitti meeshaan akka nyaata gadi dhiisuuf tolfame kun yarachuu isaarraa kan ka'een horiin manaa torban guutuuf beela'aa jiru.
Meeshaan ofiin beekee soorata beeyladaaf dhiyeessu kun maqaan isaa Petnet jedhama. Petnet karaa appilikeeshinii bilbila ismaartii ta'anii sagantaa nyaataa baasuun to'ata.
BBCn yeroo Petnet kana karaa teessoo iimeelii isaa beeksifame qunnamuudhaaf yaalutti, iimeelichi erga akka hin fudhanne agarsiise.
Abbaan qabeenyaa beeyladaa tokko fuula tiwiitaraa isaarratti akkas jechuun beeksise: "Adurreen kiyya amma torban tokkoof beelofteetti," jedhe.
Abbootiin qabeenyaa horii manaa biroos komii walfakkaatu himachaa jiru.
"Meeshaan koo beeylada sooru Gen2 jedhamu sadii irra deddeebiidhaan cufamuun nyaata gadi dhiisuu dideera," jechuun barreesse namni biraan ammoo.
Namoonni tokko tokko ammoo siisteemiin beelada sooru kun deebiyee waan hojjeteef gammadaa jiru.
Garuu neetiwoorkii kanaan dura ture "2G" tiin osoo hin taane kan haaraatiin akka ta'e dubbatu.
Petnet akkaawontii Tiwiiteraa lama qaba. Inni beekamaan erga Agayya 30, 2019 as ergaa Tiwiiteraa hin ergine.
Akkaawontiin inni biraan akka deggersaatti tajaajilu garuu waa'ee rakkoo uumamee Guraandhala 14 fi 21 gidduutti tiwiiteraan ergeera.
Erga tiwiiteraa isa jalqabaatiin, " rakkoon uumame siistemiin yarate" meeshaaleen elektirooniksii "2G" ta'an irratti mul'ate waan ta'eef neetiwoorkiin kan hojjetaa hin jirre fakkaatullee maamiltoonni akka hin cufneef gaafateera.
Ergaan sun akka jedhutti mala awutomaatikaa ta'een sooruun "ammallee rabsaa jira" jedha.
Guyyoota afuriin booda ammas irra deebiyuun ergaa tiwiiteraa ergeen, "odeeffannoo dabalataa akka ergu" waadaa galeera.
Guraandhala 21 irratti ammoo soortuun ismaarti ta'e kun "neetiwoorkii irratti deebiyaa jira" waan ta'eef "siistemiichi amma sirreeffamuutti" jira.
Maamiltoonni tokko tokko garuu ammallee akkaawontii tiwiiteraa isa deggersaatti deebii argachuu hin jirru komii ergaa jiru.
Akka dhaabbata US keessatti argamu Crunchbase jedhamuutti Petnet erga Mudde bara 2012 keessa hundeeffamee kaasee maallaqa $14.9m (£11.5m) argateera.
Meeshaan kun UK keessatti karaa gabaa Amaazoon gatii £222 tiin gurgurama.
Ogeessonni meeshaa elektirooniksii nama bakka bu'uudhaan mana keessaatti dabalatee tajaajila kennanii akka jedhanitti yeroo wanti hedduun caalmaatti ofiin akka waa hojjetu (automated) ta'aa dhufe kanatti rakkoon toora irratti bakka ta'etti uumamuu akka danda'au beekuu barbaachisaadha.
roobootiiwwanis ta'e siistemoonni ofiin akka waa hojjechuu qabanitti tolfaman bakka tokkotti hanqina qabaachuu akka malan hubachaa itti fayyadamuu feesisa jedhu.