Maatiin mootii Hindii Paakistaan waliin mormaa turan mo'atan

Mir Osman Ali Khan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mir Osmaan Alia Khaan baraasaatti dureessa addunyaa kanaa keessa tokko ture

Manni Murtii Landan maallaqa doolaara miiliyoona 42 (paawundii mil 35) kan baankii UK keessa olkaa'amee ture Paakistaan osoo hintaanee gara dhallattoota maatii mootii Hindiitti akka dabarfamu murteesseera.

Waldhabdeen kunis bara 1948 wayita mootiin dhumaa Nizaam paawundii miliyoon tokko baankii UK keessa olkaa'ee, koomishinara olaanaa Paakisitaaniin qabamu kan eegaleedha. Maallaqni kunis dhala isaa waliin amma paawundii miliyoona 35 gaheera.

Manni murtichaa maallaqichi kan Paakistaan ta'usaa kan deegaru ragaan omtu hinjiru jedheera.

Waladhabdeen jalqabaas bara 1947 bara Biritish Hindii koloneeffattetti ieegale.

'Hyderabad' bulchiinsi giiftii kan turee waraana bara 1948 gaggeefameen Hindiitti makame. Dabarsuun maallaqa kanaas osoo hinturiin haaluma kanaan booda kan taasifameedha.

Nizaam, Mir Osmaan Alia Khaan ammoo wayita sanatti qabeenyaan isaa Paakisitaan ykn Hindii keessa akka ta'uuf murtee taasisuu hindandeenye.

Maatii isaa garuu maallaqichii battaluma sanatti gara Hindiitti akka deebii'uuf gaafatulleen Paakisitaan diduushee himu.

Falmiin mana murtii kunis maatii saaniifi motummaa Hindii waliin ta'uun kan gaggeefamaa tureedha.

Baankiin Biyyaalessaa Westminister kan maallaqni kun keessa olkaa'ames hanga dhimmichi mana murteettiin murtaa'uutti maallaqicha gadhiisuu didee ture.

Bara 2019tti dhalasaa waliin maallaqichi gara paawundii miliyoon ol guddachun barame.

Paakistaan garuu meeshaa waraanaa bitachuuf jedha maallaqicha kennu shee eeruun mormaa kan turte yoo ta'u, manni murtee dhimmicharratti aangoo qabuu kan Hindii ta'usaafi akka deebii'uuf murteesseera.

''Manni murtichaa maallaqni kan Nizaam waan ta'eef Paakisaaniif akka hinkennamne murteesseera,'' jechuun BBC'tti kan hime ammoo abuukaatoo Pool Heewit akaakayyuu mootichaa kan ta'ee Gaggan Sabherwal ture.

Abbookaatichi akka jedhuutti dhimmi maamillisaa wayiita daa'ima tureetti eergalee kun amma wayita inni nama waggaa 80 ta'u xumura argateera.

Naajaaf Ali Khaan akkaakayyuuwwan Nizaam keessa tokko kan ta'ees ''Murtee haqaa Maarkus Smitiitti gammanneera,'' jechuun BBC'tti himaniiru.

''Manni Murtii olaanaan iyyata Paaksitaan dhorkeera. Maatiinis murtee kana bara dheeraaf eeggataniiru.''

Ministeerri Dhimma Alaa Hindi ibsa murtee kana simataniiru.

Paakistaan ol iyyachuu barbaaduu dandeessi, garuu ta'uus maallaqichi ilmaan akaakkayyu mootii Nizaamii fi Motummaa Hindiitiin ni kennama.