''B/J Asaamminaw Tsiggeefaa harma haadhaa ciniinan'' ADP

Madda suuraa, FANA BROADCASTING CORPORATE
Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Dimokraatawa Amhaaraa (ADP) haala yeroo irratti ibsa baaseera.
Ibsichi yaalii fonqolchaa dura bu'ummaa Birgaadar janaraal Asaamminaw Tsiggeetiin durfamee guutummaa guutuutti fashalaa'een walqabatee aanga'oonnii naannichaa fi qondaaltonni waraanaa biyyattii wareegamusaanii akkasumas dhimmoota biraa kan hammateedha.
Paartichi walgahii yeroo ariifachiisaa taasifateen, maatiiwwan, firootaafi deeggartoota aanga'oota lubbunsaanii dhabanii, akkasumas biyyattiifi ummata naanichaatiif jabina hawweera.
Kana malees qaamolee nageenyaa naannichaa akkasumas naannicha tasgabbeessuun kan deeggarsa taasisan raayyaa ittisa biyyaa fi poolisii federaalaa gocha suukkanneessaa kan fashaleessuuf haarsaa olaanaa kanfalanis galateeffateera.
Ibsichi dabaluunis qaamooleen yaaliin fonqolchaa taasisaniifi waltaatoonni isaanii Waajjira Bullchiinsa naaniichaa, Komishiinii poolisii naannichaa, Dhaabbata midiyaa naannoo Ahaaraa, Waajiira ADP, lafa jiraanyaa aanga'oota naannichaa adda baasuun haleeluun motummaa naannichaa kuffisuuf ture jedheera.
kanaanis ummata naanichaa balaaf saaxiluuf kan kiyyeefateeedha jedheera.
Kanaafu gochichi haala kamiinuu kan haamlee, bu'ura seeraa fi siyaa hinqabneedha kan jedhe ibsichi, haalli aanga'oonni itti waareegamanis gara jabbummaa fi haala badhaa waan ta'eef kan ulfina ummata naannichaa salphisuudha jedheera. Kanaafis cimsinee balaaleefana jedha.
Paartiin ADP gaafii jijjiramaaf ittiin qabsaa'aa ture keessaa tokko mirgoota namoomaa fi dimokraasummaa lammiilee kabachiisuu waan tureef, Asaaminaw Tsiggee dabalatee namoonni hedduun hidhaarra turaniif sarbamni mirgaa irra gahaa ture akka bilisa bahan taasifameera.
Kanaaf adda duraan kan qabsaa'an ammoo aanga'ootuma haala sukkanneessaan ajjeefaman kanneen. Isaan ajjeessun ammoo harma haadhaa ciniinuu fi haaluu waan ta'ee, gochichis ummata naannichaa bira darbuun biyyattii balaaf kan saaxiluudha jedheera.
kana malees gochiichi haala itti yaadamee fi karooraan kan ogganame, caasaa mataasaa kan qabuu fi sirna biyyaaleessaa humnaan diiguun aangoo motummaa humnaa qabachuun kan fashalaa'eedha jedheera.
Asaaminaw Tsiggee motummaa waliin hiriiree karaa nagaatiin akka qabsaa'uuf carraan ooggansa kennamuufisatiin Biiroo nageenyaa fi tasgabbii akka ogganan taasifamu eeree, osoo karaa nagaatiin qabsaa'uun danda'amu kochi akkasi raawwatamuunsaa haaluu siyaasaa olaanaadha.
Kana malees Paartichi akka jedheetti, ummanni Amaaraa akka paartii siyaasaa cimaa fi motummaa akka hinqabaannee taasisuuf akkasumas gocha jijjiramni biyyattiitti mullataa jiru duubatti akka deebii'uu fi biyyi akka diigamtuuf raawwatame ta'usaa gamagamuun qabxiilee ejjannoo asiin gadii jaha baseera.
- Namoota yaalii fonqolcha mootummaa geggeessan jedhamanii shakkaman hatattamaan seeratti dhiyeessuu keessatti ga'een qaamolee nageenyaa fi uummataa olaanaa ture kan jedhu ibsi kun uummanni haaluma Kanaan itti fufee aantummaasaa nageenyummaa biyyaaf agarsiisuu qaba jedheera.Ammas taanaan tarkaanfiin seeraa cimee kan itti fufu ta'uus ibsameera.
- Sababa olaantummaan seeraa qixa sirrii ta'een kabajamaa hin turreef uummanni naannochaa rakkoolee hawaas-diinagdee fi siyaasaaf saaxilamaa waan jiruuf sochiin olaantummaa seeraa mirkaneessuurratti eegalame xiyyeeffannaa addaatiin itti fufa jedha ibsi kun.
- Nagaa fi tasgabbii naannochaa mirkaneessuuf jecha caasaa qaamolee nageenyaa irra deebiidhaan cimsuun akkasumas hirmaannaa uummataa guddisuun akka hojjetus paartichi ibsa baase kana keessatti eereera.
- Qormaata yeroo ammaa paartiin, mootummaa fi uummanni keessa galee jiru furuuf jecha tokkummaan dirqama ta'uu kan eere ibsi kun qondaaltonnii fi miseensonnii paartichaa akkasumas uummanni naannochaa balaa mudate kana ofirraa qolachuuf yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaa fi tasgabbiin hojjechuu feesisa jedha.
- Haalli tibbana naannoo Amaaraa keessatti uumame uummanni akka tasgabbii dhabuu fi walshakkuun akka heddummaatu taasiseera jedha ibsi kun. Kanaafuu uummanni naannochaa odeewwaan olii fi gadi oofamaniif gurra kennuu dhiisee hariiroo isaa cimsee tasgabbiidhaan jiraachuu akka qabus dhaameera.
- Paartileen siyaasaa naannocha keessa socho'an rakkoo biyyaa fi uummata mudate kana furuuf jecha miira itti gaafatamummaa qabuun hojjechuu akka qabanis gaafateera paartichi. Paartileen siyaasaa karaa nagaa biyyaa fi uummataaf hojjetan akkuma jiran kanneen haala mijataa uumametti fayyadamuun biyya diiguuf deemanillee waan jiraniif dafanii of hin sirreessan taanaan nageenyummaa uummataa fi biyyaaf jecha tarkaanfiin seera akka fudhatamu ibsa kana keessatti eerameera.
- Fonqolchi mootummaa kan guutummaatti fashale uummata Amaaraa kan qaanesse ta'ullee namoonni dhimma kanarratti dhugaa dhoksuun odeeffannoo dharaa tamsaasan uummata tasgabbii dhowwaa waan jiraniif irraa of qusachuu akka qaban akeekkachiiseera ibsichi.













