Ibsa ODP: 'Warraaqsa Dimookiraasii Ida'amun bakka buusuuf mari'atamaa jira'

Madda suuraa, OPD facebook
Koreen giddugaleessa dhaaba ODP walgahii guyyoota lamaaf magaalaa Finfinnee keessatti taasisee booda ibsa baaseen sirna federaalizimii biyyattiin ittin bulaa jirtu dimookiraatessuuf akka hojjetu beeksise.
Ibsa Koreen Giddugaleessaa dhaabicha walgahii guyyoota lamaaf magaalaa Finfinnee keessatti taasisee booda baasen akka beeksisetti ''Biyya sab-daneessa, afaan-daneessaafi aad-daneessa ta'e keessatti sirni federaalizimii sirna siyaasaafi bulchiinsaa filannoo biroo hin qabnee dha,'' jedha.
''ODPn sirna federaalizimii sab-daneessaa dhugaa Itoophiyaa keessatti hojiirra oolchuun wal-qixxummaafi bilisummaa ummattoota biyyattii mirkaneessuuf ejjennoo hin raafamne kan qabu ta'uu isaa irra deebiidhaan ni mirkaneessa,'' jedheera.
Haa ta'u malee, sirni federaalizimii waggoota darbanif hojiirra oolaa ture ''ummattoota hunda karaa haqa-qabeessa kan hin hirmaachifneefi demokraasii dhugaa kan keessatti hin mirkanoofne ta'uu agarsiisaniiru,'' jechuun hima.
Kanaanis,' federaalizimiin sirrii' lafa akka qabatuf akka hojjetu dhaabbatichi ibsa baaseen beeksiseera.
Waggaa darbe dhaabni biyya bulchu, ADWUI, yaa'ii idilee isaa magaalaa Hawaasaatti erga taasiee booda dhimma riiformii dhaabichaa irratti qorannoon akka taasifamu murteessee ture.
Bu'aan qoranoo kuni, ''.. uumamni ADWUI demokraatawaafi haammataa kan hin taane, humna ijaarsa biyyaa gartuun kan qoodu, ummattoota biyyattii gariin alatti dhiisee, murna muraasaan kan murteessu ta'uun isaa adda ba'eera,'' jechuun ibsa.
Akkuma kana dura hoggantoonni jijjiiramicha hogganaa jiran dubbataa turan ilaalchi Warraaqsa Diinagdee biyyattin itti bulaa turte ''waltajjii qabsoo irra geenye kanaaf kan madaalu miti,'' jechuun ibsa ibsi ODP.
DHaabni ODP ADWUI keessatti riiformiin akka taasifamu qabu ni amana jechuun hima.
''Caaseffamni ADWUI hanqinoota hedduun marfame kun gaaffiifi fedhii ummata Oromoofi ummattoota biyyattii deebisuuf kan hin mijanne ta'uu Koreen GG ODP xiinxalee irratti waliigaleera. ''
Kanaan wal qabsiisuunis, ''Yaadama Warraaqsa Demokraasii maqsuun yaadama Idaa'amuutiin bakka buusuuf mari'atamaa akka jiru ni beekama,'' jechuun ibsa.
''ODPnis yaadamni Idaa'amuu milkaa'inoota darban caalmaatti cimsuun, hanqinoota jiran ammoo hundeerraa furuudhaan mirgaafi faayidaa dhaloota haaraa kan mirkaneessuu dha jedhee amana'' jechuun ibsa.
''Dhimmi rifoormii ADWUI sirna federaalizimii dhugaa, sabboonummaa sabummaafi tokkummaa biyyaa sab-daneessaa madaallii isaa eeggatee fi biyya badhaate ijaaruun faayidaafi dantaa ummataa ittiin kabachiisuuf tooftaa filatamaa ta'uu isaa amanee milkaa'inasaatiif hojjechuuf murteessee jira,'' jedha ibsi bahe.














