Waancaa Afriikaa 2019: Madagaaskaar 2-0 Naayijeeriyaa

Madda suuraa, AFP
Yeroo duraaf Waancaa Afriikaa irratti hirmaachaa kan jirtu Madagaaskaar, yeroo sadiif shaampiyoonaa kan taate Naayijeeriyaa 2 fi 0'n injifachuun Afriikaanota ajaa'ibsiifte.
Taphoota lama injifachuufi tokko qixa bahuun qabxiilee 7 kan guurratte Madahaaskaar rammaddii ishee dursuun marsaa itti aanutti darbuu mirkaneeffatteetti.
Lalaina Nomenjanahary dogoggora taphattoonni sarara ittisaa Naayijeeriyaa raawwatan fayyadamun goolii jalqabaa yoo galchu, Carolus Andriamatsinoro rukuttaa adabbii taphataa biraatti buusee galcheen biyyi isaa Naayijeeriyaa irra aanteetti.
Sadarkaa kubbaa miilaa biyyoota addunyaa FIFA'n baasuun 108ffaa irra kan jirtu Madagaaskaar gulantaa 63 Naayijeeriyaan caalamti.
Naayijeeriyaan taphoota lama jalqabaa injifachuun qabxiilee 6 argattee waan turteef tilmaamni hedduun Naayijeeriyaaf ture kan kenname.
Kubbaa to'achuun taphicharratti olaantummaa kan qaban warri Naayijeeriyaa goolii galchuutti hin milkoofne.
Fallaa isaatiin Madagaaskaar carraa goolii ta'uu danda'u uumuufi carraa argametti fayyadamuun caalanii argamaniiru.

Madda suuraa, AFP
"Warri Madagaaskaar tapha kanarratti maqaa gaarii horataa jiru. Lakkofsuma guutuuf jecha akka hin dhufnes ifa. Kubbaan miilaa isaan taphatan kan yeroo ilaaltu is bohaarsudha." jedhe xiinxalaan Kubbaa Miilaa BBC Muuree Barneel.
Taphattoota liigii biyyoota Awurooppaa keessatti taphatan hedduun kan qabdu Naayijeeriyaan, taphataa sarara duraa Arsenaal Aleks Iwoobii jijjiirraan galchitus waawuu gochuu hin dandeenye.
Masrii fi Yugaandaa
Taphicha keessummeessaa kan jirtu Masriin Sambata galgala Yugaandaa injifachuun qabxii sagaliin ramaddii ishee dursuu itti fufteetti.
Mohaammad Saalaa rukuttaa adabbii bilisaa argate goolitti jijjiiruun Masrii akka dursitu karra bane.

Madda suuraa, Reuters
Taphataan Aston Viilaa Ahimad Elmohaammadii goolii lammataa galchuun boqonnaan dura Masriin Lamaafi Zeeroon akka dursitu taasise.
Masrii, Madagaaskaar, Aljeeriyaa, Morookoo, Maalii fi Kaameroon kanneen ramaddii isaanii dursaa jiranidha.
Biyyoota 16 marsaa itti aanutti darban hunda adda baasuuf biyyooti marti tapha tokko tokkotu isaan hafa.
















