Balaa Xiyyaaraa ET302: 'Bu'aadhaaf jecha jireenya namaatti gatii baasuun hindanda'amu' maatii miidhamtootaa

Maatii miidhamtootaa balaa xiyyaaraa ET302

Madda suuraa, Getty Images

Abbootiin seeraa maatii miidhamtoota balaa xiyyaara Itoophiyaa baatii Bitooteessaa keessa kufee caccabeen firootasaanii dhabanii, maallaqa beenyaa omishaan xiyyaara Boeing dhiyeesse hinfudhannu jedhan.

Boeing maatiiwwan xiyyaarawwan Max 737 Indonezhiyaa fi Itoophiyaa kufee caccabeen miidhamaniitiif beenyaa doolaara miliyoona 100 akka kennu beksiseera.

Kanfaltiin kunis kan waggoota dheeraaf turuufi himannaan haala addaatiin irratti baname kunis walumaa galatti lubbuu namoota 346 galaafateera.

Nomi Husaa'in abbaan seeraa Teksaasiitti bu'urreeffachuun maatiiwwan balaa xiyyaara Itoophiyaa ET302tiin miidhaman muraasa bakka bu'ee akka jedheetti, kanfaltiin Boeing ''maatiiwwan kanneen waan dhaban bakka bu'uuf gonkumaa ittuu hin siqu.''

Gabaasaan BBC Tom Buridgeetti akka himeetti, ''wayita kanatti maamiltoonni keenya muraasni maallaqa argachuu fedhii kan qabanuu miti. Garuu Beoing xiyyaara isaanii sadarkaa tokkoof gabaa argachuuf jecha nageenya cimaatti qabeera,'' jechuun waan omishaa Beoing jedhu cimsanii haalu.

Mr Husaa'in hanga ammaattis maatiiwwan bakka bu'uun himannaawwan torba kan galche yoo ta'u, himannaawwan muraasa kanneeniin beenyaa doolaara miliyoona 276 gaafateera.

Hanga ammaattis himannaawwan gara 50 ta'an maatiiwwan midhamtootaatiin banamusaa ni tilmaama.

''Doolaara miliyoona dhiisiitii, doolaara biiliyoonni iyyuu haadha warraa kiyyaa naaf deebiisu hin danda'u.

Naannoo balaa xiyyaaraa ET302

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Naannoo balaa xiyyaaraa ET302

Namni kubaaniyaa gaggeessu yoo dogongora raawwatu, himatamu qabaata,'' jadhu lammiin Itoophiyaa Iyaasuu Tashomaa.

''Lubbuun namaa kan maallqaan bakka buufamu miti. Lubbuun kan akka meeshaatti gatii irratti baafamu miti. Omisha rakkina qabaatu ta'unsaa ammoo beekamaa ture,'' jechuun BBC'tti hime.

''Beoing erga akka rakkina qabaachunsaa adda bahee hojii dhaabee ture. Garuu ammas bu'aasaanii yaaduun lubbuu namootaa irratti tirgaa xabatu.''

Joon Ouindos Kaaraniyaa Keeniyaa irraa balaa xiyaarichaatiin miseensoota maatii shan kan dhabeedha. Isaanis haadha warraasaa Ani, intalsaanii kaarol fi ijoollee Kaaroole sadiitu balaa sanaan du'e.

Mr Kaaraaniyaan BBC Afriikaatti akka himeetti, inniifi maatiiwwan miidhamtootaa kan biraa waan Boeing dhiyeesse akka hinfudhanneef karaa WhattsApp waliin galusaanii himaniiru.

Akkasumas Boeing kallattiidhaan akka isan hin qunnamnee, garuu waa'ee beenyaa dhiyaate karaa midiyaatiin dhagahusaaanii himaniiru.