Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kitaaba Afaan Oromoo: 'Kitaabni aadaa Oromoo jalqabaa qubee saabaan barraa'e kiyya' - Mangashaa Riqituu
Maanguddoo Mangashaa Riqituu hanga ammaatti kitaaboota Afaan, aadaa, seenaa fi siyaasaa Oromoo barsiisaan kudha sadii Afaan Ingilizii fi Afaan Oromoon barreessanii maxxansisaniiru.
Wallaga Lixaa maagaala Boojjiitti bara 1950 A.L.A kan dhalatan Obbo Mangashaan barumsa isaanii sadarkaa tokkooffa Boojjiitti sadarkaa lammaffaa ammoo Finfinneetti xumurani.
Geerarsoota, weedduu fi maammaksoota adda addaa walitti qabu kanan jalqabe baran kutaa 7ffaa baradhutti jedhu.
"Dabtarrikoo gariin barumsa, gariin ammoo geerarsafi weedduu ture" jedhu.
Kitaaba isaanii kan jalqabaa 'Biiftuu Diiramaa' jedhu bara 1981tti kan maxxansiisan.
Kitaabni kun weedduu, mammaaksa, geerarsaa of keessa kan qabate kitaaba aadaa yoo ta'u kan maxxaanfames qubee saabaatiin ture.
Yeroo sanatti kitaaba macaafa qulqulluufi farfaannaa adda addaan alatti barreeffamni afaan Oromoo qubee 'saabaan' barraa'ee hin jiru jedhu Obbo Mangashaan.
'Kitaabni aadaa Oromoo jalqabaa qubee saabaan barra'ee kiyya, namni miti jedhu ana haa gaafatu," jedhu.
Obbo Mangashaan yeroo sanatti kitaaba Afaan Oromoon maxxansuun hedduu cima ture jedhu.
Kitaabni isaan qopheessan kan fuula 400 qabu ta'us dhaabbati maxxansaa hojjetu jalqaba suuta jennee kutaa kutaan maxxansina akka isaaniin jedhan dubbatu.
Sana booda yeroo qondaaltonni Ministeera Beeksisaa gulaalanitti akka hedduu rakkatan dubbatu.
"Baayyee na daddeebisanii, waantota akka maammaksotaa, kun mootummaa xuqa, kun maal jechuu keeti jechaa waan baayyee keessaa kutan," jedhu.
"Sababa kanaan waggaa tokkoof deddebi'ee nyaataafi dhugaatii itti bituun gabbarsuun booda dhumarratti maxxanfame" jedhu.
Kitaabni kunis yeroo maxxanfamu gara fuula 100 kan dheeratu qofa ture jedhan.
Kitaaba kana Oromoon gariin jaallatee inni kaan immo kitaaba Oromoo sodaadhaan ni baqata ture jedhu.
Daraggoonni weedduu, geerarsa fi maammaksa kitaaba isaan barreessan irra ture sagantaa raadiyoo Afaan Oromoo irratti dubbisaa akka turanis ni dubbatu.
"Oromoon tokko tokko kitaabichaa yoo jaalataniyyu hedduun garuu yeroo sanatti sodaa waan qabaniif badaa hin gurguramne ture. Hiriyootikoolle na balfaniiru," jedhu Obbo Mangashaan.
Waggaa tokko booda gara dhaabbata maxxansaatti deebi'anii kutaa lammaffaa 'Biiftuu Diiramaa' maxxansiisuuf yeroo gaafataniitti garuu akka didaman dubbatu.
Faranjoota biyya adda adda irraa Oromoo tajaajiluuf gara Itiyoophaa dhufan Afaan fi aadaa Oromoo barsiisaan ture jedhu Obbo Mangashaan.
Odeeffanoo addaa addaa, weeddulee kaaseettaan waraabaniifi barreeffamoota walitti qabaa turan karaa faranjoota lammi Siwiidinii fi biyyoota biroo beekaaniin dursanii biyyaa baasaa akka turan dubbatu.
