Shammarreen deessee daqiiqaa 30 booda qoramte qabxii olaanaa fidde

Madda suuraa, ILU ABBA BOR ZONE COMMUNICATION OFFICE
Shammarreen Godina Iluu Abbaa Boraa, yeroo darbe deessee daqiiqaa 30 booda qoramte qabxii olaanaa fidde.
Almaaz amma mucaanshee kan baatii sadii ta'eera.
Mucaashees Abdii Boruu jechuun haala yeroo sana itti qoramteen wal qabsiisuun firoonniifi ollaan akka maqaa moggaasaniif BBC'tti himeera abbaan mucaa Obbo Taaddasaa Tulluu.
Maqaawwan biraas mucichaaf baheera. Shamarree Almaaz 'Ididiyaa' hikkaansaas akka kitaaba qulqulluutti jechuun 'Galata Waaqaa' jechuun akka moggaafte himan.
Shamarre Alamaa Daras dubartoota bara darbe qormaata kuttaa 10 wayita fudhatamuutti dahan keessaa tokko. Isheenis deessee daqiiqaawwan 30 booda qormaata hojjatte.
Jiraattuu godina Illu Abbaa Boraa Magaalaa Mattuu kan taate Almaazi deessee daqiiqaa 30 booda sireee hospitaalaa irrra teessee osoo qormaata hojjattu isiin dubbisuusuun keenya ni yaadata.
Haala akkasitiin qoramte qabxiin isheen galmeessites maatiitti gammachu umeera. Isheenis qabxii 3.0 fiduun gara kutaa 11tti dabarte joirti.
''Wayitan qoramu dhukkunniin natti dhagahamaa waan tureef qabxii hangasi naaf dhufa jedhee hinyaadne ture. Amma yoo argu ammoo baayyee gamadeera,'' jetti Almaaz.
Almaaz akka jetuutti osoo qormaatarra ciniinsuun itti dhufu baate qabxii kana caalu fidu akka dandeessu dubbatti.
Qormaata qofas osoo hintaane baatiiwwan barnootaa hunda garaatti baate barataa turte. Ulfi baatii jalqabaarratti baayyee ishe rakkisulleen, booda keessas akka garaatti olka'anii adeemuufi rafuuf rakkataa akka turte dubbatti. ''Siriiyyuu galgala rafuun waan natti hintolleefu taa'een qo'adha ture,'' jechuun haala hintollee attamiin gara qabxiitti geedaru akka dandeesse himiti.
Almaaz gaa'ilaa waggaa afur guutte jirti. Hanga waggaa torbaatti maatii ishee waliin guddatulleen, isaan booda firoota si barsiifna jedhaniin gara magaalaa akka dhufte himti. Tibba sanattis mana keessatti hojii waan itti baayyatuuf barnootashee yeroo garaa garaatti addaa kutuuf dirqamte turte.
Isaan kan ka'ee gaa'ila dhaabbachuuf akka murteessiteefi kana boodas barumsa addaan osoo hinkutiin asi gahu dubbatti.
''Abban manaa kiyya akkan baradhu qofaa barbaada. Yeroo hundas jabaadhu baradhu jechuun na jajjabeessa,'' jechuu deeggarsa abbaa warraashee himti Almaaz.

Madda suuraa, AlMAZ DERESE
"Mucaan gudataa yoo dhufu jaalala nama qabsiisa,'' kan jettu Almaaz wayita mucaashe ilaaltu cinqii keessa turte hunda, akka yaadattu himti.
Almaaz abbaa warraasheetiin alattis barsiiftoonnii fi barattoonni deegarsaafi kunuunsa akka taasisaniif himti.
Oggeessa hojii mukaa kan ta'e abbaan warraashee Obbo Taadasaa Tullu wayita qormaataa sanatti osoo Almaaz micuun qabamte hospitaala keessa jirtu ture akka nagaa deeessu amanuun qormaanni jala akka hindabarreef haala mijjeessuuf gara biiroo barnootaatti kan imale ture.
Achumaanis nagaan dahunshee bilbilaan itti himame.
''Haati warra kiyyaa ulfa taatee baayyee cimtu turte. Wayita deemtuus akka waan ulfa hinturreetti ture. Mana keessa anaafi ishee qofa waan turreef anis gargaaruuf yaaliin taasisa ture,'' jedha.
"Erga qormaanni eegalameen booda ciniinsuun eegala jedhee sodaan qaba ture. garuu durseeti dhufe. Isheen qormaatichaan dura deesse. Anis baayyeen gammade'' jetti.
Obbo Taadasaan akka jedhaniitti Almaaz osoo qormaata irratti ciniinsuun eegalu baate qabxii kana caalu galmeesisuu dandeessi turte jechuun kana duras barrattu sadarkaa ta'ushee ereera.
Haa ta'u malees haala sana dandamachuun qabxii amma argattee kana galmeessunshee akka gammaachise hindhoksine.
Qabxiin gara kutaa 11 ittiin galamu kan idileetiif, galgalaa fi kanneen dhuunfaan qoramaniif dhiirootaaf 2.00 fi isaan ol yoo ta'u dubartootaaf ammoo 1.86 fi isaan ol ta'u ejjansii qormaata biyyoolessaa irraa himamunsaa ni yaadatama.
Tibba qormaata biyyaalessaa kanattis gutuu biyyaatti dubartoonni 28 dahusaanii ni yaadatama. garuu isaan keessaa meeqasaanii akka gara sadarkaa itti aanutti darban adda baasuuf yaaliin taasifne nuuf hinmirkannoofne.













