Waancaa Afriikaa 2019: Guyyaa 18ffaa Waancaa Afriikaa, maaltu eegama?

Madagaaskaar RD Koongoo erga injifatanii booda

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Madagaaskaar RD Koongoo erga injifatanii booda

Yeroo duraaf Waancaa Afriikaa bara kanaarratti hirmaachaa kan jirtu Madagaaskaar, rukuttaa peenaalitiin RD Koongoo injifachuun marsaa biyyoota 8 itti aanutti ceeteetti.

Aljeeriyaanis goolii 3 fi 0'n Giinii injifattee marsaa itti aanutti caateetti.

Amma dura Naayijeeriyaan Kameruun injifachuun, Afriikaan Kibbaa ammoo Masrii injifachuun warra marsaa itti aanutti ce'anidha.

Tapha har'a Maalii fi Ayivoorii Koost akkasumas Gaanaa fi Tuniiziyaan taphataniin biyyootni lama marsaa itti aanutti darban adda baafama.

Taphattoota eegaman

Maalii fi Ayivoori Koost

Wilfried Zaha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Wilfired Zahaa Arsenaaliin barbaadamaa jira

Wilfireed Zahaa daqiiqaawwan 270 tapha kanarratti gareen isaa taphate keessaa 111 qofa hiriiree taphate.

Ta'us garee isaaf goolii galchuu danda'eera, tapha Namibiyaa waliin ture irratti galche.

Arsenaal taphataa kanaaf paawondii miliyoona 40 kenneera - taphatichi garuu xiyyeeffannaan isaa biyyi isaa Waancaa Afriikaa yeroo sadaffaaf akka injifattu gochuudha jedhe.

"Ammatti wanni ani yaadaa jiru, waancaa kana injifachuu qofadha" jechuun waa'ee jijjiirraa gaafatamee deebii kenneera.

Gaanaa fi Tuniiziyaa

Joordaan Ayeew

Madda suuraa, AFP

Jordaan Ayeew taphataa Waancaa Afriikaa irratti taphataa jiru kilabii isaa fuulduraa hin beekamnedha.

Kaffaltii dabalataa paawondii miliyoona 2.5niin turtii Siwaansii waggaa tokkoon booda gara Kiristaal Paalaas debi'uu mala jedhamaa jira.

Waancaa Afriikaa xumuree hanga deebi'uutti affeeraan isaa ni tursiifama.

Taphoota nuusa xumuraa

  • Senegaal fi Beniin - 10 Adoolessa, Kaayiroo
  • Naayijeeriyaa fi Afrikaa Kibbaa - 10 Adoolessa, Kaayiroo
  • Madaagaaskaar fi Gaanaa/Tuniziyaa - 11 Adoolessa, Kaayiroo
  • Maalii/Ayivoorii Koost fi Algeeriyaa - 11 Adoolessa, Suwiiz

Waggoota lamaan dura Waancaa Afriikaa kan injifatan Kaameruun fi keessummeessituun taphichaa Masriin injifatamanii taphaan alaa ta'uurraa kan ka'e, Gaanaan marroo shanaffaan Waancaa kana fudhachuu dandessi jedhamee tilmaamama.

Yoo itti milkoofte bara 1982 booda yeroo duraaf ta'a.