Bara 1985 A.L.A erga barumsaaf gara Ingilizii imalani boodas namoota biyyoota addaa addaa irraa walitti dhufan magaalaa Oksifoord, dhaabata leenjii 'British Summer Institute' jedhamutti bara 1988 - 1991 A.L.A Afaanii fi aadaa Oromoo barsiisu itti fufanii.
Kitaaba isaanii lammaffaa 'Oromo folk tales for a new generation..with explanation' jedhu kan aadaa, mammaaksota fi jechamoota Oromoo Afaan Ingiliffaan hiikuun ibsuu Magaalaa Landanitti bara 1992 A.L.A'tti maxxansiisani.
Bara 1993 A.L.A'tti ammoo kitaaba afaan Oromoo fi Afaan Ingiliziin bareeffamee kan biyyaa alaatti Afaan Oromoo barsiisuuf itti fayyadamaan 'Oromo Language Lesson, How to Read Oromoo and Use Its Grammar,' jedhu barreessuun baasaniiru.
Waggooti 18 booda bara 1999tti kutaa lammaaffaa kitaaba 'Biiftuu Diiramaa' qubee Afaan Oromoon barreessanii maxxansuun milkaa'aniiru.
Afaan Oromoo yeroo jalqabaaf namoota baratuu barbaadaniif kan qophaa'ee kitaaba 'Afaan Oromoo Kaasetaa Wajjin' jedhu bara 2003tti maxxansaniiru.
Sagalee kaaseettaa qophaa'erraa dhageeffachaa kitaaba waliin hordofuun ofiin of barsiisu akka dandeessutti kitaaba gargaarudha.
Kitaaboootafi kaaseettota 5000 ta'anis dhaboota tola ooltummaatti erguun bilisaan uummata Oromoo warra mana barumsaa dhaqani qubee barachuuf carraa hin argannee fi manneen barnoota tokko tokko keessatti akka raabsamu taasisaniiru.
"Kan mala kanaan Afaan Oromoo barsiisan isa dura hin turre," jedhu.
Bara 2000 A.L.A'tti kitaabaa suuraa waliin mata duree 'Na agartaa maaf dabarta? Haasaa Maanguddoo' jedhamus maxxansaniiru.
Kitaabni "Burqituu" jedhuu CD waliin bara 2009 A.L.A ba'e, kitaaba isa biraa Obbo Mangashaan barreessanii maxxansiisani.
Weedduuwwan aadaa fi geerarsi kitaabicha irraatti barreeffaman CD kana irratti sagaleen waraabamani waliin maxxanfamanii.
"Gurgurames gurgurumuu baates wantin walitti qabe hojiirra haa ooluu, yoon dogoggores booda dhaalotni haaraa ana haa qajeelchu jedheen maxxanse," jedhu.
"Yaliin koo Oromoon hundi akka qubee baratu ture," jedhu Obbo Mangashaan.
Kitaabni Burqituu isa dhuma kana ba'e ta'uus "yoo waqayyoo jedhe hanga lubbun koo jirutti barreessuu hin dhiisu" jedhu.
Obbo Mangashaa kitaabolee aadaa, duudhaa fi seenaa Oromoo irratti Afaan Ingiliziin 5, Afaan Oromoon 5 fi kan afaan lamaan walitti qabate ammoo 3, walumaagalatti kitaabota 13 barreessanii maxxansaniiru.
Wayita ammaa biyya Ingilaand magaalaa Landan keessa kan jiraatan Obboo Mangashaan bareessitoota dhaloota ammaaf dhaamsa qaba jedhu.
"Yoo dhugumaa Oromoodhaaf barreessuu ta'e, yoo aadaa guddisuuf ta'e, kitaaba tokko maxxansanii yoo gurguramuu dide akka of duuba hin deebine" jedhu.