Hogganaan kutaa ispoortii Televijinii Eertiraa gaazexessaa Kibra'aab Tasfaamikaa'el koolugaltummaa gaafate

Kibra'aab Tasfaamikaa'el

Madda suuraa, Kibreab Tesfamichael

Gaazexessaan ispoortii biyya Eertiraatti beekamaa ta'e dorgommii gabaasuuf Morokoo dhaqus achiiti bade.

Gaazexessaa Kibra'aab Tasfaamikaa'el hogganaa kutaa ispoortii Televijina Ertiraas ture.

Ta'us Taphoota Guutuu Afrikaa A.L.I Hagayya bultii 13 - 25 biyya Morokoo taasifamaa ture akka gabaasuuf mootummaan biyyattii isa ergus guyya walitti aananaiif erga gabaasaa turus biyyatti osoo hin deebi'in hafeera.

Wanti akkanaa garuu haaraa miti. Kana dura taphattoonnii biyyattiillee dorgommiif biyya dhaqanitti koolugaltummaa gaafataa turani.

Erga biyyattiin Itoophiyaa waliin waliigaltee nagaa raawwatte as garuu, tarii, nami biyyattii beekamaa koolugaltummaa yoo gaafatu kan duraati.

Inumaa Morokoo irraa bahe biyya biraatti koolugaltummaa gaafatuu isaa BBC'n mirkanesseera.

Gaazexessaan kuni tajaajila biyyaalessaa Eertiraa 13ffaa kan leenji'e yoo ta'u bara 1992 Yunivarsiitii Asmaraa seenuun barattoota barnoota gaazexessummaan xumuran muraasa keessaa tokkodha.

Ergasiis Ministeera Odeeffannoo Eertiraa jalatti mindeeffamuun waggoota 15'f keessumaa gaazexessaa ispoortii ta'un hojjeteera.

Kanaanis, Eertiraa keessatti bal'inaan beekama.

Kibra'aab Tasfaamikaa'el Morokoodhaa bahe biyya biraatti koolugaltummaa gaafachuu isaati malee biyya kam akka ta'e wanti beekamu hin jiru.

Gabaasa ispoortiin alatti Kibra'aab fiilmii keessa qooda fudhachuu, akkasumas walaloo sirbootaaf kenneenis beekama.