Feesbuukiin Awustiraaliyaatti 'Like' fayyadamtootaa dhoksuuf yaalii jalqabeera

Suuraa like, love, haha feesbuukii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yaaliin kuni fayyadamtoota Awustiraaliyaa irratti dhiibbaa qaba.

Feesbuukiin lakkoofsa 'like' fayyadamtootni waan maxxansan irratti argatan dhoksuu, Awustiraaliyaatti jalqabe.

Jimaata darbe irraa qabee lammiileen Awustiraaliyaa muraasni waan namni biraan maxxanseerratti lakkoofsi 'like' fi 'deebiin' kennaman biroo arguu hin danda'an.

Jijjiiramni wal-falmisiisaa tahe kuni Instaagiraamiidhaan baatii Adoolessa keessa jalqabame.

'Like'n akka hin mul'anne gochuun dhiibbaa hawaasaa fayyadamtootarra irra jiru hir'isuufi jedhameera.

Namoonni waan ofiisaanii maxxansan irratti 'like' isaanii ilaaluu ni danda'u.

Lakkoofsa 'like' namoonni argatan herrega keeessaa baasuun, namoonni 'like' argatan irra qabiyyeefi hariiroo qaban irratti akka xiyyeefatan gochuu dha, jechuun dubbii himtuun dhaabbatichaa Mia Garlick Australian Associated Press himteetti.

Dubbi himtuun kuni dhaabbatichi murtoo kanarra gahuuf ogeessota fayyaa sammuufi gareewwan farra-doorsisaa mariisiseera. Ogeessotni teekinolojii illee kana raaganii turan jette.

Jalqaba baatii kanaarratti injineeriin Hong Kong appilikeeshinii bilbila andiroooydii irratti feesbuukiin yaalii kana taasisaa jirachuu haa himtuyyuu malee feesbuukiin yaada hin kennine.

Instaagiraamin yaalii biyyoota Awustiraaliyaa, Niiw Ziilaand, Biraazilii, Jaappaan, Xaaliyaan Kaanaadaafi Ayarlaanditti taasisaa jiruun daataa uummataaf beeksise hin qabu.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa murasni 'like' agarsiisuun daldala keenyaaf dhimma murteessaa dha jedhaniiru.