Donaald Tiraamp: 'Biyyattii waraana irraa oolchine... gaggeessaan isheemmoo Noobelii badhaafame'

Tiraampi kaleessa magaalaa Ohayootti yeroo duula filannoo gaggeessan waan dubbatan.

Madda suuraa, JAY LAPRETE

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraampi kaleessa magaalaa Ohayootti yeroo duula filannoo gaggeessan waan dubbatan.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi haasaa kaleessa galgala bulchiinsa magaalaa Ohaayoo keessatti duula na filadhaa osoo taasisanuu, waraana guddaa ka'uuf ture oolchuun kanaanis hogganaan biyyattii akka Noobeelii badhaafamu taasisuu dubbataniiru.

Tiraampi haasaa isaanii kanaan waraana biyyoota jidduutti umamuuf ture dhaabuusaaniifi hogganaan biyyatiti badhaafamuu isaatti isaan badhaasa Noobeelii dhabuu hubachiisuuf yaalaniiru.

Haasaa isaa kanaanis Tiraampi waraanni olaanaan jedhu kun biyyoota kam jidduutti umamuuf akka tureefi hogganaan biyyaas kami akka ta'e kan ifatti jedhan jiraachuu baatulleen, baayyeen garuu haasaa isaa kana MM Abiyiifi badhaasa Noobeelii isaa akkasumas waldhabdee Itoophiyaa fi Masirii jidduu ture jechuuf akka ta'eetti fudhataniiru.

Masriin alattis dhimmicha kan Itoophiyaafi Eeritiraa waliin waliiti hidhanis jiru.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

Tiraampi kan jedhan maal ture?

Tiraampi wayita haasaa duula na filadhaa taasisan ''waa'ee badhaasa Noobeelii Nagaa bara kanaa isiniitti himuun danda'a. Waliigalteerra gaheera. Biyyasaa baraareera. Akkan dhagaheetti ogganaan biyya sanaa 'biyyyattii oolchu isaatti' badhaasa noobeelii nagaa argachuu isaa dhagaheera.

''Ani kanarratti qoodan qabaa? Eeyyeen! Garuu hanga nuti dhugaasaa barreetti homaa miti. Waraana olaanaadha kan hambiifne. Biyyoota lamaan oolchine'' jedheera.

Heeddunis sababiiwwan Tiraampi badhaasa noobeelii bara kanaa itti dhaban qeeqaa turan.

MM Itoophiyaa sababii inni olaanaan ittiin badhaasa noobeelii argataniif Itoophoiyaa fi Eeritraa jidduutti nagaan akka bu'uuf gumaata taasisaniif yaadachuunis, gumaacha Tiraamp gama kanaan taasisee homtuu akka hin jirre kaasu hedduun.

Gama biraatinis, wallakkessa baatii Ebla ALI bara 2010tti Ambaasaadarri Ameerikaa Doonaald yaamaamatoon imala Itoophiyaa, Eeritraafi Jabuuttiitti taasisanii turan xiyyeeffannaa keesa galchuun nagaan biyyoota lamaa jiduutti bu'uuf motummaa Ameerikaa fi Tiraamp gahe qabu.

Tiraamp kan dubbatus waa'eedhu kanaati kan jedhanis jiru.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

Baatiiwwan lamaan dura ammoo Ministiroonni haajaa alaa Masriin, Itoophiyaa fi Suudaan waa'ee dhimma Hidha guddichaa irratti waliigaltee irra gahuuf koreewwan teekinikaa biyyoota sadanii waligahiiwwan afur taasisuun walii galuunsaanii ni yaadatama.

Kun ta'uu yoo baate ammoo haaluma waliigaltee kana dura tureetti dhimmichi aanga'oota biyyootaa fi ykn jaarsoota jidduu galchuuf Waashingitaniitti waliigalteerra gahanii

Waliigaltichaan boodas Tiraampi Waayit Haawuusiitti ministoroota biyyoota sadanii waliin haasaa taasisanii ture.

Tiraampi waligahii dhimma Hidha guddichaarratti kan argame yeroo tokkicha qofaadha. Kanaafu bu'aa gama kanaan argaurratti abbaa ofi taasisuu hindanda'u jechuun kan qeeqanis hedduudha.

Dhimmicharratti Ameerikaan akka galtuufis Masriin alatti Itoophiyaan barbaaddee hinbeektu jechuunis kan dhimmicha kuffisan hindhabamen. ru.