"Miseensa Mana Maree sanatti shayii danfaa naquu koof hingaabbu"

Dubartiin Miseensa Mana Maree Laayibeeriyaa, haala dureen koree mana marichaa ittiin marii gaggeessuun garaan gubate tokko kubbaayyaa shaayee danfaa qabu kaasuun itti darbatte.

Gacha kanaafis gonkumaa hin gaabbuu jetti.

Mana Maree Laayibeeriyaa keessatti miseensa dubartii tokko qofa yommuu ta'u kunis dubartiimadha.

Isheenis guyyaa tokko osoo marii ho'aan gaggeeffamaa jiru, kubbaayyaa shaayii itti dhugaa turte kaasuun miseensa paartii gara biraarratti darbate.

Gocha kanas sababiin raawwatteef waan mariichaan baayyaa marrimaanshee boba'eef ta'u dubbatti.

Haala kana raawwachushee gaafatamte ''Eeeyyeen darbadheera'' jechuun ture Aaddee Nyonblee Karngaa-Lowreens ripportaratti kan himan.

''Ani holqa leencaa keessatti akkan argamu himu ittuman fufa…Gocha kiyyaafis hingaabbu.''

Isheenis miseensa paartii mormituutti. Namtichi isheen kubbaayyaa shaayi itti darbattee ammo, qondaala oggnaa eeggataa miseensoota mana marichaa Saah Yoojeef. Innis miseensa paartii biyya bulchuuti.

Taateen kunis kan mudate wayita osoo jeequmsa tibbana magaalaa guddoo biyyattii keessatti ta'een walqabatee, miseensoonni qondaaltoota nageenyaa olaanoo xinxalaa jiranitti qondaalli kun akkuma tasaa mariachi akka dhaabatu taasisaniitti ture.

''Akka ogganaatti obsuu yaadeen ture. Aarii isheetiif deebii kennuuf sababiin omtu hinjiru'' jedhan Mr Yooseef gama isaaniin booda.

Isaan duras xiffiin akka rukkuttee turte dubbachuun, amma garuu dhimmicha akka miseensoonni gutuun waliin akka mar'atan himaniiru.