Yahyaa Jamee akka gara Gaambiyaatti hin deebine akeekkachiifame

Madda suuraa, AFP
Gaambiyaan hogganaashee duraanii Yahyaa Jamee biyya baqattummaan jiraataa ture Ekuwaatooriyaal Giinii irraa gara biyyaa deebi'uuf yaalii akka hin taasifne akeekkachiifte.
Hayyama mootummaatiin ala gara biyyaa deebi'a yoo ta'e nageenyummaan isaa kan mirkanaa'u miti jechuun dubbi himaan mootummaa BBC'tti himaniiru.
Dubbi himaan paartii Obbo Yahyaa garuu yeroo barbaadetti gara biyyaa deebi'uu akka danda'u dubbataniiru.
Yahyaa Jamee filannoo bara 2016 irra injifatamuusaanii fudhachuu waan dideef baqattummaadhaan gara Ekuwaatooriyaal Giinii kan deeme.
Bakka beekkamaa tuuristootaa daawwatamu keessatti fonqolchaa bara 1994 aangoo kan qabatan obbo Yahyaan filannoorratti hirmaachuuf deebi'us booda garuu dhiittaa mirga namummaatiin, ajjeechaa julaa, miidhaa qaamaafi namoota ugguruun himatameera.
Yahyaa Jamee eessa jira?
Obbo Yahyaan fedhii bara biyyasaattii deebi'uu ibseera.
Hamma namni hundi beekutti garuu Gaambiyaarraa km 3,000 fagaachuun Ekuwaatooriyaal Giinii keessa jira.
Hogganaan paartii Yahya Jammeh kan ta'an Osmaan Raamboo Jattaa hogganaan duraanii yoom gara biyyaa akka deebi'u garuu himne.
"Karaarra jira... Yeroo kamittiyyuu dhufuu danda'a," jechuun BBC'tti himeera.

Yahya Jammeh: Hamma ta'een
- Bara 1965 dhalate
- Fonqolchaan bara 1994 aangoo qabate
- Bara 2013 akka fedhii Rabbiitiin "waggoota biiliyoonaaf" aangoorra akka ture ibsee
- Innis yakkamtootaafi mormitoota siyaasaa murtii du'aa irratti murteesseera
- Bara 2007 qoricha balaatiin AIDS fi rakkinna dhala godhachuu dhabuu akka fayyisuu danda'u dubbatee
- Bara 2008 namoota saalaa walfakkaata gaa'ila yoo raawwatan mormasaanii akka kutu akeekkachiiseera
- Ajjeechaa gaazexeessaa Deyda Hydara bara 2004 eegdotasaatiin raawwatame haaleera
Obbo Jataa gaafa Sanbataa yeroo dubbatan dhagahamaniiru.
Sagalee waraabbame san irratti Yahya deeggartoota isaa mormii hiriiraa Amajjii 16 bahiif deegarsa kenneera.
"Jeequmsa homaa hin barbaadu, namni kamuu waan tokko akka balleessus hin barbaadu," jedhe Yahyaan.
Gara biyyasaatti deebi'uuf mirga qabaa?
Yahya Jammeh fedhii gara biyyaa deebi'uu akka qabu dubbateera. Kunis Amajjii bara 2017 qaama waliigaltee bakka 'UN', Gamtaan Afriikaafi 'Ecowas' jiranitti dirqiidhaan gara Ekuwaatooriyaal Giinii akka baqatu taasifameedha.
Waliigalteen kunis obbo Yahyaan "yeroodhaaf" akka baqatuufi "seera mirga namummaa idil-addunyaatiifi lammii Gaambiyaa ta'uusafi hogganaa biyyattii duraanii ta'uusaatiin yeroo barbaadetti akka gara biyyasaatti deebi'uu danda'u" kan jedhu ture.
Ta'us garuu dubbi himaan mootummaa Ibiraahim Saankaareeh "dhimma waraqaa namni kun dubbataa jiru" hin beeku jedhan akkasumas pireezidaant Baarow waliigaltee akkanaa tasuma akka hin mallatteessine ibsan.
Yahya Jammeh hayyama mootummaatiin ala yoo deebi'e "Mootummaan Gaambiyaa nageenyummaa isaa mirkaneessuuf itti gaafatamummaa hin fudhatu," jechuun obbo Saankaareeh BBC'tti himan.
Itti aansuun malatu ta'a?
Obbo Jataan hogganaan paartii Yahya Jammeh mootummaan Gaambiyaa obbo Yahyaan biyyasaa keessatti nagaa akka jiraatu hayyamuugfi qaba jedhu.
Innis dabalataan yaaliin Yahya Jammeh to'annaa jala oolchuuf taasifamu kamuu "dhiigni akka dhangala'u" taasisuu danda'a jechuun akeekkachiise.
"Namni kamuu to'annaa jala isa oolchuu hin danda'u," jedhe.
Obbo Baarow waggaa itti aanu filannoo ni geeggessu jedhanii eeggamu. Isaanis eega mootummaa ce'umsaa al-sadii bulchan booda aangoorraa akka bu'an waliigaltee qabu.















