Waldaan Keeniyaa keessaa qoloo gabaabduufi jiinsii tarsa'aa uffattanii hin dhufiinaa jette

Waldaan Kiristaanaa Naayiroobiitti argamtu tokko qoloo gabaabduu, cancala mormaa faayaaf keewwataniifi jiinsii tarsa'aa uffattanii dhuftanii rakkadheera jette.

Waldittiin miseensota ishee ''uffannaa danbii waldaa cabse'' hin uffatiinaa jechuun akeekkachiisuu ishee gaazexaan Keeniyaa Deeyilii Neeshin gabaaseera.

Waldaan Kaatolikii Seent Piitar jedhamtu kun fakkii uffannaa gosa kudhanii waaqeffattoonni uffachuu hin qaban jette balbala waldaa irratti fannifatteetti.

Uffannaawwan kanneen akka qoloo gabaabaa, qoloo baqaqaa qabuu, jiinsii tarsa'e, Tiishartii barreefama 'seexana diimaa' jedhu qabu, qomee gabaabduu, koofiyyaafi waan morma irratti jarri dhiiraa bareedinaaf keewwatanillee ni dabalata.

Waldaan kun miseensota kana raawwachuu didanirratti tarkaanfii akkamii akka fudhattu hin baramne.