Kubbaa Miilaa: Ispiraanseen injifataa Chaampiyonsi Liigii Afrikaa jedhame

Madda suuraa, AFP
Kilabni Morookoo Wayidaad Kaazaablaankaa tapha waancaa marroo lammataa adda kutee bahuu isaatiin morkataan isaa Ispiraanseen injifataa Chaampiyoonsi liigii Afrikaa jedhame.
Murteen kun faallaa murtee koreen qaama kubbaa miilaa Afrikaa hoogganu, CAF, taphni marsaa lammataa irra deebiin akka taphatamu murteessee turee jedheera.
Waaydaad dirree gadhiisuun kan bahe goolii Ispiraansee waliin wal isaan qixxeessu galchanii ture murtee VAR'n haqamuu isaarraa kan ka'e.
Tapha marsaa lammataan haga gooliin Waaydaad haqame galutti qabxii waliigalan Ispiraanseetu 2-1 dursaa ture.
Tapha marsaa duraa Morookootti gaggeefameen gareen lameen goolii tokko qixxeen gargar bahan.
Gareeleen lameen dubbii kana irratti iyyata isaanii CAFitti galfatanii turan. CAF's Gareen Waydaad tapha isa lammataa akka ijifatametti lakkaawamee waancaan garee Ispiraanseef akka ta'u murteeseera.
Waydaad Kaazaablaankaan tapha dhiisee bahuuf $50,000 dabalataan jeequmsa deeggartootni isaa tapha Tunziyaarratti uumaniif ammoo $15,000 adabameera.
Ispiraanseenis jeequmsa deeggartootni isaa uumaniif akkasuma $50,000 adabameera.
Gareeleen lamaanuu taphoota lama fuula duratti taphatan bakka deeggartootni hin jirretti akka taphatan murtaa'eera.
Pireezidantiin Ispiraansee amala hin malle Pireezidantii CAF'tti agarsiisaniif adabbiin $20,000 irratti murameera.












