Roobart Mugaabeen goota biyyaaleessaa jedhamee guyyaan gaddaa labsame

Madda suuraa, AFP
Zimbaabuween du'a pireezdantii ishee duraanii Roobart Mugaabeen booda gadda biyyaalessa guyyooti sadiif labsite.
Bilisummaa booda hoggaanaa Zimbaabuwee isa jalqabaaa kan turan Mugaabeen hanga humna waraanaan bara 2017tti aangorra fonqolchaminitti biyyittii bulchaniiru.
Amma garuu, paartiin isaanii biyyaa bulchaa jiru Zanu-PF jedhamu, 'goota biyyaaleessa' jedheeraani.
Jalqaba irratti tajaajila fayyaafi barnootaa hawaasaa gurraachaa hedduuf babal'isuun kan jajamaa turan Mugaabeen, boodarra garuu paartilee mormituu irraatti humna fayyadamuufi qabeenya biyyitti qisaassessuun qeeqamu.
Looltuu riphee lolaa warraaqsaa kan turan Mugaabeen adduunyaa biraatti akka abbaa irreetti ilaalamu. Sababiin isaas looltonni isaa mormiitota haleelaa waan turaniifi uummata biratti beekkamti argachuuf qonnaan bultoota adii irraa lafa humnaan fudhachaa waan tureefi.
Waggooti dheeraaf uummata hedduu biratti jaallatamaa ta'ee tureera. Aangoo irraa kan inni kaafamees hadha warraa isaaf jecha itti aanaa isaa aangoo irraa erga kaase booda, filannoo malee aangoo maatii isaaf dabarsuufi sodaa jedhuuni.
Ittii aanaa isaa kan ture Emarsan Minangaagwa pireezdaantii ta'ee, du'i isaa dhaga'uumuu eegalee Mugaabee dinqisiifachaa jira.
Minangaagwaan paartiin bulchaa Zanu-PF " kabaja goota biyyaalessaa jedhu kan sirriitti isa gitu keenneeraafi" jedha.
Aangaa'oti Siingapoor imbaasii Zimbaabuwee waliin ta'uun reeffa Mugaabee biyyaatti deebisuuf qindeessaa waan jiraniif guyyaan awwaalchaa isaa ifa hin taane.
Ebla irraa eegalee Siingapooritti yaalama turera.














