Roobart Mugaabee: Sirni gaggeessaa hoggantonni Afrikaa lafa argamanitti raawwatame

Sirna gaggeessaa Roobart Mugaabee

Madda suuraa, JEKESAI NJIKIZANA

Zibaabuween sirna gaggeessaa Roobart Mugaabee Sanbata kana taasifamuuf yeroo qophooftutti hoggantoonni Afrikaa magaalaa guddittii Haraaretti wal ga'aani.

Pirezdaanti Afrikaa Kibbaa Siiril Ramaposaafi Pirezdaantiin Keenya Uhuruu Keeniyaatta dabalatee hoggantoonni ammaafi duraanii hedduu achitti argamaniiru.

Reeffii Mugaabee Istaadiyeemi kan seenee looltootaan marsame ture.

Istaadiyeemi Naashinaal Ispoortis jedhamutti namoota gaddaa isaanii ibsataniin ni guutaa jedhamee yaadaamus nama 60,000 qabachuu kan danda'uu istaadoyeemiin kun garri caalu qullaa ture.

Pirezdaantii Ikuwaatoriyaal Giinii Tiwoodor Obiyaang Niguwemaa dabalatee hoggantooni biroos haasaa taasisaniiru.

Istaadiyeemi Haraare Zimbaabuwee

Madda suuraa, Reuters

Sirni owwaalchaa Dilbata taasifamuuf ture kan haqame fakkaata.

Lafa awwaalcha isaanii irratti waldhabdeen Mootummaa waliin erga uumame booda, maatiin isaanii Roobart Mugaabeen magaalaa Haraare bakka siidaa goototaa jedhamutti owwaalamu jedhaniiru.

Roobart Mugaabeen torban darbe utuu Singaapporitti yaalamani ganna 95'tti adduunya kanarra boqotan.