Itoophiyaa: Walitti bu'iinsa naannolee Affaariifi Somaaleef xiyyeeffannaan gaafatame

Rakkoon nageenyaa naannoolee Affaar fi Somaalee gidduu jiru hamma ulfaatinasaa xiyyeefannaa miidiyaa hin arganne jechuun manguddooti Affaar fi Somaalee komatan.
Walitti bu'iinsa daangaa naannolee lamaanii irratti irra deddeebiin uumamuun lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaan gahaa ture.
Onkoloolessa darbe haleella naannoo Affaar, aanaa Afamboo, ganda Sangaa jedhamtu irratti raawwateen halkan tokkotti namoonni 17 yoo ajjeefaman 34 ammoo madaa'anii turan.
Haleellaan kun aanaan haleellaan keessatti raawwatame naannoo Somaalee jala akka galtu gochuus humna addaa naannoo Somaaleen kan raawwatame ta'uu yeroos bulchaan aanichaa BBC'tti himanii turan.
Gama mootummaa naannoo Somaaleenis akkasuma humna addaa naannoo Affaar irrati komiin ni dhiyaata.
Waldhabdee naannolee lamaan jidduu jiru furuuf gama manguddootaa biyyaatiin yaaliin taasifamaa jira.
Waltajjii marii Kaawunsiliin maanguddoota Itoophiyaa fi ministeerri nagaa waliin ta'uun Adaamaatti qopheessan irratti maanguddootni biyyaa naannolee hunda irraa dhufan rakkinichaaf xiyyeeffannaan akka kennamu gaafatan.
Maqaa gaarii biyyi keenya amma horatte kana eeguudhaaf walii keenya kabajnee jiraachuun barbaachisaadha jedhan Abbaan Gadaa duraanii Tuulamaa Bayyanaa Sanbatuu marii kanarratti.
Jaarsoliin biyyaa Somaalee fi Affaar dargaggoota isaanii gorsanii deebisuudhaan obbolummaa fi ollummaan duraanii akka itti fufsiisanis dhaaman.

Miseensa Kawunsilii Manguddootaa kan ta'e atileet Hayilee G/ Sillaasee gamasaatiin lolli obbolaa lama gidduu mo'ataa hin qabaatu jedhe.
"Yoo ollaan nagaa ta'e ofiifis nagaan jiraatu. Walmiidhuu fi walajjeesuun waan salphaadha garuu walhubatanii waliin jiraachuun hundarra murteessaadha" jedhe.Bahi Itoophiyaa qaxanaa nageenyaa fi misoomaa akka ta'uuf nageenyi waaraa fi araarri naannolee lamaanii faayidaa guddaa akka qabaatu himameera.
Sulxaanni Affaar, Sulxaan Alimiiraa Hanfiree saboonni Affaarii fi somaalee waan hedduudhaan walfakkaata nuti warra waan walfakkaataa hedduu qooddatudha jedhan.
"Gosaan walqoodanii walajjeesuun gocha yeroon irra darbedha. Nuti lamaanuu waan akkanaa irraa ofqusachuu qabna" jedhan.
Maanguddoonni naannolee lamaan irraa dhufan sababa nageenyi naannolee lamaan gidduu hin jirreef dhiigni fi lubbuun namoota nagaa miidhamaa jiraachuu eeran.
Gocha kanatti guddaa gaddina kan jedhan maanguddoonni kunneen" miidhaa naannolee lameenitti gaheen lubbuun namoota hedduuti kan bade. Garuu mootummaanis miidiyaanis xiyyeefannaa waan hin kennineef hamma balaan gahe hin odeefamneefi" jedhan.
Manguddoonni naannolee lamaanii gocha kuni garee lamaan gidduudhaa dhaabbatee nagaan akka dhufuuf ni hojjenna jedhan.

Rakkoo amma naannolee lamaan gidduutti mul'atuuf gareen lamaanuu aadaa araaraa fi jaarsummaa barootaaf ittiin jiraatanin furachuu qabu jedhan Deetaan ministeera Nagaa Aadde Almaaz Mokonnin.
Walitti bu'iinsa kana kanneen ala taa'anii hoo'isan gocha obbolaa wal dhabsiisuu kanarraa akka ofqusatanii fi maanguddoonnis namootni akkanaa seeran akka gaafataman dabarsanii kennuu qabu jedhan.
Ammaan boodas qaxanaan baha Itoophiyaa kanatti Affaar fi Somaalee gidduutti sagaleen rasaasaa dhagahamuu hin qabu jechuunis dhaaman.
Kaawunsiliin maanguddootaa kuni ammaan duras rakkoo naannolee Amaaraa fi Tigraay gidduu jiru irratti qooda fudhattoota waliin mari'achuun ni yaadatama.
Haa ta'u malee mariin akkanaa hagam rakkoo qabatamaa lafarra jiru akka furuu danda'uu shakkiitu jira.
Kaawumsilichi garuu mariin naannolee Amaaraa fi Tigraay bu'a qabeessa ture jedha.
Daandiin naannolee Amaaraa fi Tigraay cufamee ture akka banamuuf jecha kaawunsilichi konkolaataadhaan Dasee irraa gara Maqaleetti yeroo dhihootti akka imalanis ibsameera.













