Tiraampiin Aangoorraa Buusuu: Jala-butlii aangoorraa buusuuf sagalee kennamuuf jedhutti xalayaa barreessan

Pirezedaant Tiraamp akka ragaa isaa kennatuuf afeeramanii turanillee ni didan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedaant Tiraamp akka ragaa isaa kennatuuf afeeramanii turanillee ni didan

Pirezedaantiin Ameerkiaa Doonaald Tiraamp gocha warri Dimokiraatotaa aangoorraa isa kaasuuf hojjechaa jiran gatii dhowwatan.

Xalayaa Af-yaa'ii mana maree Ameerikaa kan taate Naansii Peloosiif barreessaniin "Dimokiraasii Ameerikaarratti duula bante" jechuun ishee himataniiru Pirezedaant Tiraamp.

Xalayaa waa'ee aangoorraa isa buusuuf yaalamaa jiruuf Kibxata miira dheekkamsaan deebii kenneen: "jecha baayyee humna qabeessa tahe kana[impeachment] ni busheessite" jedhan Naansii Peloosiidhaan.

Tiraampiin aangoorraa buusuuf sagaleen har'a (Roobii) kan kennamu yoo ta'u, himannaan akka aangoorraa kaafamaniif itti dhiyaate faayidaa siyaasa dhuunfaa isaatii jecha Ukireenirratti dhiibbaa taasiseera kan jedhu ture.

line

Oduu kanatti dhiyaatan biroof:

Xalayaan fuula ja'a qabu Tiraamp barreessan kun bu'aa sagalee akka aangoorraa kaafamuuf kennamu ni jijjiira jedhamee baayyee abdatamuu baatus adeemsichaaf gocha Aadde Peloosiidhaan abaaraniiru.

Xalayaan Tiraamp kun maal jedhaa?

Tiraamp xalayaa isaa kana keessatti: "Adeemsa badaa aangoorraa kaasuu kana keessatti mirga bu'uura Heera mootummaa dhorkameera. Mirga ragaa dhiyeeffachuu dabalatee mirgoota murteessoo Heera Mootummaan kennaman dhorkameera," jedhan.

Isaan kana haa jedhuyyu malee Koreen Seera Baastuu Dimokiraatotaatiin akka dhiyaatanii himannaa irratti baname dhaggeeffataniifi ragaa dhiyeeffataniif afeeramanii turan. Gareen dhimma seeraas dhiyaatanii ragaa dhiyaaturratti akka gaaffii qaban kaasan hayyamameef ture, inni garuu isaan garuu ni didan.

Aadde Pelosiin rippoorterootatti akka himtetti xalayicha guutummaatti dubbisuu baattullee "kaayyoo isaa" waanan ilaaleef "kan fayyaa hin qabnedha" jetteetti.

Ibsa har'a aangoorraa buusuu kanaaf sagaleen akka kennamuuf beeksisteen, Manni Maree "Aangoo guddaa Heera Mootummaan nuuf kenname kana of eeggannoofi itti gaafatamummaan dhimma itti ba'a," jette.

"Seenaa biyya keenyaa keessatti yeroo kadhannaa guddaa barbaachisu kanatti, Heera keenya jabeeffachuufi diinota hunda kan biyya keessaafi biyya alaa irraa eeguudhaaf kakuu keenya eeguu qabnas," jetti.

Kibxata, adeemsa aangoorraa buusuu kana deggeruudhaaf Niiwuu Yoork, Boosteniifi Los Aanjeles dabalatee magaalota Ameerikaa hunda keessatti hiriirra ba'ameera.

Dhaadannoo hiriirtonni qabatanii bahan keessaa tokko "Dump Trump" jedha. Tiraampin nurraa buusaa akka jechuuti.