Kooriyaan Kaabaa: Meeshaa waraanaaf oolfachuuf doolaraa bln. lama hatte

dhukaasa misaayilaa Tv irratti

Madda suuraa, Getty Images

Kooriyaan Kaabaa ijaarsa meeshaa waraanaashee deeggaruuf jecha 'cyber-attack' fayyadamuun doolaraa biliyoona lama hatuunshee gabaasni motummoota gamtoman jalaa miliqe tokko mullise.

Gabaasni iccitii kun Piyoongyaang maallaqa kana walitti qabachuuf baankota fi sharafa maallaqa dijitalaa kan akka crypto-currency irratti qiyyachuun jedheera.

Maddeen odeeffannoo kun BBC tti akka himanitti Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii aleellaa saayibarii 35 qorateera.

Kooriyaan Kaabaa misaaayilota lama Kibxata kan dhukaaste yoo ta'u, torban lama keessatti yeroo 4ffaa dhukaaste.

Har'a ganamaan hoogganaan biyyatti Kiim Joong-Un shaakala Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaa waliin eegalan akeekkachiisuuf akka ta'e ibsan.

Piyoongyaang shaakalli waraanaa kun waliigaltee nageenya cabsa jette.

Gabaasni Koree qoqqobbii Mana Maree tasgabbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanif ergame miliqe bahe Piyoonyaang aleellaa Saayibarii fayyadamuun dhaabbilee faayinaansii fi maallaqa karaa dijitaalaa daddabarfamu hatuun galii argatti.

Ogeeyyin gocha maallaqa ittin argachuuf ittifayyadamtu qorataniiru.

Gabaasichi akka jedhutti, Kooriyaan Kaabaa qoqqobbii dhaabbatichi itti murteesse cabsuun meeshalee ijaarsa meeshalee gabbisa Niwukilaraaf oolcha akka jirtu ibse.

Bara 2006 irra eegalee Manni Maree tasgabbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomani cilee, Ayiranii ,uffata fi soorata bishaan keessaa argaman gara biyyoota birootti akka hin ergine qoqqobee ture. Kana malees,qoqqobbiin boba'aa calalamee fi oomisha Peetiroliyeemii biyyoota biroorraa akka bitne irra qoqqoban.

Kiim Yoong Un Pirezedantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp wajjin Singaapporitti bara darbe wayita mariyatan shaakala meeshaa waraanaa Niwukilaraa akka addaan kutu himee ture.

Mr.Kiim Misaayiloota ardiirraa gara ardii biraatti dhukaa'uu danda'aan akka hin shaakallees waliigalanii turan.

Mariin lammaataa Hanoyitti bara 2019 keessa qophaa'e waliigalteerra otoo hin gahiin goolabame.

Yeroo sanaa eegalee addaaan citeera, biyyoonni lamaan marii dippiloomaasii itti barbaadanis.

Gabaasa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanif hordofuudhaan deeebii kan kennite dubbi himtuun mootummaa Ameerikaa, biyyootni itttigaafatamummaan qaban gocha saayibarii gowwomsaa kana akka dhaabsan fi galii argattus sagantaa gabbisa Misaayilaaf oolchitu dhaabsisu qabu jedhan.