Isaayyaas Afawarqii: Eertiraan tajaajila buufataalee doonii Asabiifi Matsawwaa fooyyeessuufi

Pirezidaantiin Eertiraa Obbo Isaayyaas Afawarqii tajaajila bufataaleen doonii biyyattii Matsawwaafi Asab kennaa jiran fooyyeessuuf hojiin hojjatamaa jiraachuu himan.

Obbo Isaayyaas ibsa midiyaa biyyaalessaa biyyattiif kennan irratti dhimmoota siyaas-diinagdee biyyattii irratti yaada Dilbata darbe kennaniin ture kana kan dubbbatan.

Bu'aa qabessummaa bufataalee doonii kanneenii guddisuufis karoorri hojiiwwan haaromsuu, babal'isuufi guddisuu qabamu himaniiru.

Erga hariiroon Eertiraan Itoophiyaa waliin qabdu fooyya'een booda Itoophiyaan buufataalee doonii kanneen fayyadamuuf sochii eegaltee jirti.

Pireezidant Isaayyaas garuu ''wayita bufataalee kanneen foyyeesinutti Itoophiyaa qofa yaaduun miti" jedhan.

Kaayyoonsaa inni guddaan tajaajila bal'aa galaanni diimaan naannichaaf qabu hubannoo keessa kan galfateedha jedhan.

Yoo waliin hojjatame bu'aa fooyya'aa galmeessuun ni danda'ama kan jedhan pireezidant Isaayyaas, naannichatti walta'iinsa diinagdee uumuun kaayyoo mootummaa isaanii ta'uu himu.

Kana malees daandiilee Itoophiyaafi Eeritiraa walitti fidan irratti hojiiwwan haaromsaa fi ijaarsaa barbaachisan hojjechuuf karoora qabachu dubbataniiru.

Haaluma kanaanis daandii Asabii karaa Dabaayesiimaan Itoophiyaan walitti fidu bal'isuuf, daandii Matsawaadhaa Daqamahaarii qaxxaamuruun Zaalaambassaa gahu akkasumas daandiiwwan asfaaltii Asmaraa karaa Mandafaraatiin Raamaan walitti fidan irratti ammo hojiiwwan fooyyeessuu bara kana keessa ni eegala jedhan.

Kana maleess kanneen eegalamanis ni xumuramu jedhan.

Gaaffii fi deebii TV biyyaalessaa Eertiraa irratti kennan kutaa duraatiin waa'ee Itoophiyaa qofa dubbatan jedhamanii marsaalee hawaasaa irratti kan qeeqaman pireezidantichi gaaffiiwwan ijaarsa bu'uuraalee misoomaa, invastimantii, qaala'insa jireenyaa fi dhimmota biraa irratti dhiyaataniif deebii kennaniiru.

Gaaffii daballii mindaa hojjattoota motummaa waggoota 20 darbaniif harkifatee ilaalchisuun dhiyaateef deebii kennaniin, hojjattooni mindaa gahaa baasii jireenyaa barbaachisaa ta'e guttachuuf isaan dandeessisu akka hin qabne amananiiru.

Mootummaan sirreeffama mindaa hojjattootaa taasisuuf waggoota lamaan dura hojii eegalusaa kan dubbatan pirezidaant Isaayyaas, hojjattoonni hanga ammaatti daballii mindaa hin argatinis kuusaa kanfaltii waggaa lamaa kan argatan ta'u himaniiru.

Qaala'iinsi gatii shaqaxaa sababii malee biyyattii keessatti mudachuu kan himan Obbo Isaayyaas, ''gocha gatii shaqaxaa sababa malee dabalu kanas mootumman calisee hin ilaalu. Tarkaanfii sirreessaa ni fudhata'' jechuun akeekkachisaniiru.

Ijaarsi mana jireenyaa rakkinoota mummee biyyattiin qabdu keessaa tokko kan jedhan Obbo Isaayaas, rakkinicha hiikuuf sochiin ijaarsaa eegalamulleen hedduun akka hin xumuramiin himan.

Adeemsa keessa qorannoo gaggeessuun bu'aa qabeessa ta'ee yoo argame ijaarsa manneenii keessatti dhaabbilee biyya alaa hirmaachisuuf karoora qabaachu dubbataniiru.

Gama biraatiin ammo imaammanni dame barnootaa waggoota 20n darbaniif nu 'kasaarseera' kan jedha Obbo Isaayyaas, barnoonni utubaa diinagdee biyyaa waan ta'eef jijjiramni guddaan gama kanaan taasifamu qaba jedhan.

Akkasumas Galaana Diimaa keessaa waggaatti qabeenya qurxummii toonii kuma 100 argachu osoo danda'amu, waggoota 20 darbanitti garuu kuma 10 qofti argamu himan.

Itti dabaluunis, karoorawwan mootummaan isaanii bara kana keessa qabate keessaa kan biraa Asab, Matsawwaafi Asmaraatti anniisaa meggaa waatii 60 maddisiisuuf hidhawwan bishaanii dandeettii garaa garaa qaban ni ijaaramu jedhan.

Sochii invastimantii jajjabeessuufis hojiiwwan misoomaalee bu'uuraa barbaachisoo ta'an kan hojjataman ta'us himan.