Koronaavaayiras: Hong Kong keessatti ga'eessonni qindaa'uun yakka raawwatan hanna soofti irratti maaliif bobba'an?

Hong Kong keessatti yeroo ammaa hanqinni sooftii mudateera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hong Kong keessatti yeroo ammaa hanqinni sooftii mudateera

Magaalaa Hong Kong keessatti ga'eessonni gareedhaan qindaa'anii yakka raawwatan hanna sooftii irratti bobba'anii jiru.

Sooftiiwwan dhibbaan lakkaa'aman kanneen doolaara Ameerikaa 130tti tilmaamaman hataniiru.

Hong Kong keessatti namoonni sodaa koronaavaayirasiif jecha sooftii baay'inaan itti fayyadamaa jiru.

Fedhiin sooftii dabaluun ammoo hanqinni akka mudatu taasiseera.

Gareen qindaa'e kunis kanuma sababeeffachuun sooftii hatanii gurguruu eegalan.

Inumaa namoonni kunneen daldaltoota sooftii naannessuun gurguran meeshaa qara qabuun sodaachisuun saamaa jiraachuusaanii poolisiin biyyattii ibseera.

Hanga ammaatti poolsiin namoota yakka kanarratti bobba'an lama to'achuu miidiyaan biyyattii gabaaseera.

Hojiin saamichaa kun Wiixata har'aa ganamaan Aanaa Mong Kok keessatti eegalame.

Akka gabaasa 'Apple Daily'tti ammoo sooftiiwwan 600 kan doolaara 218tti tilamaamaman saamamaniiru.

Magaalaa Hong Kong keessatti bakka hedduutti namoonni hiriira galuun sooftii bitatu.

Mootummaaan sababa tatamsa'ina koronaavaayirasiitiin dhiyeessii sooftiirratti rakkoon hin mudanne yoo jedhu jiraattonni garuu sodaa qaban ibsaa jiru.

Meeshaalee mana keessaa fi kanneen soorataman bitachuurrattis yaaddoon akka jirutu himama.

Keessattuu golgaa afaanii fi kan harka ittiin qulqulleeffatan irratti fedhiin namootaa akkaan waan dabaleef arganii bitachuun waan yaadamu miti.

Rakkoon akkanaa biyyoota biroo kanneen akka Singaappor keessattis mudateera.

Singaappor keessatti namoonni 75 koronaavaayirasiin qabamuun mirkanaa'eera.