Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maandlaa Maaseekoo: Astiroonotiin Afrikaa balaa doqdoqqeen du'e
Lammiin Afrikaa Kibbaa Maandlaa Maseekoo jedhamu carraa gara hawaa deemuu mo'achuun gurraacha isa jalqabaa yoo tahu abjuu isaa otoo hin dhugoomfatiin balaa doqdoqqeedhaan du'eera.
Maandlaa Maaseekoon nama ganna 30 yoo tahu gaafa Sambataa du'uu maatiinsaa beeksisaniiru.
Bara 2013'tti, dargaggeessi miseensa Humna Qilleensaa Afrikaa Kibbaa tahe kun dorgomtoota miiliyoona tokko mo'achuun iddoo 23 akkaadaamii hawaa Ameerikaa keessaa tokko kan argate.
Maaseekoon, maqaa masoo Afronaut fi Spaceboy jedhamuun kan beekamu yoo tahu, inni immoo mucaa magaalaa Piriitoriyaa jechuun of ibsa.
Balalii sa'atii tokkoo, walakkaa orbiitii gahee deebi'uuf, Wiirtuu Hawaa Keenedii Filooridaatti torbee tokkoof qophii irra ture.
Maaseekoon waanta dargaggoota Afrikaa dadammaqsuufi onnachiisu, eessaa iyyuu yoo dhufan abjuu isaanii fiixaan baasuu akka danda'an agarsiisuu akka fedhu dubbatee ture.
Hawaa irraa bilbileefi itti dubbachuuf karoora akka qabu BBC'tti kan dubbate dargaggeessi kuni ''Akkuma Armastiroong, wanta sarara tokkoo yeroo hunda naaf himamu nan qabaadha'' jedhees ture
Astiroonotiin lammii Ameerikaa bara 2012tti umurii 82tti du'e ji'a irra qubachuun nama isa jalqabaati.
Akkuma ji'a irra miilli isaa ejjeteen akkas jedhee ture ''Kuni nama tokkoof tarkaanfii xiqqoo dha, dhala namaaf garuu adeemsa dheeraa dha.''