MM Abiy Ahimad: 'Irreechi irreefi mallattoo sabboounummaa Oromooti'

Madda suuraa, Waajira MM
MM Abiy Ahimad fuula feesbuukii waajira MM irratti Afaan Oromoon ergaa ''baga ayyaana Irreechaan isiniin gahe'' jedhu dhaaman.
Mata duree ''Irreechi Sonawwan Sirna Gadaa Keessaa Mallattoo Nageenyaa fi Tokkummaati'' jedhuun barreefama waayee Irreechaa ibsu fuula jahaarratti barraa'e waajirichi maxxanseera.
Barreefamichi ''Kabajamaa fi Hammataa Uummata Oromoo! hunda dura baga guyyaa kabajaa ayyaana guddaa galateeffannaa, jaalala, qulqullummaa, nageenya, dhiifama, araaraa fi aantummaa namoomaa itti laallabamu fi dhugoomu kanaan nagaan geessan, baga gammadne jechuun'' eegala.
Irreechi kun kan gara injifannoo haarawaatti ce'uuf waadaa keenya itti haaromsinu, jaalalaafi hammataa ta'uudhaan jibbinsa kan itti mo'annu nuuf haa ta'us jechuun dhaamaniiru.
''Ayyaanni kun mallattoo tokkummaa fi calaqqee eenyummaa Oromoo ta'uu isaa yeroo kamiyyuu caala akka mikanaa'u taaasisuuf hirmaannaa naamusaa fi ilaafi ilaameen qajeelfame gochuu keessaniif galata guddaan isiniif galchaa'' jechuun Ilmaan Oromoo galateefataniiru.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook
''Gara fuula duraattis dirree kamiyyuu keessatti tokkummaa keenya caalaatti akka jabeeffannuuf waamicha Oromummaa koo isniif dhiyeessuun barbaada.''
Irreechi kun kan gara injifannoo haarawaatti ce'uuf waadaa keenya itti haaromsinu, jaalalaafi hammataa ta'uudhaan jibbinsa kan itti mo'annu nuuf haa ta'us jechuun dhaamaniiru.
Itti aansuunis mata dureewwan maalummaa ayyaana Irreechaa fi duudhaa Oromoo ibsan 14 jalatti yaada isaanii kaahaniiru.
- Sirni Gadaa Qabeenya guduunfataa uummata Oromooti
- Irreechi ayyaana galateeffannaa fi kadhannaati
- Irreechi ayyaana hariiroofi nageenyaati
- Irreechi guyyaa waadaa/irbuuti
- Tumaan Irreechaa jajjabaa, sirni isaas cimaa dha
- Irreechi irree fi mallattoo sabboonummaa Oromooti
- Irreechi mallattoo dhufaa-darbaa dhalootaati
- Irreechi calaqqee Oromummaa keessaa miidhagaa fi hirmaachisaa dha
- Oromummaan har'arra dhaabatanii egeree ijaaruu dha
- Irreechi qulqullina
- Oromoon wal-dhabdee kamiyyuu gorsaa fi mariin furuu filata
- Irreechi nageenya
- Irreechi falaasmaa Gadaa, duudhaalee fi safuu isaa ijaarsa biyyaaf kan itti oolchinuu dha
- Irreechi ayyaana abdii fi ce'umsaati
- Irreechi sirna galateeffannaa biyya keenyaati
- Aadaa fi duudhaa keenya Irreechaan haa guddisnu













