Feesbuukiin akkawuntiiwwan 350 Saawud Arabiyaan hidhata qaban cufe

loogoo feesbuukii ibsu

Madda suuraa, Getty Images

Feesbuukiin namoonni qondaaltonni Saawud Arabiyaatti hidhata qaban eenyummaa sobaatti fayyadamuun holola gaggeessaa jiraachu bara gaheera jedhe.

Qabiyyeen holola isaanis kan biyyoota jiddu gala bahaa fi Kaaba Afriikaa yoo ta'u barreeffamicha afaan Araabaatii ta'u ibseera.

Kanaafis akkawuntiiwwan fi fuulli 350 ol dhimma kanaan walqachuun haqameera.

Dhaabbanni midiyaa hawaasa guddichi kun akkawuntiin sobaa akka motummaa waliin hidhata qaban ifatti wayita qeequ baayyee kan barame hin turre.

Haa ta'u malee Saawudi Arabiyaan hanga ammaatti dhimmicharratti kan jette hiqabdu.

Kaampaanichi torban kana keessa tarkaanfii fudhateen gochawwan holola walfakkaataa karaa feesbuukii fi karaa Inistaagiraami kan isaa ta'eetiin deddibi'u hambisuuf ta'u ibse.

Akkawuntiin fi fuulli banaman kunnis kan lammii biyyoota kanneenii fakkeeffamanii kan saaqaman ykn midiyaalee naannoo sanaa fakkeeffamani kan banaman turan jedheera.

Kaampanichis odeeffannoo sirrii hin taane waan midiyaa isaarratti tamsa'aniif qeequumsii dabalaa jira jedheera.

Kana malees akkaawuuntiiwwan gara biraa kan biyoota UAE fi Masirii keessatti saaqamanis cufu himeera. Kanneen garuu aangoo kam waliinu walitti hinhiine.

Feesbukiin maal jedhe?

Hoggaanaan imaammata Saayibarii Feesbuuk Naatina'eel Giliicher haala akkawuntiin sobaa Sa'udii kun hojjachuun shakkame ibsaaniiru.

Afaan Arabaatiiin odeeffannoo naannoo fi dhimmaa siyaasaarratti barreessuu. Mata dureen dhimma ilma mooti Sa'udi Mohaammad Bin Salmaaniin walqabu fi haaromsa dinagdee fi hawaasummaa ''mul'ata bara 2030''jedhu akkasumas, dhimma humna waraana biyyattii keessattu yeroo Waraanaa Yaman fa'aan ture dhiyeessuun walqabata.

Kana malees biyyoota ollaa akka Iraan, Quwaatar fi Tarkii ittiin qeequ. Amanamummaa Al-Jazeera news network fi Amenist Intarnaashinaal akka qeeqanis itti dabaluun himeera.

''Namoonni dhuunfaagocha kana duuba jiran eenyummaasaanii dhoksaniis mootummaa Sa'uditti hidhata kannen qabanitu' kana raawwataa jedhan.

Namoota Mil 1.4 ta'anitu fuula fi akkawuntii haqaman kanneen hordofaa ture. Feesbuukiin akka jedhetti ,namoonni kun of dhaadhessuuf doolara Ameerikaa 108,00 baasaniru.