MM Denmaarki miidhaa ijoolleerratti raawwataa tureef dhiifama gaafatte

MM miidhamtoota mana mootummaa keessatti miidhaan irra gahaa tureef yeroo dhiifama gaafatan

Madda suuraa, Danish PM's office

Ibsa waa'ee suuraa, MM miidhamtoota mana mootummaa keessatti miidhaan irra gahaa tureef yeroo dhiifama gaafatan

Ministirri Muummee Deenmaarki miidhaa seena qabeessa waggota dheeraaf mana mootummaa keessatti ijoollee irratti raawwatamaa tureef dhiifama gaafatte.

Bara 1945 hanga 1976tti ijoollee hedduun mana mootummaa keessa jiraachaa turan keessatti miidhaa saalaaf saaxilamaa, dararamaa fi qoricha sammuu hadoochu akka fudhatan taasifamaa turaniiru.

Kun Denmaarki keessatti raawwataa kan ture yoo tahu namootni duula bahuun mootummaan dogogora tahuu isaa hubachuu qaba jechuun dubbataa turaniiru.

''Dhiifama jechuun waan hundumaati. Waanti nuyi barbaanne hundi isaa iyyuu boqonnaa sammuuti'' jedhe miidhamtoota keessaa tokko kan ture Arnee Roo'el.

Manguddoon ganna 68 kun haala akkamiin jireenya ijoollee hedduu irra miidhaa hamaan gahaa akka ture BBCtti hime.

Dhugaatii alkoolii akka malee obaasuu, qoricha sammuu hadoochu kennuufii,hojii baay'ee hojjechiisuu fi qunnamtii saalaaf itti fayyadamaa turuu hime.

Kun kan raawwataa ture mana jireenyaa qabeenyummaan isaa mootummaa tahe keessatti akka tahes himaniiru.

Ministirri Muummee Deenmaarki miidhamtoota kanneen kaleessa mana jireenyaa ishee Mariyonbergi jirutti afeeruun waliin mari'ateetti.

''Tokko tokkoo keessan ija keessa isin ilaaleen dhiifama isin gaafachuu barbaada. Yoon balleesicha raawwachuu baadhes itti gaafatamummaa isaa immoo baachuun qaba'' jette.

MM Meetee Firederiksen nama waggota dheeraaf mootummaan dhiifama gaafachuu qaba jedhee duula gaggeessaa ture yeroo hammattu.

Madda suuraa, Danish PM's office

Ibsa waa'ee suuraa, MM Meetee Firederiksen nama waggota dheeraaf mootummaan dhiifama gaafachuu qaba jedhee duula gaggeessaa ture yeroo hammattu.

Hedduun imimmaan isaanii dhangalaasaa turan jettee ijoolleen maatii isaanii irraa fuudhamuun deeggaramuu fi hammatamuu osoo qabanii miidhaa hin taaneef saaxilaman jette.

Yeroo duuala filannoo gaggeessaa turte miidhaa qaqabe jedhameef ifatti uummata dhiifama kka gaafachuu barbaaddu himtee turte.

Mootummaan biyyattii dhimmichaaf amma namoota adabuuf gochaa yeroon isaa itti darbedha jedhan.

Carraan jirus dhiifama gaafachuu akka tahe himaniiru. Manguddoon ganna 68 yaada isaa BBC'f kenne hedduun keenya gaa'ila hin qabnu jedhee akkamitti akka hawwaasni jiraatu illee waan baranne hin qabnu jedhe.

Gadi bahanii uummata waliin jireenya hawwaasumaa gaarii waan hin jiraanneef miidhaa sammuufis saaxilamuu isaanii hima. Amma kophaa isaa yaadannoowwan isaa waliin aka jiraatu dubbata.