Seenaa, diingadee: Fincaan dabalatee wantoota hin baramne jaha dur qaraxni itti kaffalamaa ture

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaa namoota hundeessaan keessaa Beenjamiin Firaankiliin jireenya keessatti waanti hin hafne du'aa fi qaraxa (ashuraa) dha jedha.
Bulchitoonni tajaajila hawaasaaf kennamuuf jecha ashuraa sassaabuun kan eegalame waggoota 5,000 dura qarooma Masrii durii keessatti ture.
Bara sanarraa eegalee qarooma addunyaa hunda keessatti baratame.
Seenaa keessatti waa'ee taarifa sirriitti beekaman 6 isiniif dhiyeessina.
1. Zayita
Masrii duriitti Fara'onoonni namoota ashuuraa sassaban''Scribes'' jedhaman fayyadamuun ashuura sassabu turan. Ashuraan kun al-kallattiin yoo ta'u, oomisha murta'eerratti xiyyeeffata ture.
Bara sanatti zayitii ittoo bilcheessuuf oolu caala kan qaraxamuu hin jiru.
Warrii Masrii zayita kaffaltiii ittiin raawwachuuf qofaa miti kan itti fayyadaman, Zayita Fara'oon bituun dirqama. Sababnisaammoo oomisha beekamoo to'atamaa turan.
Zayita irra deebi'anii fayyadamuun dhorkaa ture, bulchitoonni namoonni zayita haaraa oomishame qofa akka fayyadaman dirqisiisaa turan.
2. Fincaan
Jaarraa 1ffaatti warra Roomaa durii biratti fincaan zayita caala haala aja'iba ta'een gatii jabeessaa ture.
Amooniyaan fincaanirraa argamu warshaale hedduu keessatti barbaadama ture, keessattu warshaan gogaa fincaan fayyadama. Maashinni uffata miiccuus akkasuma.
Kanaaf jecha hogganaan Roomaa durii Vespaasiyaan jedhamu dilala(taarifa) fincaanirratti buuse. Kaffaltiin ashuraas iddoo uummanni finca'uutti raawwatama.
Kanaaf jecha warri laatini ''Maallaqni hin xiraa'uu ''jedhanii amanu.

Madda suuraa, Getty Images
Vespaasiyaan bara sanatti maallaqa ammamiii ashuuraa kanarra akka walitti qabe waantii beekamu hin jiru.
Haa ta'u malee, beekamtii guddaa argachuun isaa Roomaa amma jirtu keessattillee otoo hin hafiin fincaanin walqabata. Mannii fincaanii hawaasa Vespaasiyaani jedhama.
3. Areeda
Mootiin Ingilaand Inirik 7ffaan bara 1500tti dhiyaatutti waanti bu'a qabeessa jedhe amanu areeda ture.
Nama areeda qabu hundarratti ashuuraa buuse, itti fayyadamnisaas haala hawaasummaarratti hunda'uun gargar ture.
Namni maallaqa gahaa qabu kan areeda qabu ta'uu ogeessi ashuraa himeera.
Intalli Inirik Isaabel 1ffaan ashuuraa kana ol keessi ture. Ashuura kana warraa areeda qabanitu torban lamatti kaffala.
Waggaa 200 booda Piitar tokkoffaan Raashiyaattii ''Piitar Guddicha ''jedhamee beekamu ashuuraa walfakkaatu hojiirra oolche.

Madda suuraa, Getty Images
4. Foddaa
Bara 1696 Biritish keessatti karaan dureeyyiirraa bifa addaan ashuraa sassaabuuf fayyadu foddaa manaa ture.
Namni mana foddaa qabu hedduu yoo qabaate ashuuraa guddaa kaffaluuf dirqama qaba. Namni qabeenya guddaa qabu foddaa hedduu qabaata jedhamee yaadama ture.
Ashuraan kun garuu, namni ashuuraa jala miliquuf foddaa akka hin baay'ifne taasise.
Kaan isaani sirumayyuu iddoo foddaa xuubiin cufuu eegalan. Kunis manneen dullomanirraa ni mul'atu.
Afuursituu(Ventileetara) manaa dhabuun rakkooo fayyaa akka qaqqabsiisu erga baramee bara 1851 ashuuraan kun hafe.
5. Ogummaa artii
Aartiin kan warra dureeyyiiti jedhamee waan yaadamuuf hojiiwwan fakkii irratti ashuuraan ni kaa'ama ture.

Madda suuraa, Getty Images
Akka fakkeenyaatti suuraa Oliver Kiroom Weel jarraa 17tti sirna mootummaa gonfoon lolaa ture kaasuutu danda'ama.
6. Dhuufuu loonii
Taarifni bara durii kun waan nama aja'ibu ta'us, dhuufuun loonii gaazii miteeni jedhamu ho'a qilleensaa jijjiiru of keessaa waan qabuuf warri loon horsiisan ashuuraa kaffalu turan.
Kanarraa ka'uun biyyooni gamtaa Awurooppaa muraasni sa'aa irratti hunda'uun ashuuraa kan kaffalchisaa jiran.
Biiyyoota loon horsiisuurratti ashuraa baay'ee kaffalchiisuun beekamtu Deenmaark yoo taatu, sa'a tokkoof taarifa doolara Ameerikaa 110 kaffalchiifti, sanuma kan dhuufuu ta'uusaati!












