Ministirri Fiinlaand ganna 34, MM ishee umurii xiqqoo addunyaa ta'uuf

Sannaa Maariin

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Sannaa Maariin MM ishee umurii xiqqoo ta'uuf

Dubartiin ganna 34 lammii Fiinlaand Sannaa Maariin MM ishee umuriin xiqqoo addunyaa kanaa ta'uuf.

Ministirri Geejjibaa hoggantuu duraanii paartii 'Social Democratic' Antti Rinnee eega aangoo ministira muummeerraa bu'an booda filataman. Isheenis torbee kana waadaa ni galti.

Isheenis adda paartiilee afuriin hundaa'e kan hundi isaanii dubartootaa ganna 35'nii hogganamu hogganti.

Obbo Rinneen miseensota addichaarratti amanamummaa eega dhaban booda kan aangoorraa bu'an.

Adde Maariin yoo aangoo qabatan MM umuriin ishee xiqqoo taati. MM Ziiw Ziilaand ganna 39 yoo ta'an, MM Uyuukireen Oleksiy Honcharuk immoo ganna 35.

Seenaan Sannaa Maariin maal fakkaata?

Miidiyaan akka jedhetti Sannaa Maariin maatii "rainbow family" keessatti haadhasheefi hirriyaashee waliin jiraataa turte.

Maarsariitii 'Menaiset'tti akka himtetti daa'ima waa'ee maatiishee ifa gootee hin dubbanne jechuun waa'eeshee dubbatte.

But she said her mother had always been supportive and made her believe she could do anything she wanted.

Ta'us garuu haatishee yeroo hundaa kan ishee gargaaraa turteefi iddoo yaadde hunda gahuu akka dandeettu gootee ishee guddisuu himti.

Maatishee keessaa namni yuunivarsiitii seene isheedha.

Sannaan ganna 27'tti magaalaa Tampeeree keessatti hoggantuu mana mareefi bara 2015'tti immoo miseensa paarlaamaa ta'uun paartii 'Social Democrats' keessa nama saffisaan gara aangoo guddaatti dhuftedha.

Isheenis ministira geejjibaafi koominiikeshiinii ta'uun tajaajilteetti. Adde Sannaan haadha daa'ima ganna lamaatis.

Jijjiirama akkamii fiduu dandeessi?

Addichi sagantaa isaaniirratti waan walii galaniif wixinee dura jirurratti jijjiiramni guddaan waan dhufu hin fakkaatu.

Ta'us garuu garaagarummaa sagalee muraasan kan ijjiffatte adde Sannaan akka dura ture san ta'uu dhabuu danda'a jetteetti.

"Amantaa ture deebinee ijaaruuf hoj-manee guddaatu nu eeggata," jechuun riipportarootatti dubbatte.

Gaafii waa'ee umuriishee gaafatamteef akka jetteetti: "Waa'ee umurii kiyyaas ta'e saalaa kiyyaa yaadee hin beeku. Sababa gara siyaasaa dhufeefi wantoota akka nu injiffannu nu godhan qofa yaada.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational white space

Sannaa Maariin biyyoota 'Nordic' keessatti dubartii ministeera mummee ta'an keessaa ishee sadaffaadha. Paartiin 'Social Democrats' filannoo JI'A Guraandhala gaggeeffameen walitti dhufuun adda tokko hundeessaniiru. Kanaafuu MM adda kana hoggannus ni filatu.

Obbo Rinnee carraa hojii hojjattoota mana poostaa dhibbaata'matti laakka'aman eega dhorkan booda mormiin isaan qunname.Paartiin giddu galeessaa akka jedhanitti isaaniirra amantaa dhabaniiru.

Haa ta'uu malee ammas hogganaa paartii 'Social Democrats' ta'uusaanii itti fuufu.

Haaluma walfakaatuun Katri Kulmuni ministeera diinagdee ni taati. Dubartiin ganna 32 ji'a Fulbaana keessa aangoo qabatte.

Fiinlaand ammatti sirna Pireezidaantumma Gamtaa Awurroppaa hordofti. Kanaafuu miseesonni paarlaamaa mootummaa haaraa osoo walgahiin Gamtaa Awurroppaa Muddee 12 hin jalqabin dura raggaasisu jedhamee eeggama.