Kongireesiin Ameerikaa aangoon Tiraampi Iraan irratti waraana Labsuuf qaban akka murtaa'u labse

Madda suuraa, Getty Images
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Ameerikaa labsii pirezidaanti Tiraampi garmalee Iraan irratti akka waraana hin labsineef adaba itti godhu mirkaneessan.
Murteen darbe kun iddoo dimokiraatonni heddummaatan keessatti sagalee caalmaan fudhatama argatus, iddoo warri rippaabilikaanotaa itti heddummaatan-Seenetii biyyattii keessatti ammoo fudhatama dhabeera.
Akka seera Ameerikaatti haala addaatiin haleellaan Ameerikaa irra yoo ga'een alatti waraana Iraan waliin raawwatamurratti kan murtee dabarsuuf aangoo qabu kongireesiidha,
Ammatti Ameerikaas ta'e Iraan karoora waraana waliinii qabaachuu ifatti hin ibsine.
Garuu tarkaanfiiwwan tibbana fudhataman waraanaa gadi miti.
Erga torbee darbe Ameerikaan janaraala waraanaa beekamaa Iraan ajjeestee as torbee kana keessammoo Iraan gara Iraaq ce'uun iddoo waraanni Ameerikaa buufatanii jiran haleelte.
Tarkaanfiin Ameerikaa torbee darbe janaraala Iraan irratti fudhatte ''Ameerikaan Humna Fayyadamtee haleellaa raawwachuunshee kan itti goolabamu ture''
Waraanni Iraan waliinii murtee kongireesiin malee akka hin raawwatamnee fi atakaaroon Iraan waliin akka dhaabbatu jedhamee ture.
Labsiin kun haleellaan addaa yoo Ameerikaa irra ga'e bifa addaan tarkaanfiitti seenuun akka danda'amuu fi haalli akkasii yoo mudatu kongireesii eeyyamsiisuun dirqama akka hin taane kaa'a.
Labsiin kun akkaataa 'Walii Galtee Aangoo Waraana Labsuu Idil-addunyaa kan bara 1973tiin' kan qophaa'eedha.















