Waldaa Kubbaa Miilaa Aljeeriyaa: 'Maahareez qoricha fudhate yaaddoon jedhu Maan Siitiif qofa'

Madda suuraa, Getty Images
Yaaddoon qoricha Riyaad Mahareez yeroo Aljeeriyaa turetti fudhatee ture "Maanchester Siitiif rakkoodha," jedhe Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Aljeeriyaa.
Federeeshinichi garuu isaaf, "homaayyu miti" jechuun waanti guddaan akka hin taanetti fudhatama dhabsiiseera.
Taphataan Siitii kun Tapha Community Shield Dilbata darbee irratti sodaa qoricha fudhachuu hin hafne jedhuun tapha keessaa hafeera.
Dargaggeessa ganna 28 kan ta'e Mahareez, garee kubbaa miilaa Aljeeriyaa Waancaa Afrikaa ji'a darbe itti mo'ate dursaa ture.
''Yeroon taphataan kun qoricha kan fudhate Waancaa Afriikaa booda ta'uufi sagantaa dorgommichaa waliin wal hinqabatu,'' jedhe Federeeshiiniin Kubbaa Miilaa Aljeeriyaa.
'Maanchistar Siitiif kuni rakkoodha'''
Mahareez Shaampiyeensi Liigii Siitiin rukuttaa adabbiiin Livarpuul Wanbileeyitti injifate dursee Jimaata darbe gara shaakalatti deebi'eera.
Gaardiyoolaan qoricha maalif akka fudhate waan hin beekamneef harka keessaa hin qabu jedhe.
''Doktoronni qoricha sirrii dhabuu danda'u'' jedhe Gaardi'oolaan.
''Waan inni fudhate hin beeknu. Kanaafi qorichi humna namaaf kennuu kan to'atamuuf, har'a yaaddeessaadha ogeeyyiin qoricha kana hin qabani sababni inni daqiiqaa muraasaaf garee taphattoota keessaa hin turreef kanaafi.
''Tapha itti aanu Weesthaam wajjin jirurratti akka hirmaatu abdiin qaba, waaanti hundi ni soroora jedheen yaada.''














