Kaanaadaa, Ameerikaafi UK'n xiyyaarichi rukkutamuusaa ni amanna jedhan

Canadian PM confirms plane was hit by Iranian missile

Madda suuraa, Reuters

Anga'oonni biyyoota Awurooppaa xiyyaara Yukureen kan guyyaa Roobii kufee caccabe Iraan dogongoraan misaa'eelaan waan rukutteef jedhu.

Aanga'oonni biyyoota Ameerikaa, Kaanaadaa, fi UK xiyyaarrichi misaa'eelaan rukutamee kufuusaaf ragaa qabna jedhaniiru.

Biyyoota Awurooppaatiin alattis, motummoonni Iraaqiifi Yukureenis xiyyaarichi misaa'eelaan rukutamee kifuusaatti amantaa horataniiru.

kaanaadfi Yundaayitid Kingdom ammoo sababaii balaa xiyyaaraa du'a namoota 176'f sababa ta'ee kana irratti gadi fageenyaan akka qofatamuu gaafataniiru.

Russian-made Tor missile system in Iran. File photo

Madda suuraa, AFP/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Iraan sirna misaa'eela ittisaa raashiyaan omishameeti

Midiyaaleen Ameerikaa akka jedhaniitti tarii yeroon cacabuu xiyyaarichaa kan xiyyaara loltummaa Ameerikaatiif kiyyeeffatameen kan wal dogongorse ta'u mala jechuun shakkiisaa himeera.

Maddi Oduu CBS qondaalaa basaasaa tokko caqasuun akka himeetti, misaa'eeloota lama xiyyaarichi ittin rukutameefi isaan boodaa dhoo'insa ta'ee ilaalchisee maddii saataaliaayitii irraa argameera jedhame.

Yukureenis xiyyaarichi kan itti rukutame misaa'eela Iraan irraa dhokaafameen ta'u dubbattu illeen, Iraan himannicha kuftee turte.

KGama biraatinsi Maddi Oduu Ameerikaa Niiwuswiik jedhamu tokko akka gabaaseetti, maddeen Peentaagon, Ameerikaafi Iraaqi waabeefachuun akka jedheetti xiyyaarrichi rukkutame kan kuffifamee misaa'eela Raashiyaan omishiteen.

Rescue teams work amid wreckage after a Ukrainian plane crashed in Tehran on 8 January, 2020.

Madda suuraa, AFP

Xiyyaara Yukureen kunis guyyaa Roobii ture battaluma buufata Daandii xiyyaaraa teehiraaniitti argamurraa akkuma ka'een daqiiqawwan muraasaan booda kan kufee cacabe.

Xiyyaarri qabeenyumaansaa kan Daandii Qiilleensaa Idil Addunyaa Yukureen ta'e kunis imallisaa Tehiraanii gara magaalaa guddoo Yukureen Kiiyeev qajeeluuf ture.

Iraan saanduuqa ragaa xiyyaara kufee (black box) Ameerikaafis ta'e Beoing'f hinkennuu jechuunshee ni yaadatama.

Akka amantaa anga'oota Ameerikaatti xiyyaarri qabeenya Daandii Qilleensaa Idil-addunyaa Yukireen kan ta'e - Boieing 737-800 misaa'elaan rukutamee kufuu, CBS gabaaseera.

Imaltoonni 176 xayyaara magaalaa Tehraan cinaa kufee caccabe keessa turan marti lubbuu dhabaniiru.

Biyyi Yukireen xayyaarri kun misaayelaan rukutamee lafa dhahuu qorachaan jira kan jechaa jirtu yogguu tahu, Iraan garuu 'tasumaa' jechuun waakkatteetti.

Xiyyaarichi kufee kan caccabe Iraan buufata waraanaa Ameerikaa, Iraaq jiran keessatti argaman lama misaayilaan erga haleelte sa'aatii muraasa booda.

Dhaabbilee basaasaa Ameerikaa heeruun CBS akka gabaasetti, saatayilitiin carallaan misaayila dhukaafame yeroo lama otoo waan dhuka'u hordofee mul'iseera.

Gama biraatiin miidiyaan Newsweek Pentaagon, anga'oota basaasaa Ameerikaa fi Iraaq waabeffachuun akka gabaasetti, xiyyaarri Yukireen kun kan rukutame, misaaayela biyya raashiyaatti hojjetame 'Tor' jedhamuuni.

Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp guyyaa har'aa (Kamisa) waa'ee xiyyaarichaa ''waanin shakkuun qaba'' jedhaniiru. ''Qaamni wayii dogongora hojjechuu hin oolu,'' jedhan.

Erga Ameerikaan jeneraala olaanaa Iraan Qaasim Solemaaynii Amajjii 3 ajjeeste booda, Ameerikaa fi Iraan gidduutti muddama guddaatu jira.

Caccabuu xiyyaaraa kanaan booda Iraan saanduqa galmee odeeffannoo (black box) dabarsee hin kennu jettee turte.

Akka seera balaliinsaa idil-addunyaatti qorannoo balaa xiyyaaraa kanaa Iraan dursummaan kan gaggeessitu yogguu tahu, oomishaan xiyyaarichaa qorannicha keessa qooda fudhata.